Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraan: Hojiilee aartii warraaqsa Sudaan si'eessan
- Barreessaa, Mohanad Hashim
- Gahee, BBC Africa, Kaartuum
Fakkiiwwan keenyan ykn dallaa irratti kaafaman kan biyyattiin waraana jalatti buluu morman magaalaa Kaartuum keessatti heddummataa jiru.
Erga Eebla 6 bara 2019 daandiitti bahanii mormaa kan jiran lammileen Sudaan pireezidantii biyyattii waggoota 30'f aangoorra turan buusanillee, waraanni itti fufee aangoo qabachuu mormaa jiru.
Barataa Yunivarsitii Kaartuum kan ta'e dargaggoo Mufaaq, fakkiin isaa lammileen Sudaan akkamiin cancala isaan ukkaamsee ture akka ofirraa kutan mul'isa jedha.
Fakkiiwwan hedduun ergaa rasaasaafi boombiin yeroo amma humna akka hin qabneefi lammileen karaa nagaan aangoo walitti dabarsuu akka fedhan mul'isu qabu.
Barataan mana barumsa aartii naannoo yeroo hedduu mormiin itti gaggeefamu jirutti baratu Mughiiraan, fakkiin isaa adda addummaa ykn garaagartee Sudaanifi kanneen mormicha irratti hirmaatanii mul'isa jedha.
Biyyattii keessa saboota hedduutu jira, qooqawwan 100 tokko ta'an akka jiranis himama.
Wanti harka namicha fakkii kanarra jiru irraa mul'atu "rababah" jedhama. Biyyattiin jijjiirama fedhaaf jecha tokkoomu mul'isa.
Fakkiin kun ammoo dhiirrii fi dubartiin warraaqsa kana keessatti qooda qixa bahachuu mul'isa.
Alaa Saalaah, shamarreen ganna 22 kun mallattoo mormii Sudaan taatee turte.
Alaabaan Sudaan durii bara 1970 keessa garee loltoota biyyattiin gatamee kan amma jiru Diimaa, Gurraacha fi Magariisaan bakka buufame, kunis aantummaa Arabaa mul'isuufi.
Hashtag #Sudaxit mormitoota biratti hedduu kan beekamuufi Sudaan Araba Caalaa Afriikaaf aantummaa qabdi yaada jedhu of duubaa qaba.
Barreeffamni afaan Arabaa ammoo "Sudaan Liigii Arabaa keessaa haa baatu. Nuyi gurraachota ilmaan Kuushi" kan jedhudha.
"Bilisummaa, Nagaa fi Haqa" dhaadannoowwan wayita mormii dhagaahamaa turan keessaa tokko.
Mormiin kun ammallee itti fufee jira. Fakkiiwwan kunneen heddun isaanii naannoo waajjira waraana biyyattiitti kaafamanii jiru.
Suuraaleen hundi mirga abbummaan nama gaafachiisu.