Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mormii Sudaan: Waraanni al-Bashir aangoorraa buusus uummanni Sudaan manatti hin gallu jedhan
Kamisa kaleessaa, erga pirezidaantiin Sudaan Omar Hasan al-Bashir humna waraanaa biyyattiitiin aangoorraa kaafamanii to'annoo jala oolfamanii as ammas uummanni mormiif ba'e manatti hin galle.
Humni Warraanaa Sudaan al-Bashiriin erga aangoorraa kaasee booda uummanni manatti akka ittifamuu qabu karaa mana maree haarawa waraana biyyattiitiin hundeeffamee labsee ture.
Labsii kana boodas garuu lammiileen Sudaan kumaan lakkaawaman addabbabbayii magaalaa Kaartuumitti ba'uun diddaa agarsiisuu ittuma fufan.
Namni waggaa dheeraaf biyyattii bulchaa ture Omar al-Bashir mormii uummataa ji'oota lakkoofsiseen kaleessa aangoorraa kaafamanis, ammas qaamni biyyattii harka galfate 'Humni Waraanaa' qaamuma mootummaa kanaa ture jechuun mormiisaanii itti fufaniiru.
Yeroo ammaa kana Magaalaa Sudaan keessatti mormitoonni kumaatamaaan yaa'anii walga'aatti jiran tarii walitti bu'iinsi mormitootaa fi waraana gidduutti akka uumamu taasisuu mala, sodaan guddaan biyyattiin ammas dhibdee nageenyaa kan biroo keessatti kuftii ka jedhuudha.
Caasaadhuma Humna Waraanaa amma biyyattii harka qabu gidduutti murnaan walqoodanii meeshaa walitti naannessuunis wantoota sodaa uuman keessaayi.
Taatee Sudaan booda Dhaabbati Biyyoota Gamtoomaniifi Gamtaan Afriikaa biyyattiin akka tasgabbaa'uu qabu, uummanni nageenyasaaf tumsuu akka qabu dhaamaniiru.
Maanguddoon umurii waggaa 75 wayita aangoorraa kaafamee to'annoo jala ooluu dhagahan lammiileen biyyattii miira gammachuu keessa seenan, yeroo xiqqoo booda garuu miirri kun badee iddoo duraatti deebi'an.
Kunis wayita qindeessitoonni hiriira mormii kanaa bakkuma duraan qubatanii turan fuuldura waajira olaanaa Humna Waraanaa biyyattii gadi dhiisuu didan ture.
''Kana jechuun mootummaadhuma duraan turetu itti fufe jechuudha. Kanaafuu qabsoo karaa nagaa itti fufna'' jedha Waldaa Ogeessotaa' Professionals Association' keessaa kan ta'e Saaraa Abdaljaliil.
Mana maree haaraan humni waaraanaa hundeesse kun ibsa baaseen lammiileen biyyattii akka sa'atii biyyattiitti 22:00-04:00 tti akka hin baane ittiseera.
''Lammiileen yoo nageenyasaaniif jedhan kanarratti cichanii hojiirra oolchuu qabu'' jedha ibsi kun. ''Humni waraanaa fi manni maree waliin ta'uun nageenya ni eegsisu, jiruufi jireenya lammiilee balaarraa ni eegu'' jedha dabalee ibsi kun.
Mormitoonni magaalaa Kaartuumitti walitti heddummatanii jiran alaabaa olkaasanii mirmirsuun dhaadannoo kanaan dura akka Obbo Bashir aangoorraa bu'aniif itti dhaadataa turan humna waraanaa kaleessa biyya harka galfatetti deebisaniiru.
Obbo Bashir yakka ajjeechaa lammiilee Dhiha Daarfuritti raawwateen himatamanii Mana Murtii Yakkaa Idil addunyaa (ICC) dhaan nama barbaadamaa turaniidha.
Yeroo ammaa to'atamanii kan jiran Obbo Bashir mana murtii kanatti dhiyaachuusaaniirratti wanti ifa ta'e hin jiru.