Bulchiinsa al-Bashir duraa irraa eegalee waggoota 34'f Kaartuum keessa kan jiraatan lammiin Itoophiyaa Obbo Nagaasii Tafarraa sababa mormii kanaan rakkoon lammilee Itoophiyaa irra gahe hin jiru jedhu.
Lammileen biyyattii nagaan gammachuu isaanii ibsachaa magaalattii keessa naanna'aa jiru jechuun yaada isaanii BBC'f kennaniiru.
"Amma mootummaan waraanaan durfamu aangootti bahuutu dubbatamaa jira, bara dhufu filannoon akka adeemsifamu abdiin jira" jedhu.
"Bulchiinsi al-Bashir lammilee Itoophiyaaf mijataa ture, al-Bashiris akka abbaa turan" kan jedhan Obbo Nagaasiin, mootummaan waraanaan durfamu aangootti yoo bahe haalli jiru rakkisaa ta'uu danda'a jechuun sodaa qaban ibsu.
Haa ta'u malee jijjiiramni dhufu qaala'iinsa jireenya ni fooyyessa jedhanii abdatu.
Lammiin Itoophiyaa biroo konkolaataa isaanii oofanii warra gammachuun karaatti bahanii sirbaa jiranitti akka makaman nutti himan tokko, namnuu manatti hin hafne, sochiin jiru naga qabeessa jedhu.
Ministirri Waraanaafi Pireezidantiin itti aanaa aangoo ni fudhatu jedhamee eegamaa turus, lammileen biyyattii isaan irraas mormii waan qabuuf mariitti akka jiran dhaga'eera jedhu namni kun.
Marichi akkuma goolabameen ibsa ni kennu jedhamee eeganaa akka jirus nutti himaniiru.