Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoonni Sudaan himanna duudhaa cabsuurraa bilisa jedhaman
Dubartoonni Sudaan 24 surree uffachuun bakka shubbisaa naannoo Magaala Kaartuumitti mula'atan, safuu cabsitan jedhamanii himataman bilisa bahan.
Poolisoota duudhaa to'atantu Roobii darbe bakka shubbisaa kanaatti ol lixuun dubartoota kana to'ate.
Murteen seeraa osoo itti keennamee dubartoonni kun adabbii alangaa 40 fi huccu safuun ala uffatan jedhameef maallaqa adabamu ture.
Waggaa waggaan safuu hawasaa cabsitan jechuun dubartoonni kuma kudhaniin lakkaawaman seeratti akka dhihaatanii fi seerri akka feeteen akka hojiirra oolu dubbatu rogeeyyiin mirgaa.
Seerrii surree, huccuu gabaabaa fi taayitii uffachuu dhorku biyya harki caalaan ummata biyyaatti hordoftoota amantaa Islaamaa ta'an keessatti hojiirra oolee jira.
Akka aadaatti dubartoonni Sudaan kafana bal'aa lafa tuqu uffatu.
Labsiin nageenya uummataa mirgootaa dubartootaa sarbaa jira jechuun Amiiraa Osmaan Raadiyoo biyya Neezarlaanditti himteetti.
''Qophiin shubbisaa kan gaggeefamaa ture galma cufaa naannoo, El Mamuuraa, kibba Kaartuumitti'', jetti Amiiraan
''Dubartoonni to'annoo seeraa jala oolan hayyama malee surree uffattaniittu jedhamuuni'' akka Amiinaan jettutti.
Akka seera yakkaa biyyattii keewata 152tti huccuu safuu hawaasaan ala ta'aniifii hawaasicha dallansiisan uffachuun ni adabsiisa.