Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miidiyaa: Gaazexeessaa Tamasgeen Dassaalany hiikame
Hogganaafi abbaan qabeenyaa barruu Fitih gaazexeessaan Tamasgeen guyyaa kaleessaa to’annaa jala oolfamee kan ture yoo ta’u, guyyaa har’aa hiikamuusaa obboleessisaa Taarikuu Dassaalany himeera.
Ganama har’aa obboleessasaa komishiinii poolisii Finfinneetti hidhaarra ture gaafachuu dhaqus seenuu hin dandeessu jedhamee mana murtii dhiyeessuunii danda’u yaada jedhuun achumatti isa eegaa turrus hiikamee arguusaa dubbateera.
Isaan dabalataatti qopheessaa barruu Fitih Misgaanaawu Zinaabeenillee hiikamuusaa hima Taarikuun.
Tamasgeen maaliif akka hidhame, akkasumas sababii ittiin hiikameef hanga ammaatti odeeffannoo tokkollee akka hin qabne hima Taarikuun.
Yaalii guyyaa kaleessaa Taarikuu daqiiqaa muraasaaf dubbisuuf taasifnerratti sababa Tamasgeen hidhameef yeroo gaafannuun akkas jedhee ture: “Oduu sobaa tamsaasuu barbaadda kan jedhuun alatti wanni natti himan hin jiru.”
“Anillee hamma abukaatoon kiyya dhufutti homaa hin dubbadhu. Uffanni qorraa akka naaf seenu naaf godhi,” jechuusaa Taarikuun fuula Feesbuukii isaarratti barreessee ture.
Guyyaa Roobii kaleessaa poolisoonni saddeet ta’an waajjira Tamasgeen akka dhaqaniifi innis yeroo sanitti waajjira waan hin turreef qopheessitoonni barruu kanaa bilbilaan haala jiru akka itti himan odeeffannoon Taarikuurraa argame ni mul’isa.
Tamasgeen poolisoota waliin gama bilbilaatiin kan dubbate yoo ta’u, poolisoonni waraqaa waamichaa yookiin ajaja hidhaa harkatti qabatanii jiru taanaan waajjirasaa akka kaa’aniif itti himuusaa himameera.
Poolisoonni isa qaamaan arguu akka barbaadaniifi gaaffii poolisoonni bakka jiru gaafataniin, inni ofiisaatiin poolisoota qaamaan arguuf gara waajjiraa deebi’uusaa Taarikuun himeera.
Dabalataanis poolisoonni konkolaataa keessa isa galachanii komishiinii poolisii Finfinnee Soostanyaa jedhamee beekamu geessuusaanii ibseera.
Qopheessaan barruu Fitih Misgaanaawu Zinaabees Tamasgeen waliin akka poolisootaan qabame Taarikuun BBC’tti himeera.
Gaafii BBC’n Tamasgeen sodaa dhiheenyatti hidhamuu danda’a jedhu qaba turee jedheen Taarikuu gaafateef sodaa akka hin qabne obboleessisaa ibseera.
Poolisiin Finfinnee waa’ee hidhamu gaazexeessaa kanaa gaafatamee dhimmichi poolisii federaalaa ilaallata jechuun yaada kennuurra of qusateera.
BBC’n deebii argachuuf poolisii federaalaa bira bilbilus deebii hin arganne.
Barruun torbee torbee maxxanfamu kun barreeffama Kantiibaa Itti aantuu magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee waliin walqabatu oduu hojjate ilaalchisuun xalayaan Abbaa Taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaaf barreeffame marsaalee hawaasummaarratti namoonni waliif qoodaa turaniin wal qabatee hidhamuu hin oolu jechuun tilmaamameera.
Gaazexeessaan Tamasgeen Dassaalanyi asiin dura waggoota sadiif hidhamee yeroo hidhaasaa xumuree baheera.
Yeroo sanitti barreeffamoota barruu Fitih irratti barreessee fi maxxanseen ture.
Himannaan gaazexeessicharratti dhiyaate sobaan yakkuun, maqa balleessii, oduu sobaa galmeessuu fi tamsaasuu akkasumas yaada ummataa jeequu fi ummanni akka jeequu dhiibuu kan jedhan ture.
Innis dhimmasaa mana murtiitiin hordofaa erga ture booda himannaa tokkoon yakkamaa ta’ee argamuusaatiif hidhaan waggoota sadiirratti murtaa’ee ture.