Miidiyaa: Hojjettoonni fi gaazexeessitoonni ONN mana murtiitti dhiyaatan

Hojjettootni Oromia News Network (ONN) hoteela Kakuu Maammeetti osoo qophii ayyanaa waraabaa jiranii qaamolee nageenyaa mootummaan Dilbata Fulbaana 6 bara 2020 to'ataman gariin mana murtiitti dhiyaachuu hoji-gaggeessaan dhaabbatichaa Obbo Sorsaa Dabalaa BBC'tti himan.

Ayyana bara haaraa Itoophiyaa sababeeffachuun qophii ayyaanaa waraabanii gara xumuratti erga dhiyaatanii booda to'annoo jala oolfamuu isaanii hoogganaa sagantichaa kan ta'ee fi hojii waraabbiirras kan ture gaazexeessaa Dassuu Duulaarraa bilbilaan dhagahuu himu Obbo Sorsaan.

Gaazexessaa Dassuun to'annoo jala oolfamuu fi gara buufata Poolisii 'Sostanyaa' jedhamuutti geeffamaa akka jiran bilbilee akka itti hime dubbatu.

Dhaabbatichi fuula Feesbuukii isaarratti gaazexessitootni isaa sadddeetii fi namootni biroon to'annoo jala ooluu barreesseera.

Hojjettootni dhaabbatichaa Dassuu Duulaa, Eebisee Nagaash, Sabboontuu Ahamaan, Bahiluu Naccoo, Baayyisaa Jiruu, Getaachoo Alamaayyoo, Biiniyaam, Sinboo Dajanee Xaafaa fi konkolaachisaan tokko akka keessatti argamanis beeksiseera.

Obbo Sorsaan namoota kanaan dabalataan jaarsoliin qophii kanarratti affeeraman, weellistootni sirba aadaa sirban, akkasumas namni nyaata aadaa dhiyeessan hidhamuu himaniiru.

Ergasii maatiin namoota hidhamanii gaafachuuf gara buufata poolisichaa dhaqanis wal arguu akka dhorkaman ONN fuula Facebook isaarratti barreesseera.

Hanga Sambata dhufuutti maatiin akka hin dubbisne dhorkamuu kan himan Obbo Sorsaan, mana murtiitti kan dhiyaatan jiraachuu dubbatan. Haa ta'u malee wayita poolisiin mana murtiitti isaan dhiyeessu hin hordofne jedhu.

Gaazexeessituu ONN tokko dabalatee namootni biroo gaafas waliin qabaman shan gadi dhiifamaniiru.

Qabiyyeen sagantaa waraabamuu aadaa fi bara haaraa kan ilaallatuu fi siyaasa kan of keessaa hin qabne akka ta'u mari'atamee qophii siyaasarraa bilisa ta'e waraabaa akka turan Obbo Sorsaan himaniiru.

''Namootni qophii kanarrattillee waamaman jaarsolii fi sirbitoota aadaa nama lama malee kan biraan hin waaamamne.''

Dhaabbati isaanii hanga ammaatti sababa maaliin hojjettootni isaa akka to'ataman kan hin beekne ta'uufi hanga ammaatti qaama kamuu akka hin gaafanne himaniiru.

Namoota hidhaman keessa tokko intala qondaala ol-aanaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Obbo Dajanee Xaafaa, Simboo Dajaneeti.

Obboo Dajaneen ammo ajjeechaa weellisaa Haachaaluu hordofuun qondaaltota paartilee siaayaasaa hidhamanii dhimmisaanii mana murtiitti ilaalama jiru keessaati.

Haatii Simboo Aadde Assallafach Mulaatuu intalli isaanii qabamtee hidhamu mirkaneessaniiru.

Simboon gulaaltuu ONN akka taate kan himan Aadde Assallafach, ''ABO wajjiin gurmaa'uun jeequmsa kakaasuuf qophaa'aa jirtu,'' jechuun qabanii Dilbata Maa'ikalaawwitti hidhuu fi sana boodas mana murtiitti dhiyeessuu dubbatan.

ONN midiyaa itti gaafatamummaan isaa dhunfaa murtaa'e (PLC) akka ta'e kaasuun, paartii ABO waliin hidhata qabaachuu isaa waakkatan hoji gaggeessaan ONN damee Finfinnee Obbo Sorsaa Dabalee.

Ji'a lama dura ajjeefamuu falmaa mirgaa Art. Haacaaluu Hundeessaa hordofee wayita OMN saatalaayitiirraa ugguuramu waliin ugguramee kan ture ONN, dogoggoraan uugguramtan jedhamuun qilleensarratti akka deebi'an Obbo Sorsaan himaniiru.

Hojii isaaniirratti sana duras ta'e san booda akeekkachifni isaan qaqqabe akka hin jirres dubbataniiru.