Dr. Geetaachoo Dinquu: "Miidiyaa qabsootiif hayyama kenninee hin beeknu'' Dr. Geetaachoo Dinquu

Erga Ministirri Muummee Dr Abiy Ahimad gara aangootti dhufaniin booda gama miidiyaalee dhuunfaatiifi bilisummaa pireesiitiin jijjiiramoonni jiraachuu dubbatan Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Biroodkastii Itoophiyaa Dr Geetaachoo Dinquu ogummaarratti xiyyeeffatanii hojjechuurratti ammas rakkootu jira jedhan.

Gama biraatiin ammoo haalli gabaasa midiyaalee kan walabummaarratti hundaa'e akka hin taane , kunis walitti bu'iinsa hawaasa jidduutti umamuuf madda akka ta'e yeroo baayyee ni dubbatama.

Kanaafi to'annaan Abbaan Taayitaa Biroodkastii Itoophiyaa madaalummaa fi walabummaa gabaasa miidiyaa to'achuurratti taasisaa jiru waan hin cimneef kanneen jedhanis hin dhabamne.

Dr Geetaachoon biyyattii keessatti miidiyaaf haala mijataa gama uumuutiin fooyya'iinsi jiraachuu dubbatan.

''Walabummaa fi ogummaa miidiyaatiin biyya ollaa kan taate Keeniyaan sadarkaa fooyya'aa irratti argamti,'' kan jedhan Dr Geetaachoon, nutis wayita isaan miidiyaa Keeniyaa keessa jiran irraa muuxannoo qooddachuuf jila isaanii dursanii gara magaalaa Naayiroobii dhufa dubbisne.

Dr Geetaachoon akka jedhanitti erga Minsitirri Muummee Abiy gara aangootti dhufanii booda gama midiyaatiin jijjirama hedduutu jira.

Kanaan dura mootummaan miidiyaa elektirooniksiif hayyama kennuurratti akka of qabaa ture kan dubbatan Dr Geetaachoo Dinquu amma garuu miidiyaan elektirooniksii heddummaaachuu dubbatu.

Keessattuu kanneen raadiyoofi TV karaa saatalaayitiin dabarsuu barbaadaniif ulaagaa barbaachisu guuttannaan hayyamni ni kennamaaf jedhaniiru.

Kana malees marsariitiiwwan cufamanii turan hedduun deebiifamanii saaqamuu kan himan Dr Geetaachoon, filannoon hawaasni ittiin odeeffannoo argatu baayyateeras jedhaniiru.

Haata'u malee haalli dirree midiyaa ukkaamfamee ture wayita saaqamuutti kanneen gara dirree kanaatti galan hundi ogummaa barbaadamuun hojjatu jechuun eeguun kan rakkisu ta'as, jedhu.

Muraasni bilisummaa argametti fayyadamuun itti gaafatamummaan kan hojjatan yoo ta'u, kaan ammoo haalichatti fayyadamuun dhimmoota adda addaaf dhimma itti bahu jedhu.

Hundi isaanii garuu hawaasa hunda haala wal qixa ta'een tajaajilla jechuun hayyama fudhatus jedhu.

Loogiin guutummaatti midiyaa keessaa ni bada jedhamee eegamuu baatulleen, haalli midiyaa biyya keenya keessatti mul'atu kun garuu bakka biraatti baay'inaan hin mul'atu jedhan.

Haata'u malee abbaan taayitichaa haala kana to'achuun kan irra jiru ta'ullee hariitiidhaan gara tarkaanfiitti galuu irraa of qusachuus himaniiru.

Kanaafis sababii yoo eeran, haala bilisummaa midiyaa amma eegalameefi haguuggii miidiyaa akkasumas sagaleewwan adda addaa haguggii miidiyaa akka argataniif waan barbaadnuuf jedhaniiru Dr Geetaachoon.

Kana yoo jedhamus ammoo ni obsina jedhamee gabaasaalee kallattiidhaan hawaasa irraan miidhaa qaqqabsiisan callifnee hin ilaaallu jedhu Daarektarri kun.

''Ji'aan haala saayinsaawaa ta'een ragaa qabachuun galmeessinee midiyaaleef ni kennina. Akka tarkaanfii foyya'inaa taasisanifis gabaasa ni kenninaaf,'' jedhan.

Kanaafis muraasni haala gaariin deebii kan kennan yoo ta'u, kaan ammoo kan morman jiraachuu himu.

Haala akkasiin itti deemamee fooyya'insi kan hinmullannee yoo ta'e ammoo hanga hayyama haquutti kan deemamu ta'uufi kanaaf ammoo sardamuun barbaachisaa akka hintaane himu Dr Geetaachoon.

Haaluma kanaanis dhaabbileen midiyaa xalayaan itti barraa'uufi qaamaan dhiyaachuun ibsa akka kennan kan taasifaman jiraachuus ni himu.

Bakka haqni ragaa hin jirreti akka dhiifama gaafatan kan taasifamuufi kuni hojii guyyaa idileesaanii ta'u himu.

Kanaan alattis, haala gabaasa dhimmoota mana murtiin qabaman irratti qajelfama qopheessaa jiraachuu himaniiru Dr Geetaachoon.

Hanga ammaattis qaamni qabatamaadhaan gabaasa mana murtii irratti komii ragaan deeggarame dhiyeeffate akka hin jirres himan.

Haala seera birodkaastii komiin baatii jaha keessatti yoo dhiyaate malee abbaan taayitichaa sagantaa miidiyaa tokko kuusee kaa'uuf dirqama hinqabaatu jedhaniiru.

Kuni siriiyyuu biyyoota biraatti yeroo gabaabaaf qofa kan kuufamu ta'us ni himu.

Akka Dr Getaachoon jedhaniitti, abbaan taayitaa kun raadiyoofi TV malee human qabiyyeewwan gabaasaalee onlaayinii ittiin to'atu hinqabu. Kanaafuu onlaayiniifi gaazeexaaf hayyama hinkennu.

Abbaan taayitichaa kan hojjatu gaheewwan hojii Labsii 533/99 irratti kennameef qofaa ta'u dabaluun himan.

Qabiyyeewwan odeessa intarneetii to'achuuf biyyattiin seera baaftee kan hinqabne yoo ta'u, abban taayitichaa Kanaan ala adeemu kan hindandeenye t'a'u himu.

Tarii labsiin raga soobaa fi farra haasaa jibbaa kan amma manni maree irratti mari'ataa jiru wayita ragaassifameetti waajiraaleen kana to'achuuf aangoon kennamuf jiraachu akka danda'an himu Dr Getaachoon.

Haalli kunis biyyoota garaa garaa keessatti haala adda addaatiin hojiirra kan oolu ta'u himu. Kanaafu gara tarkaanfii fudhachuutti adeemuun dura, biyyi keenyas adeemsa seeraa gama Kanaan hordofu barbaaddu dursa murteessuu qabdis jedhan.

Seerri amma abbaan taayitaa ittiin hojjatu ALI kan bara 1999 keessa ragaasiifamee ta'u kan hima Dr Geetaachoon, seeroonni haala qabatamaa amma jiruu hunda hammachurratti hanqina qabaachu himu.

Fakkeenyaaf hayyamni wayita kennamu raadiyoo ykn TV ta'usaa ilaaluun qofa malee isaan booda odeeffannoo gama kamiin dabarsitu kan jedhu hinjiru.

''Amma garuu seerri kun fooyyeeffamaa jiraas jedhan. Labsiin amma mana maree bakka bu'ootaatiin irratti mari'amaa jiru sun ragaasifameettis waliin ta'uun hojjachu dandeenya,'' jedhan.

Walumaa galattis haala midiyaa biyyattii irratti abdii baayyeen qaba kan jedhan itti gaafatamaan kun, kaka'umsi gama motummaan mul'atu gaariidha jedha.

''Haa ta'u malee waan hundaa ni beekna, qabanneera, isaafis qophaa'oodha jechu miti,'' jedhan.

Yaaddoon ammo gama midiyaalee gabaasa gara tokkoo qofaatti cinnlaaffatee gabaasan waliin wal qabateeti. Kanneen akka midiyaa qabsootti ofi ilaana jiruu jadhu. ''Nutis midiyaa qabsootiif hayyama kenninee hinbeeknu'' jedhan Dr Getaachuun.

Hayyamni kennaa jiran gosa sadii kan qabu ta'u himuun, kunis midyaa hawaasaa, kan ummataafi kan daldlaati jedhan. Kanaafuu hayyama qabsoo kenninee hinbeeknu.

Akka Dr Getaachon jedhanitti, midiyaale qaama tokko, kaayyoo siyaasa tokko, ilaalcha tokko qofaadhaaf abukaatoo ofi taasisuun dhaabbachuu barbaadan jiru. Hawaasnis amma midiyaalee akkasii adda baasaa waan dhufeef waljalaan badaa akka deemu danda'u abdii jedhu qabaachu himu.

Midiyaalees tarkaanfiin gama motummaatiin osoo hineegaliin ofi ilaalu akka qabaniif waamicha taasiseera.

Haaluma walfakkaatuunis gabaasa filannoo dhufaa ilaalchisuun qophiin taasifamaa jiraa himu.

Fakkeenyaaf, gaazexessitoon haalaa gabaasa filannoorratti marsaa hedduun leenjii akka argatan tasifamaa jira jedhan. Kana malees qajelfamoonis qophaa'u himu Dr Getachoon.