Beeksisi kitaaba qaama saala dubartootaa miidiyaa hawaasummaarraa haqame

Miidiyaan hawaasummaa kanneen akka tiwitarii, Inistaagiraamiifi Fesbuukii kitaaba waa'ee qaama hormaata dubartootaa (buqushaa) mata duree 'The Vigina Bible' jedhuun barreeffame diduusaa dhaabbati kitaaba maxxansu Kensingitan jedhamu ibse.

Qabiyyeen kitaaba kanaa wayita miidiyaalee hawaasummaa kanneenirratti beeksifamutti jechi 'vaginal ykn vagina' jedhu hundi fudhatama dhabeera.

Beeksisi jecha kana of keessaa hin qabne garuu hunduu darbeera.

Kitaaba kana kan barreessan Dr Jenifar Guntar jechi 'vagina' jedhu safuu osoo hin taane qaama namaati, jecha qaaniis miti jedhan.

Beeksisi waa'ee kitaaba kanaa jalqaba wayita maxxansuuf dhiyaate ''waa'ee fayyaa buqushaa wantoota baruu qabdan' jedha ture.

Inni kun haqameera. Booda jecha 'vagina' jedhu keessaa baasuun beeksisichi darbeera.

Barnoota waa'ee walquunnamtii saalaa fi fayyummaa qaama walhormaataa dubartootaa kan barsiisan Dr. Jenifar inumaa maqaa kana waamuu dhiisuutu qaaniidha malee, maqaa uumamaa isaatiin waamuun waan tuffatamuu qabu miti jedhan.