Dhiirota sadii Somaaliyaatti daa'ima gudeedan irratti duuni murtaa'e

Kaaba Baha Somaaliyaatti dhiirotni sadii daa'ima ganna 12 gudeedani fi ajjeesan du'aan adabaman.

Ayishaa Iliyaas Adeen butamtee erga gudeedamtee booda mana jireenyaashii Gaalkayoo argamutti biratti gatan.

Gaalkayoo bakka ofiin bulchitu Puuntland keessaatti argamtu keessatti yakki kun Guraandhala keessa raawwatame.

Himannaan kun biyyatti keessatti hiriiraa fi dallansuu kaaseera.

Shakkamtoonni 10 jalqabarratti kan hidhaman yoo ta'u, manni murtii olaanaan biyyatti namoota 3 balleessaniiru jedhee irratti mureera.

Abbaan alangaa ragaa qacceesaanii(DNA) fayyadamuun yeroo jalqabaaf balleessaa itti mure.

Dhaddachi mana murtii Puuntilaand dhaaddacha ijibbaataati.

Adabbiin du'aas itti dhukaasuun kan raawwatamuu yoo ta'u Pirezidantiin akka mirkaneessaniin ni raawwatama.

Bulchiinsi Pirezidantichaa namoota yakka gudeeddii raawwatanirratti tarkaanfi cimaa akka fudhatu waadaa seenu isaatu yaadatama.