'Tiraamp nama jibba sanyummaan guutame' jedhe abbukaatoon isaa duranii

Doonaald Tiraamp amala yakkamaa qaba namoota gurraachaafis ilaalcha gadi aanaa qaba jedhan abukaatoon isaanii duraanii Maayikil Koohen.

Abukaatoon isaanii duranii Koohen kana kan jedhe Kitaaba isaa 'Disloyal: A Memoir' jedhu keessatti.

Koohen kitaba kana kan bareessan duula filannoo Tiraamp irratti labsiiwwan faayinansii cabsuun erga qabamanii hidhamaniiti.

Akka Koohen jedhutti Tiraamp Neelsan Maandeellaa fi warra Hispaaniik jedhaman irraa jibba saanyummaa qabu.

Waayit Haawus gama isaan Koohen hin soba jechuun qeeqa kitaabicha keessa jiruuf deebii kenneera.

Koohen nama surraa hin qabne, abbaa seeraa ittifamee fi Kongireesii sobedhas jedheera Pirees seekreetariin waajira pireezidanti.

Amantaa qabu hunda dhabeera yaaliin sobarraa buufachuuf godhu kan alanaa kunis nama hin raajuu jedheera.

Koheen kitaaba isaa keessaa yakka inni ittiin himatamee itti murtaaheen Tiraampillee yakkamaadha jedha.

''Ni hata, ni soba, ni gowwoomsa, hamilee nama cabsa, jibba sanyummaa qaba, nama saama'' jedhee Tiraampiin ibsa.

Miidiyaaleen US hedduun kitaaba Kibxata maxxanfame kana keessaa jechoota luqqisuun gabaasaa jiru.

Gurraachotaa fi Mandeellaa kan ilaallatu

''Akka qajeelfamaatti Tiraamp namoota gurraacha hundaaf ilaalcha gadi aanaa qaba, muuziqaa hanga aadaatti achiis hanga siyaasaatti'' jedha Koohen kitaaba isaa keessatti.

Doonaald Tiraamp Pireezidantii Afrikaa Kibba duraanii fi falmaa sirna Appaartaayidii Noobeelii Nagaa badhaafamaan Neelsan Maandeellaatiin ''hoogganaa miti'' jedheeraa jedha Koohen.

''Biyya nama gurraachaan hoogganamu kan bakka balfaa hin taane naa himi. Hundi isaaniiyyuu guutummaatti mana fincaaniiti'' jedhaniiru Tiraamp jedha Koohen.

Koohen kitaaba isaa kana keessatti Tiraamp yeroo kan biraa bara 2018 keessa biyyoota Afrikaatiin"shithole" biyyoota balfaati jedheera jedha.

Yeroo sanitti Tiraamp ani nama jibba sanyummaa qabuu miti inumaayyuu nama jibba sanyummaa baay'ee xiqqoo qabudha jedhaniiru.

Koohen kitaaba isaa keessatti Tiraamp pireezidantii isa dura ture Baraak Obaamaaf ''jibbaa fi tuffii qaba'' jedhe.

Uummatoota Afaan Ispaanish haasa'an kan Hispaaniik jedhaman keessumaa lammiilee Laatiin Ameerikaa irraa dhufaniif kabaja hin qabanii jedha Koohen.

Tiraamp ''sagalee Hispaanikootaa tasa hin argadhu, akkuma warra gurraachotaa isaanis Tiraampiin filachuudhaaf gadhoota, isaan uummata koo miti'' jedheeraa jedha.

Jibbi lammiilee biyyoota Laatiin Ameerikaarraa dhufaniif qaban turtii isaanii hanga ammaa keessatti ni calaqqisas jedha Koohen.

Gama kaaniin Tiraamp dinqisiifataa pireezidantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiini jedha.

''Sababni isaa ammoo inni biyyitti guutummaatti dhuunfatee akka qabeenya dhuunfaasaatti bulchaa waan jiruufi - akka dhaabbata Tiraampitti jechuun walfakkeesseera Kooheen.

Kooheen nama dhiyoo Pireezidant Tiraamp kan ture yoo ta'u yeroo tokko nama Tiraampiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kennu akka ture ibsee ture.

Sababa waldhabii kanaanis deeggartota Tiraampiin roorrifamaa ture. Tiraamp Kooheniin hantuutaafi sobduu ittiin jedhaniiru.