Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaakoob Bileek siree hospitaalaa irraa ergaa deeggartootasaaf dabarse
Dargaggoo waggaa 29 kan ta'eef erga qondaala poolisiin rasaasa torbaan dugda keessa rukutameen booda hospitaala galee wallaansa irratti kan argamu lammiin Ameerikaa gurraachi Jaakoob Bileek karaa viidiyootiin deeggartoota isaatiif ergaa dabarse.
Innis dhukkubbi wali irraa hincinnee keessatti akka argamu dubbata.
Maatiinsaa muudhii gadi laamsha'u danda'a jedhaniis garuu abdiin jiraachuu akkasiin dubbate, ''jireenyi jiraatamu hedduutuu jira.''
Dargaggeessi umuriin isaa waggaa 29 kunis osoo to'atamuuf jiruu ture kan rasaasaan rukutame.
Taateen sun jibba sanyiifi gara jabummaa poolsii US irratti mormiin akka gaggeefamuusf kakaaseera.
Namoonni mormii Kenoshaa magaalaa Mr Bileek keessatti rukutameett bahanii turan booda gara okkoraatti geedamranuun namoonni lamas ajjeefamaniiru.
Haleellaa Bileek ilaalchisee qorannoon ammalleen akkuma itti fufeetti jira,
Haaluma walfakkaatuunis Mr Bileek dhimma osoo hinrukutamiin dura ittiin himamatamee ture irratti giyyaa Jimaataa sireedhuna hospitaalaa irraa viidiyoon mana murtiitti dhiyaatee ture.
Mr Bileek maal jedhee?
Waraabbii viidiyoo abokaatoonni maatii isaa tiwiitara irratti gadhiisaniin, Mr Bileek waa'ee dhukkubbii keessatti argamu ilaalchisuun dubbateera.
''Sa'aatiiwwan 24f dhukkubbi malee wanti biraa hinjir. Afuura baafachuuf, garagaluufi ykn nyaata nyaachuuf baayyeen na dhukkuba'' jedheera.
"Jireenyii kee, jireenya qofaa osoo hintaanee millii kee kan jireenya kee keessatti ittiin sochootu akkasiin sirraa fudhatamu danda'a,'' jedhee ture.
Itti dabaluunis ''Sababii yeroo baayyeen badee jruufu, tokko ta'aatii maallaqa walitti qabuun namoota alatti argamaniif waa akka argatan taasisaa yaa manaa,'' jedheera.
Halleellaan attamiin irratti rawwwatee?
Osoo inni kunkoolaataa ijoolleen saa sadii keessa teessee turte keessa seenuuf jiruu qondaalli poolsii dubaan itti dhukaase.
Wayita sanattis Mr Bileek hidhannoo omaa harkaa hinqabu ture. Garuu boodarra qorattoonni konkolaataa isaa keessaa albee agarree jedhan.
Isaan boodas battaluma viidiiyoon haleellaa isaa agarsiisuu gadhiifameen mormitoonni bahuun dubbichi gara okkooraatti geedarame. isaan boodas namoonni lama kan ajjeefaman yoo ta'u, ajjeechaa sanna walqabatees daraggoon waggaa 17 tokko to'annoo jala oolfameera.
Pirezidaantiin Tiraampiifi kaadhiimamaan pirezidaantummaa Dimokiraatootaa Joo Baayidan ergasiin booda magaalattii dowwataniiru.
Baayidan karaa bilbilaatiin Mr Bileek waliin dubbachuun maatii isaa arganiiru. Akkasumas qondaallii itti dhukaasee akka to'atamuuf waamicha dabarasanii ture.
Pirezidaanti Tiraamp garuu waan maatiin Bileek bakka abookaatoonni keenya argamuutti malee jedhaniifu maatii isaa waliin wal hinagare.