Tiraamp waraana Ameerikaatti qoose jedhamee akkaan qeeqame

Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp loltoota biyyattii waraana irratti ajjeefaman 'mo'atamtoota' fi 'gowwoota' jechuun itti qooseera jedhamee haalaan qeeqamaa jira.

Akkana jechuun pireezidanticha jalqaba barruu Atilaantiik jedhamurratti gabaafamee booda Asoosheetid Pirees fi Fooks Niiwus itti dabalanii gabaasan.

Haa ta'u malee pireezidantichi fi michoonni isaa akkana jechuu isaa ni waakkatu.

Loltoonni gameeyyiin soorama bahan kanneen pireezidanticha akkaan qeeqan keessaa tokko.

Gareen 'Votevets' jedhamu viidiyoo maatii ijoolleen isaanii waraana keessatti ajjeefamanii maxxanse. Miseensi maatii tokko "laala waraana irratti nama dhabuu hin beektu" jedha.

Qeeqni pireezidanticha irratti ka'aa jiru filannoo dhufu irratti sagalee loltootaa isa dhabsiisuu mala jedhu xiinxaltoonni.

Tiraamp maal jedhe jedhame?

Akka barruub 'the Atlantic' jedhutti, Tiraamp bara 2018 iddoo awwaalaa loltoota Ameerikaa Firaans magaalaa Paariis jiru daawwachuuf sagantaa qabatee ture haqe.

Kana kan godhe "mo'atamtootaan kan guutamedha" jedheeti jedha barruun kun.

Maddeen afur barruu kanatti akka himanitti wayita iddoo awwaala kana daawwatu roobni rifeensa isaa akka jalaa ballessu himuun saganticha haqe.

Itti dabalees pireezidantichi loltoota Ameerikaa waraana irratti du'aniif kabaja kennuutti akka hin amanne hime.

Yeroodhuma kana loltoota Ameerikaa 1800 iddoo 'Belleau Wood' jedhamutti du'aniin "gowwoota" jedheera jedhame.

Loltoonni kunneen miseensota humna galaanarraa Ameerikaa kan turan yoo ta'u Waraana Addunyaa tokkoffaa irratti Jarman magaalaa Paariis akka hin to'anne warra ittisan turan.

Bara 2018 Waayit Haawus sagantaan daawwannichaa kan haqame haalli qilleensaa hamaan helikooptariin pireezidantichaa akka qubattu waan dirqisiiseefi jedhee ture.

Kunis gorsaan nageenyaa duraanii pireezidant Tiraamp kan booda mormituu isaa ta'ee Joon Booltan kitaaba dhiyoo kana barreessan keessatti eeramee jira.

Barruun Atilaantik pireezidantichi akkas jechuu maddeen eenyummaan isaanii hin beekamne eeree kan gabaase yoo ta'u, Asoosheetid Pirees fi Fooks Niwus dhimmicha mirkaneeffachuu gabaasaniiru.

Namoonni maal jedhan?

Qeeqa loltoota gameeyyii soorama baahanirraa Tiraamp mudateen alatti filannoo Sadaasa dhufuu irratti morkataa isaanii kan ta'an Joo Baayidan, Tiraamp nama hogganuuf 'gahumsa qabu miti' jedhan.

"Wanti jedhame waan inni kana dura jedherraa ka'uun dhugaa ta'uu danda'a, yoo dhugaa ta'e badii guddaadha. Salphina dha."

Seenaatarri warra dimokiraatotaa Taamii Dakwoorzi kan dirree waraanaa Iraaq irratti miila isaa lamaan dhabe akki jedhe, Tiraamp "of tuulummaa isaaf jedhee waraana Ameerikaatti dhimma bahuu jaalata" jedhe.

Ilmi isaa Iraaq keessatti jalaa kan wareegame Kihizr Kihaan kaan "Tiraamp wayita loltoota biyya isaanii tajaajiluuf jedhanii haarsa lubbuu kafalaniin "mo'amtoota" yoo jedhu, innuu nama akkamii akka ta'e nutti mul'isa" jedhe.

Waayit Haawus maal jedha?

Pireezidant Doonaald Tiraamp dhimmichi "oduu sobaati" jechuun ofirraa facciseera.

"Ani namni bajata waraanaa fi mindaa loltootaa dabaluu fi hojiilee kaan hojjete waa'ee waraana keenyaa fi gootota keenya kufanii jecha hin malle akkanaa ni dubbata jedhanii yaaduun qaaniidha" jedhan.

Barruun waan kana gabaase barruu badaadhas jedhan.

Namni oduu kana miliqsee hogganaa waajjira isaanii duraanii Joohn Keelii ta'uu hin oolu kan jedhan Tiraamp, namni ajajaa duraanii humna galaanarraa Ameerikaa ture kun "hojii isaa sirnaan hojjechuu nama hin dandeenyedha" jedhan.

Ministirri Haajaa Alaa Maayik Pompeewoon Jimaata ganama Fooks Niwusitti yoo dubbatan bara 2018 Tiraamp waliin akka gara Firaans imalan himanii pireezidantichi yoo akkas jedhan hin dhageenye jedhan.

Ministirri Ittisaa Maark Ispeensaris Tiraamp "miseensota waraanaa, loltoota soorama bahanii fi maatii isaaniif kabajaa fi dinqisiifannaa guddaa qaba" jechuun dubbachuu miidiyaan tokko gabaaseera.

Pireezidantichi kana dura waraana keessatti deeggarsa jabaa akka qabaatan haa himamuyyuu malee yeroo addaa addaa yaada falmii kaasu dubbataniin qeeqamaa turan.

Kana dura senaatar Joon Makeen kan waraana Veetinaam irratti booji'amanii hidhaa turan 'anaf goota waraanaa miti, ani warra hin booji'amnen jaaladha' jechuu isaaniin qeeqamanii turan.