Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhaan qooqaa guutee gadhiifamuuf jedhuun yaaddoo uume
Godina Shawaa Bahaa dhihoo magaalaa Adaamaatti kan argamu Haroon Qooqaa guutee gadhiifamuuf jechuun isaa yaaddoo uumuu Mootummaan Naannoo Oromiyaa beeksise.
Sodaan yaadda'ame balaa lolaa fiduun aanota gajjalaa haroo kanaa jirutti yaa'uun badii geessisaadha.
Komishinarri Itti aanaan Koomishinii Hoggansa sodaa Balaa Oromiyaa obbo Garramuu Oliiqaa BBC’tti akka himanitti haroon kuni yeroo ammaa guuteera.
“Hidhi Qooqaa humnaa ol waan guuteef bishaan akka gadhiifamu warri misooma sulula Awaash himanii jiru.
''Amma bishaanichi humnaa ol ta’eera. Kanaafuu hawaasni aanaalee Adaamaa, Boosat, Doddotaa, martii fi Jajuu ofeegannoo akka godhan akeekachiifamaniiru,” jedhan.
Battala akkeekachiisni kuni dhagahameenis uummata sulula lagichaatti dhihoo jiran dafanii baasuun eegalamus ammallee hawaasni yaaddoon lolaa kuni guddaa ta’uu hubatee bakkicharraa fagaatee akka qubatuuf waamicha godhaniiru.
Rakkoon humnaa ol ta’e yoo mudates hawaasni aadaa walgargaruu qabu cimsuun nutis deegarsa gochuuf qophoofnee jirra jedhan Obbo Garramuun.
Lammiileen deeggarsaan jiraatan
Gama kaaniin, yeroo ammaa Oromiyaatti lammiileen miiliyoona lamaa fi kuma dhibba afur deeggarsaan jiraachaa jiru.
Komishinarri Itti aanaan Koomishinii Hoggansa sodaa Balaa Oromiyaa obbo Garramuu Oliiqaa BBC’tti akka himanitti sababa Lolaatiin Oromiyaatti namoonni qe’eerraa buqqa’an kuma 12 caaleera.
Kana keessaa namoonni kuma torba gargaarsa battalaa kanneen barbaadanidha jedhan.
Ejensiin meetiroolojii biyyoolessaa Itoophiyaatti Roobni cimaan hanga walakkeessa Fulbaanaatti itti fufuu akka danda’u waan raageefis yaaddoon miidhaa lolaa kuni ammallee akka hin dhaabbannes himan.
Lagni Awaashis guutee dambali'uudhaan Godinoota Oromiyaa shan aanaalee 16 irratti namoota qe'eerraa buqqisuun omisha irrattis miidhaa geessisaa jira.
“Rakkoon lolaa kana dabalatee warri durumaanuu dheerina bonaatin miidhaman, buqqaatonni qe’ee isaanittis deebi’anii omishaan of hin dandeenyes jiru.
''Kana hunda walitti dabaltee yoo ilaalte akka Oromiyaatti namoota miiliyoona lamaa fi kuma 400’f gargaarsi marsaa marsaadhaan kennamaa jira” jedhan Obbo Garramuun.
Balaan Lolaa Laga Awaash fi kannneen birootiin buqqaatii hordofsiisus lubbuu namaa irra garuu hanga ammaatti miidhaan gahe akka hin jirre himan.
Omisha Qonnaan bultootaa hektaara hedduun manca’uu isaatiin bara itti aanutti hanqina nyaataa uumuu malu hir’isuuf mala omisha dafanii gahan dhiheessuu hojjetamaa jiraachuus eeran.
Sadarkaa biyyaattis lammiileen kuma dhibbaatti lakkaa'aman balaa lolaaf saaxilamuu mootummaan irra deddeebiin ibsaa turuun ni yaadatama.