Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lolaa Laga Awaash: 'Guyyaa sadii fi halkan sadii qooxirra jiraanne' - jiraattota
Lagni Awaash yeroo gannaa guutuun aanota Godina Shawaa Kibba Lixaa fi Shawaa Lixaa keessa jiran irraan miidhaa geessisuun, ganna dhufu hunda dhagahama.
Tibba kanas lagichi guutee dambali'uudhaan Godina shawaa Lixaa aanaa Ejereetti ganda Dhiibuu jedhamu sadarkaa Guutumaatti jedhamuun akka uwwisee jiru, bulchaan gandichaa Obbo Kabbadaa Disaasaa BBC'tti himaniiru.
Gandichatti lolaa kanaan qe'ee isaanii gadhiisanii amma bakka qubannaa jiraachuu kan himan Aadde Geexee Borgaa, 'bara kana balaa biyya hin jirretu nutti dhufe' jechuun himu.
"Galgala naannuma sa'aatii 3 nutti dhufe. Ijoollee 2 fi abbaa manaa kiyya taanee turre. Abban manaa kiyya ijaan hin argu. Uummatatu nuu birmatee girgiddaa manaa uranii qooxii nuu hojjetan. Waan qabnu achira naqannee ofiifis achira taa'aa turre" jedha.
Guyyoota sadan darbanitti bishaanichi dabaluu malee waan hin hir'isneef qooxii kanarratti guyyaa sadii fi halkan sadi dabarsuus himu.
Turtii guyyaa sadii booda bidiruun isaan qaqabee amma bakka qubannaa yerootti akka argamanis dubbatan.
"Waan tokkoyyuu qabannee hin baane. Lubbuuma keenya qabannee achii dhufne" jechuunis waan hamtuu isaan mudate kana ibsu.
Gandicha keessa ta'ee kan balaan lolaa kuni hin qaqqabne maatii muraasa qofa.
Rakkoon kuni yeroo hunda akka mudatuu fi beekamaa ta'us kan baranaa garuu hamma yaadanii olitti hammaataa ta'uus himu jiraattonni.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa Obbo Diriirsaa Waaqumaa, battala balaan suni mudaterraa eegalee lubbuun namaa akka hin miidhmeef tumsaa turre, kanattis milkoofnerra jedhan.
Bidiruu bakka adda addaa irraa ergifatameen namoota baraaraa jiraachuu fi qabeenya uummataa irra miidhaa gahu xiqqeessuufis hojjechaa jirra jedhan.
"Lolaa kanaan abbootii warraa 526 tahantu qe'ee isaaniirraa buqqa'e. isaaniif bakka qubannaa qopheesinee jirra. Qabeenya isaanii kan akka beelladaatis akka hin miidhamneef hojiin baraaruu fi marga dhiheessuu hojjetamaa jira" jedhan.
Balaan Lolaa amma gahe kuni hammaataa ta'us hawaasa miidhaan irra gahe kana dhaqabnee dandamachiisuun waan humna godinaatii ol ta'u mitis jedhan.
Bara darbe yeroo kanatti lagni Awaash kuni Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Iluutti namoota 7,900 caalan qe'eerraa buqqisuunsaa ni yaadatama.
Komishinarri koomishinii Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa Abaadir Abdaa, midhaa lagni kuni ganna dhufee darbaatti uummatarraan geessisu ittisuuf pirojektiin bo'oo lagichaa guddisuu kiloomeetira 52 aanaalee 5 keessatti hojjetamus balaa hambisuu hin dandeenye jedhan.
Kanaafis sababni roobni bara kanaa guddachuu isaatin lagichi ittisa hojjetamerra darbee dhangala'uu eeran.
Lagichi bara kana Aanaa Ejereetiin alatti aanaalee 4 irratti miidhaa geesisee jiraachuus himan.
Balaa sababa lolaatiin dhufu kana xiqqeessuuf uummata rakkoon mudate kana waan barbaachisu dhiheessuun, rakkoo irraa hambisuuf hojjetamaa jiraachuus eeran Obbo Abaadir.
"Ammatti wanti humnaa ol ta'e nu hin muudanne. Bidiruun bakka jiruu dhihaatee uummanni baraaramaa jira. Yoo wanti humnaa olii jiraacuun mirkanaa'e ammo Helikooptaraanis gargaarsa gochuun ni dandahama" jedhan.