Lolaa Buraayyuutti Sambata mudateen lubbuun namoota sagalii darbee manneen 180 ol mancaase

Balaa lolaa kaleessa naannoo Buraayyuu ganda Gafarsa Noonnoofi Gafarsa Gujee jedhamuutti mudateen lubbuun namoota sagalii darbuun alatti manneen 180 ol akkasumas, qabeenyi guddaan manca'uu Waajjirri Dhimmoota Komunikeeshinii magaalichaa BBC'tti hime.

Itti-gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii magaalaa Buraayyuu Obbo Abdallaa Tibbeessoo Reeffi namoota torbaa hanga ammaatti awwalamuu himanii reeffi namoota lamaa ammoo buufata poolisii tursiifamee maatiin itti barbaadamaa jiraachuu himan.

Itti-Gaafatamaan Waajjirichaa Obbo Abdallaa Tibbeessoo BBC'tti akka himaniiti, lolaa hamaa kaleessa Aaanaa Sabbataa Hawwaas ganda Jamoo jedhamu irraa gara Magaalaa Buraayyuu ganda Gafarsa Noonnoofi Gafarsa Gujeetti dhufeen, namoota lubbuun darbeen alatti kanneen achi buuteen isaanii dhabame barbaadamaa jiraachu himan.

Maanneen lolaan miidhaa irraa gahee keessaa 35 guutummaan guutuutti manca'aniiru jedhu aanga'aan kun.

Warshaalee torba bakka ganda indaastirii jedhamee beekamu keessa jiran irras miidhaan gaheera jedhan Obbo Abdallaan.

Lolaan kun horii gaafaa, hoolaa, fardeenii fi oomisha qonnaan bulaa irras miidhaa geesisuu kan himan Obbo Abdallaan horii du'an dirree keessatti mul'atu jedhan.

Daandii guddaan magaalaa Buraayyutii gara Ambootti baasus akkasuma miidhamuu himan.

Dhaabbilee mootummaa tokko tokko irras miidhaan gahuu himaniiru. Qabeenyi hanga ammaatti tilmaame gara Birrii miliyoona 10 kan tahu manca'uu agarsiisa jedhanii ammayyuu qabeenya bade tilmaamuu fi qorachuun itti fufuu himan.

Lolaan kun gaara Wacacaa jedhamu kan aanaa Sabbataa Hawwaas keessatti argamu irraa akka gara gandoota kanneeniin dhufe himan Obbo Abdallaan.

Reeffi namoota lolaa kanaan du'aniis miseensa raayyaa ittisa biyyaa fi dargaggootaan barbaadamee argame jedhan.

Kana malees maatiin tokko tokkos nama hanga ammaatti dhaban galmeessiisanii barbaadamaa akka jiran himan.

Haaluma kanaanis namoota eenyummaan reeffi isaanii adda baafame amaa bakka dhalootaa saanii gara godina Shawaa Lixaa aanaa Jalduutti gaggeeffamuu himan Obbo Abdallaan.

Irra caalaan namoota lolaan kanaan fudhatees namoota hojiif godinaalee biraa irraa dhufan tahuu akka hin hafnes himaniiru.

Reeffa namoota argamanii adda baasuuf akka hojjechaa jiranis himanii, yoo eenyummaan isaanii baramu gara maatii isaaniitti gaggeessuuf jiraattota waliin tahuun bulchiinsi magaalaa Buraayyuu hojjechaa akka jiru dabalanii himaniiru

Obbo Abdalaan lolaa kanaan qabeenyi manca'e ammaaf hin tilmaamamne jedhan. Haatahu malee, qabeenyi barbadaa'e guddaa tahuu himan.

Warshaalee gurguddaa, manneetii jireenyaa, suuqota, dhaabbilee mootummaa fi manneetiin amantaa lolaa kanaan manca'aniiru jedhan.

''Manni amantaa Kiristaanaa guddaan tokko qabeenya achi keessa jiruufi mana barumsaa waldichaa waliin guutummaatti lolaadhaan manca'eera. Mooraan isaas fudhatameera. Qabeenyi achi keessa jirus hin hafne,'' jedhan yoo haala ture himan.

Dhaabbanni fayyaa mootummaa gandicha keessa ture tokkoos guutummaan manca'uu himaniiru Obbo Abdallaa.

Suuqonnii fi qabeenyi achi keessa tures guutummaan manca'uu dubbatu. Konkolaataan dedebisa uummataas lolaa kanaan fudhatamee booda daandii cinatti daddarbamee akka jiru himan.

Koreen namoota miidhaman deeggaruufi deebisee akka dandamatan godhu hundaa'ee hojii eegalus himaniiru. Koreen kune akka tilmaameetti, qabeenyi miliyoona 10 hanga 12 ta'u balaa lolaa kanaatiin manca'u dubbataniiru.

Obbo Abdallaan jalqaba Aanaa Sabbataa Hawwaas keessatti cabbii cimaatu roobe ture jedhanii, sanumatu gara lolaatti jiijjiramee humna guddaan dhufe jedhan.

Seenaa bulchiinsa magaalichaattis balaa guddaa akkasii arginee hin beeknu jedhan.

Balaan lolaa bara kana biyyoota Afrikaa Bahaa keessatti hammaachuu akka malu ogeessonni raaga qilleensaa himanii ture.