Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Malkaa Bal'ootti bokkaa cimaa roobeen maatii lama irraa namni torba du'e
Godina Harargee Bahaa aanaa Malkaa Bal'oo, ganda Kabiiraa jedhamuutti bokkaa cimaa sa'aatii torbaaf roobe hordofee lolaa uumameen maatii lama keessa lubbuun namoota 7 darbe.
Bulchaan aanichaa obbo Ahimaddin Ismaa'eel balaan kun halkan Kamisa kaleessaa halkan naannoo sa'aa saddeetii kan qaqqabe ta'uu BBC Afaan Oromootti himaniiru.
Maanneen abbaa warraa lamaa kun lafa tabbaa jalatti kan ijaaraman ta'uun balaa kanaaf sababa akka ta'e dubbatan obbo Ahimaddiin.
''Manneen abbaa warraa lameen kanaa lafa olka'oo jalatti ijaaramee jira. manneen kana duuba dhakaafi biyyoo ol ka'ee jirutu lolaan dhiibamee mana irratti jiguudhaan namni tokko mataa keessa dhakaan dhawamee du'e.''
Kanneen lubbuu dhaban jahan hafan biyyoon irratti jige sababa isaan ukkaamsef lubbuun dabartee jedhan.
Obbo Ahimaddiin akka jeddhanitti namootni du'an jaha maatii tokkorraa namni inni kan biraan tokko ammoo ollaa irraayi.
Miseensota maatii tokkoo keessaa haadha fi ijoolleen shan ni argamu.
Kanaan dura balaan walfakkaataniis haata'u sodaan balaa kanaa akka hin jirres Bulchaan aanichaa himaniiru.
Manneen lamaan kanaan alatti manneen miidhaman akka hin jirres dubbataniiru.
Reeffi namoota balaa kanaan du'aniis awwaalamuun ibsameera.