Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sudaanitti balaa lolaadhaan namootni 60 du'an
Sudaanitti rooba cimaan lolaan uumame lubbuu namoota 60 galaafachuu miidiyaaleen mootummaa gabaasan.
Jalqaba ji'a Waxabajjii irraa eegaluun Sudaan rooba cimaa keessa turte. Naannoolee 15 keessattis namoota 200,000 tahan irra miidhaan dhaqqabsiissera.
Naannoon Waayit Naayil isaan keessaa akka malee kan miidhamanidha.
Gabaasni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka agarsiisutti ammoo sababa lolaadhaan manneetiin 37,000 tahan guutummaan kan manca'an yoo tahu ammallee lolaa hamaan akka eegamu akeekkachiiseera.
Waktiin roobaa hanga xumura ji'a Onkoloolessaatti eegama.