Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa: Lagni Awaash guutuun lolaa qaqqabeen namoonni kuma 27 buqa'an
Naannoo Affaaritti torban lamaan darban keessa Lagni Awaash guutee naannoolee heeddurra lola'uusaatiin jiraattonni kuma 27 ol ta'an qe'eesaaniirraa buqa'an.
Naannichatti Itti-gaafatamaan Waajira Qindeessaa Balaa Tasaafi Wabii Nyaataa Obboo Mahaammad Huseen BBCtti akka himanitti, balaan kun kan dhaqabee sababii lagichi guutee lolaa umameen.
Walumaagalatti aanaalee 12 keessatti namoonni kuma 67 ta'an balaa lolaa kanaan miidhamaniiru jedhan.
Balaa lolaa kanaan walqabatees lubbuun nama tokko kan darbe ta'uu kan himan Mohaammad, beeyladoota kuma 10 ol irra miidhaan qaqabuus dubbataniiru.
Rakkinicha hiikuuf naannichi dandeettii ofiisaatiin qabuun nyaata, dahoofi meeshaalee wallaansaa dhiyeessaa jiras jedhan.
Kana malees, helikooptara mootummaa federaalaatiin dhiyaateen namoonni oddoo balaa keessatti argaman baasuuf hojjechuu cinaatti tajaajilli nyaata raabsuus raawwatamuu eeran.
Roobni waqtii Gannaa hanga wallakkeessa Fulbaanaatti kan itti fufu ta'uu raagni jiraachuu kan dubbatan Obbo Mahaammad, isaan boodees buqqaatoota dhaabbattaan deebiisanii qubachiisuun akka barbaachisu himu.
Hirrina qabeenyaafi lojisitikiin alattis konkolaataadhaan socho'anii deeggarsa kennuun kan hin mijannee ta'uu waan ta'eef helikooptarri dabalataa akka dhaquuf mootummaa federaalaatiif gaaffii dhiyeessuu himan.
Mootummaan federaalaa gama isaatiin deeggarsa kennuu eegalusaa itti-gaafatamaan kun himanii, keessatti gama deegarsa namoomaatiin gargaarsa hatattamaa kennuuf hojjatamuu qaba jedhan.
Lammiilee biyya keessaafi biyya alaatti argamanis wajiricha waliin akka walta'uun deegarsa taasisaniif waamicha dabarsaniiru.
Miidhaa lagni Awaash irra deddeebiin qaqabsiisaa jiru kan umamaa waan ta'eef ittisuun dadhabamulleen, lagicha irratti hidhawwan garaa garaa ijaaruudhaaniifi hojiiwwan ittisaa dursaanii raawwachuun rakkoo hirrisuun kan barbaachsu ta'uu akeekachisan.
Balaa lolaa uumameen bakka buqqatoonni lakkoofsa olaanaa jiru Asaayitaatti argamu kan doowwatan itti-gaafatamaan waajira Fannoo Diimaa Damee Affaar Obbo Alii Saaliihim, midhaan waldichi ergeef kuntaalli 400 geeffamaa jiraachuufi deeggarsi midhaan nyaataa atattamaa kan barbaachisu ta'uu BBC dubbatu.
Buqqaattoonni wayita ammaa kanatti manneen barnootaa keessatti dahatanii akka argaman kan ibsan Obbo Aliin, haalli isaan keessatti argaman kan koronaavaayirasiif isaan saaxilu waan ta'eef deeggarsa midhaanii waliin maaskii, meeshaalee qulqullinaafi kan harkaa dhiyeessuun akka barbaachisu dubbatan.
Lagni Awaash waggaa waggaan guutee lolaa qaqabsiisuun Naannoo Affaaritti irra dedeebiin miidhaan ni qaqaba.