Ameerikaan biyya baqattootaaf 'naga qabeettii miti' jedhe manni murtii Federaalaa Kanaadaa

Manni Murtii fgederaalaa Kanaadaa Ameerikaan mirga namoomaa baqattootaa waan sarbituuf waliigalteen koolugaltummaa biyyi isaanii Ameerikaa waliin qabdu kana booda seera qabeessa miti jedchuun murteesse.

Kun Waliigaltee Qubannaa Nagaa Biyya 3ffaa [STCA] jedhamuun kan beekamu yoo tahu, bara 2004 hojii irra ole.

Baqataan tokko biyya jalqaba dhaqee buufatee keessa erga gahee eegumsi akka taasifamuuf himannaa dhiyeeffachuu qaba.

Roobii kaleessaa garuu manni murtii Kanaadaa Ameerikaan baqattoota waan hidhuu dandeessuuf waliigaltichi seera qabeessa hin tahu jedhe.

Murtoon kun Kanaadaatti namoota mirga namoomaaf falmaniif injifannoo guddaadha.

Abbootiin seeraa baqattootaa daangaa Ameerikaa irratti akka duubatti deebi’an taasifaman waa’ee waliigaltichaa kaasanii falmaaa turan.

Ameerikaan baqattoota koolugaltummaa gaafataniif biyya ‘’nagaa qabeettii miti’’jechuun ibsan.

Nediraa Jemaal Musxefaa humnaan dirqisiifamtee Ameerikaa keessa akka turtu taasifamte waan achitti dabarsite mana murtiitti yoo himattu, baay’ee kan nama rifachiisu, qofaa kee turuun ammo miidhaa xiin-sammuu guddaas kan qabudha jette.

‘’Haala qabinsa Ameerikaan baqattootaaf gootuu waan hundi keenyayyuu beeknuuf keessa dabarredha’’ jechuun ‘Reuters news agency’ hime pirezidaantiin Waldaa Baqattoota Kanaadaa Mawuren Sheriif.

Daangaan biyyootni lameen waliin qooddatan 8,891km kan dheeratu yoo tahu adunyaa irraallee isa dheeraadha.

Walii Galteen qubannaa Nagaa Biyya 3ffaa maali?

Waliigaltichi imaammata himannaa baqattootaa haala gaariin qabuufi biyyootni lameen haala ittiin wal irraa fudhatan irratti kan waliigalamedha.

Haa tahu malee mirga baqattootaa akka jedhameen waan hin kabajneef akkuma mootummaan Kanaadaa jedhe baqattootni karaa sirrii hin taaneen daangaa qaxxamuraa jiru.

Erga bara 2017 Doonaaldi Tiraampi aangoo qabatanii as imaammata baqattoota irratti dhiibbaa akka taasisan himanii as baqattootni 58,000 tahan daangaa ce’anii Kanaadaa galaniiru.

Hanga weerarri koroonaavaayirasii jalqabutti baqattootni dhimma isaanii hordofaa turan Mootummaan Kanaadaa yeroo beeksisutti ammoo tajaajilichi kan deebi’us taha.

Kanaadaa irraa bilbilli bilbilamee waliigalticha dhaabuuf ykn irra deebiin irratti mari’achuuf yaalamaa ture jedhama.

Abbaan seeraa federaalaa Aan Maak Doonaaldi waliigaltichi Chaartera kabaja mirga namoomaa Kanaadaa kan akka mootummaan dhimma mirga jireenyaa,nageenyaa fi walabummaa keessa hin galle dhorku ni cabsa jette.

Baqattootni koolugaltummaa gaafatanii hin milkaa’iin hafan gara Ameerikaatti akka deebi’an taasifaman hidhamuus akka ragaatti qabna jedhan.

Kun ammo waliigaltee koolugaltummaa baqattootni gaafatan biyyootni lameen walii mallatteessan keewwata 7 kan cabsudha jedhame.

Waajjirri Immiigireeshinii Ameerikaa hanga ammaatti dhimma kana irratti deebii hin kennine.