Lammiileen Itoophiyaa kumaatamaan mana hidhaa Sawudiitti rakkataa jiru

Lammiileen Itoophiyaa kumaatamni mana hidhaa Sawud Arabiyaa keessatti rakkachaa jiraachuu BBCtti himan.

Lammiileen Itoophiyaa hedduun karaa seeraan alaa daangaa ce'uun gammoojjii keessa qaxxaamuruun hojii barbaacha gara biyyoota Arabaa deemu.

Haatahu malee, irra caalaan isaanii daangaa irratti humna nageenyaa biyyoota Arabaan qabamuun mana hidhaa galfamu. Kaan ammoo erga achi gahanii hojii jalqabanii eeyyama jireenyaa waan hin qabneef poolisiin qabamanii hidhamu.

Kibba Sawudii naannoo Jiizaan jedhamee beekamu keessa qofa manneetii hidhaa afur keessa lammiileen Itoophiyaa 16,000 ol hidhamanii akka jiran qonsilaan Itoophiyaa Jiizaan jiru BBC'tti himeera.

Namni BBC'n mana hidhaa Sawudii magaalaa Riyaad irraa dubbise tokko yeroof nageenya maatii isaaf jecha akka maqaan isaa dhahamu hin feene erga hidhamnee baatiin ja'a darbeera jedhe.

Namni kun waggaa lama dura Walloo Kamisee irraa karaa Yaman qaxxaamuruun Sawudii galee hojjechaa akka ture hima.

Mana hidhaa amma keessa jiran keessa baatii ja'aaa oliif kutaa tokko keessa hanga nama 200 olii tahanii akka hidhamanii jiran BBC'tti hime.

Namni akka gadhiifamnii dubbatus hin jiru kan jedhu namni kun, 'irra caalaa keenya 'bakka hojii keenyaa irraa nu qaban'' jedhe. Kunis eeyyama jireenyaa hin qabdan jechuun akka tahe hime.

Namni guyyumaan isaanitti dabalamuun hidhamaa akka jiran himan. Mootummaan keessan ''isin dhiiseera maal isiniif goona'' jedhanii nu dararu jedhe.

Namni biraan BBC'n mana hidhaa Riyaad irraa dubbise Harargee aanaa Galmsoo irraa waggoota sadii dura Sawudii deemuu himu, baatii shan hidhamee turuu dubbata.

Poolisiin lammiilee Itoophiyaa qabe irras miidhaa geessisaa jiraachuu hima. Kutaa hidhamee jiru keessa namoonni 200 ol akka jiran himee uffata halkanii tokko nama shan tahanii akka uffatanii bulan dubbata.

Dhukkubsannee yaalii argachaa hin jirru

Lammiileen Itoophiyaa hidhan jiran kunneen kutaa yokko keessatti baay'atanii hidhamanii waan jiraniif dhukkubaaf saaxilamaa akka jiran himu.

Dhukkuba koroonaavaayirasii of irraa ittisuufis mijataa akka hin taaneefi uffata tokko qooddachuun akka fayyadamaa jiran dubbatu.

Nyaata qofa akka dhiyeessaniif kan himan hidhamtoonni kunneen, namni dhukkubsates yaalii gahaa argataa hin jiru jedhan.

Dhukkubni gogaa namaa balleessu tokko mana hidhaa keessatti namoota hedduu miidhuus himanii nama nu gaafatus hin arganne jedhan.

Bakka ciisichaa dhabuun dhaabannee buluu geenyeerra jedhan namootni dubbisne kunneen.

Imbaasiin Itoophiyaa ji'a sadii dura al takka deemee erga isaan ilaalee akka hin deebines himu namootni mana hidhaa jiran kunneen.

Qonsilaa Itoophiyaa

Daariktera Qonsilaa Itoophiyaa Jiizaan jiruu kan tahan Abdulqaadir Abduyasin Kibba Sawud Arabiyaa naannoo Jiizaan keessa qofa lammiileen Itoophiyaa mana hidhaa jiran 16,000 ol tahan akka jiran ni beekna jedhan.

Isaan kunneen manneetii hidhaa afur keessatti qofa kan hidhaman tahuu himuun Jiddaa keessa namoota 8,000 tahan Jiizan keessa namoota 4,000 tahan akka jiran himaniiru.

Manneetiin hidhaa hedduun nama baay'ee qabachuu akka hin dandeenyeefi namootni qabaman hedduu tahuu irraa kan ka'e bakka tokkotti baay'atanii hidhamaniirus jedhan Obbo Abduqaadir.

Namoota kanneen gadhiisisuun gara biyyaatti akka deebi'aniif hordofaa akka turan himanii namootni baay'een garuu erga biyya galanii si'a lamaa hanga torbaa namoota dedeebi'aa turantu keessa jira jedhan.

Yeroo weerara kanaatti dhukkuba koroonaavaayirasiif akka hin saaxilamneef deeggarsa akka argataniif yaalii gochaa akka jiranis himan.

Haa tahu malee namootni Itoophiyaatii dhufan ho'insa cimaa biyyichaatti waan hin beekneef dhukkuba gogaa dabalatee dhukkuboota biroof saaxilamaa akka jiran himan.

Koroonaavaayirasiin nama qabame adda baasuufis qorannoon gaggeeffamee 99% kan tahan fayyaa tahuu isaanii miirkaneessineerra jedhan.

Namoota magaalaa Riyaad keessatti hidhamanii jiran kan hordofu Imbaasii achi jiru yoo tahu BBC'n argachuuf yaalee hin milkoofne.

Garuu Obbo Abduqaadir hariiroo qabna jedhanii isaanis haaluma wal fakkaataan hojjetaa akka jiranin beeka jedhe. Haalli weerara koroonaavaayirasii erga baramees gara biyyaatti akka deebisan himaniiru.

Obbo Abduqaadir akkaataa ministirri Muummee ifatti paarlaamaa irratti waa'ee godaantotaa kana dubbataniin nuyis kanneen gara biyyaatti deebi'uu barbaadan deebisuuf ni hojjenna jedhan.