''Baqattoota galuuf fedha qaban gara biyyaa deebisaa jirra'' Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Baqattoonni Itoophiyaa Liibiyaa jiran wiirtuu dahannoo baqattootaa GDF keessa jiran kaampicha keessaa dirqamaan baafamaa jiraachuu dubbatu.

Wiirtuun dahannoo baqattootaa guddichi Liibiyaa magaalaa Tirippoolii keessatti argamu sababa nageenyaatiin hojiisaa itti fufuu akka hin dandeenye UNHCR torbee tokko dura beeksisee ture.

Ergasii ba'aa jedhamuun kan dirqamsiifamaa turan baqattoonni Itoophiyaa birmannaa barbaanna jechuun iyyacha aturan.

Mootummaan Itoophiyaa imbasii Liibiyaa keessaa waan hin qabneef dhimma baqattoota Liibyaa itti dhiyeenyaan kan hordofu imbasii Itoophiyaa Masirii jirutti bilbillee haala baqattoonni keessa jiran gaafanneerra.

Masiriiriitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Diinaa Muftii ji'oota shanan darban keessa baqattoonni 547 ta'an karaa imbaasii isaanii gara biyyaatti deebi'uu himan.

Kanneen keessaa 170 kan ta'an Liibiyaa irraa deebi'an kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan erga waraqaa sanada iyyama imalaa agarsiisu 'Laisse Passe (Laissez Passer)' ergineefii waan hunda xumurree namoonni kaan deebi'uuf fedhii dhabanii 70ni qofti biyyatti deebi'uu himan.

''Namoota 170 iyyama deebi'uu argatan keessaa 100 kan ta'an haalli wayyaa'aa jira jechuun achuma turuu filatan.''

Lammiileen Itoophiyaa Liibiyaa keessa heddumminaan jiraachuu kan dubbatan Ambaasaaddar Diinaan garuu faffaca'anii waan jiraniif akkasumas ammo sodaarraa kan ka'e mana manatti dhokatanii waan jiraniif lakkoofsa isaanii sirrii baruun rakkisaadha jedhan.

Magaalaa guddoo Liibiyaa keessatti kan argamu wiirtuun da'annoo guddichi dhaabbata dhimma baqattootaa Addunyaa UNHCR kan GDF jedhamu torbee tokko dura hojii dhaabuuf jechuun baqattoonni akka gadi dhiisanii ba'ana ajaja dabarsee ture.

Baqattoonni wiirtuu GDF keessa turanis bakka deeman wallaalanii yaaddoo hamaa keessa akka seenanii fi ergasiis gargaarsa tokko dhabanii gidirfamaa jiraachuu nutti himaniiru.

Qaamni mootummaas ta'e UNHCR nu dagateera jechuun birmannaa akka barbaadan himatu baqattoonni.

Kaleessa ammoo qondaaltonni UNHCR dhimmi baqattoota Itoophiyaarraa dhufanii nu hin ilaallatu jechuun akka nuti mooraa baqattootaa keessaa baanu nu dirqamsiisaniiru jedhan.

Magaalaan Tiriippoolii kan yeroo ammaa bulchiinsa mootummaa Liibiyaa jala jirtu tibbana wiirtuu waraanaa taatee jirti kan jedhan baqattoonni dubbisne mooraa baqattootaa keessaa baanaanis hidhaa fi ajjeechaan waan isaan mudatuuf asumatti duuna jedhanii akka mooraama sana keessa jiran nutti himaniiru.

Haala baqattoonni keessa jiran kana hunda erga iyyaafannee booda dhimma isanii itti dhiyeeynaan kan hordofu Imbaasii Itoophiyaa Masirii jirutti dhiyeessineerra.

Dhimma kanarratti Ambaasaaddara Diinaan wayita yaada kennan,''namoonni kunneen baay'een isaanii UNHCR jala jiru.

Mootummaan keenyas bakka bu'aa achitti erguun dhimma isaanii hordofaa jira. Baay'een isaanii gara biyya sadaffaatti imaluuf yaada qabu. Biyyatti deebi'uu osoo barbaadanii akka danda'an beeku, itti himneerra.

Rakkoon siyaasaas akka duraa hammaataa miti jennee itti himneerra. Kanaafuu hiree gara alaa deemuu abdatanii galuu didan.''

Dhabbati dhimma baqattootaa irratti hojjetu UNHCR baqattoota Liibiyaa jiran tajaajiluu dhaabuu isaa akka quba qaban kan dubbatan Ambaasaaddar Diinaan,''asis oduun akkasii jira.

UNHCR akka duraa biyya keessaa sodaan siyaasaa akka hin jirre waan beekuuf akkas godhaara. Namni sababa ilaalcha siyaasaa keessaniin isin hordofee isin miidhu hin jiru jechuun akka deebi'an baqattootatti himaa jira. Baqattoonni garuu kana amananii fudhachuudhaan gara biyyaatti deebi'uurra ammas abdiidhaan eeguu itti fufan.'' jedhnan.

UNHCR wiirtuu da'annoo baqattootaa cufuu fi baqattootaan ba'aa jechuusaa oduudhuma dhageenye malee wanti seera qabeessaan barreeffamaan nu ga'e hin jirus jedhan.

Ammas taanaan imbaasiin keenya humnaan galchuu hin danda'u kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan namoonni kunneen akka gara biyyasaanii deebi'an gorsuudhaan deggersa keenya itti fufna jedhna.

Baqattoonni kunneen bakka jiranirraa ka'anii biyyasaaniitti deebi'uuf deggersa guddaa barbaadu, isa kana imbaasiin keessan akkamiin deggera jennee gaaffii gaafanneef,''nuti waraqaa isaan irratti unka guutan erginee akka galmaa'an gooneerra. Bakka bu'aas ergineerra. Ga'een keenya biyyatti erguu qofa. Erga biyya galaniimmoo garam deemu kan jedhu nu hin ilaallatu.''

Dhaabbati Dhimma Godaantotaa IOM akka baqattoonni kunneen biyyatti deebi'aniif ni gargaaraan kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan nutis ammoo ragaa sanada imalaa isaaniif qopheessuudhaan hanga biyyaatti ni gaggeessina jedhan.