Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiilee Itoophiyaa Libaanoos irraa biyyatti deebii'uuf kadhataa jiran
Biyyaa Libaanosiitti kufaatiin dinagdee waggoota dheeraaf hinbaramne mudachusaatiin walqabatee, lammiilee Itoophiya hojii mana keessaa hojjachuuf garas deemanii turan rakkoo cimaaf saaxilamusaanii himan.
Sababii rakkina dinagde biyyattii mudateen namoonni isaan qaccaran mindaa kanfaluuf waan hindandeenyeef lammiilee Itoophiyaa kunneen daandiitti gatamaa jiru.
Waggoota dheeraaf Libaanoos jiraachu kan dubbattu, Tinabab Haayiluu, lammiilee Itoophiyaa kunneen hedduun qaccartoota isaaniin ari'amanii daandiirratti akka darbataman himti.
''Daandiirratti gatamurraa ammoo'' bishaaniifi nyaata argachuuf jecha mindaa malee kan hojjataa jiran lammiilee hedduu tu'u himti.
Kufaatii dinagdee Libaanoos
Maallaqni biyyattii, Paawundiin liibaanos, garaa garummaan doolaara Ameerikaa waliin qabu baayyee guddaadha. Gatiin maallaqa biyyattiis %70'n kufeera.
Dinagdeen Addunyaas biyyoota addunyaa liqaa olaanaa keessatti argaman keessaa Libaanosiin sadarkaa sadaffaarra kaa'eera.
Kufaatiidhuma dinagdee kanaan walqabatees mormii dargaggoota hojii dhaabaniin raafamaa turte. Uggurrii tatamsa'ina Covid-19'n walqabatee biyyattii keessatti labsame ammoo dinagdee biyyattii caalatti miidhaas jedhamee tilmaamama.
Haalli kufaatiin dinagdee biyyaattii kunis dargaggoota biyyaa qofaaf osoo hintaane lammiilee Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'amanittis danqaa olaanaa umeera.
''Maadaam ..na gattee deemtee''
Lammiilee namoota isaan qaccaraniin akka bahan taasifaman keessaa tokkoo Xaayituu Mullataati. Xaayituun erga gara Libaanos, Beeruut deemtee waggoota muraasaaf turu dubbatti.
Mana itti qaccaramteetti bakka lama akka hojjettu taasifamte akka turte himti. ''Manaafi suuqiin qulqulleessa. Kan naaf kanfalan waan dhabaniif waggaa lamaaf hojjadhee, kan qabdu kan ji'a shaniitii naan jedhan. Isaan booda ammoo kan ji'a sadii qofaa naa kennan'' jechuun waan irra gahe himti.
Warqiituu Bokkees, Xaayitu waliin seena walfakkaataa akka qabdu himti.
Warqituun Libaanositti waggoota sadii yoo dabarsituu ''rakkina hindubbatamneen dabarsee'' jetti.
''Boqonnaa tokko maleen hojjataa ture. Erga dhukkubni Koronaa kun dhufeen booda ammoo Maadaam (hoojjachiiftuun) ishee waan kanfaltuuf dhabnaan baaseen si gata jechuun na dorsiisaa turte. Torbaan lamaan duras osoon waa tokko hinqabatiin taaksiidhaan na fiddee Imbaasii Itoophiyaa biratti na gattee'' jechuun himti.
Xaayituufi Warqiituun erga namoonni isaan qaxaran baasanii gatanii booda 'barandaarra' buluuf dirqamu dubbatu.
''Guyyoota jalqabaa barandaarran bulee. Ana waliinis ijoollee baayyeetu ture. Isaan booddees ijoolleen Itoophiyaa nu kaasuun hoteela nu kaa'an. Namoonni Imbaasicha keessa hojjatanis nu galmeessaniiru. Haala akkanaatiin hanga yoomiitti akka asi turru garuu hinbeeknu'' jechuun ture Xaayituun BBC'tti kan himte.
Namoota amma hoteelicha keessa jiran keessaa wallakkaa kan ta'an namoota isaan qacaraniin kan baasanii gatamaniidha jetti.
Haa ta'u malee waggoota sadiif biyyattii keessa jiraattuuleen manaa baatee akka hinbeekne kan dubbattu Warqituun, osoo deeggarsi amma taasifamaaf jiru kun dhaabbate bakka dhaqxu kan hinqabne ta'u himti.
Deeggarsa lammiilee Itoophiyaa
Dhaabbilee lammiilee kanneen daandiirraa kaasuun hoteelotaafi mana jireenyaa keessa tursiisan keessaa tokkoo dhaabbata miti motummaa 'Inyaa Lenyaa Besidat' jedhamuudha.
Qindeessituu dhaabata kanaa kan taate Tsiggee Birhaanu, dhaabbatichi erga hundeeffame waggaa sadi kan guutee yoo ta'u, yeroo kana keessattis lammiilee Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman haala adda addaatiin deeggaraa akka turan dubbatti.
Leenjii ogummaa kennuu, kanneen dahoo hinqabneef dahoo dhiyeessuu, kanneen humna hinqabneefi kan dhukkubsataniif tikkeettii bituun biyyatti deebisuun alattis, mata dureewwan hedduurratti viidiyoo barnoota kennan qopheessu.
Libaanositti mindaan hojjattuu manaa tokoo jiddugalaan doolaara Ameerikaa 150 kan jettu Tsigeeradaan, amma garuu lammiileen biyyattii kanuma kanfaluu dadhabuu duubatti.
Doolaaras baankii baasuun dhorkameera. Kanaanis hojjattoonni manaa bara Onkolooleessa 2017 irraa kaasee mindaan hinkafalamneef jiru jetti.
Kanneen kanfaluudhaaf fedhiifi dandeetti qaban jiraatanillee, mindaan kan kennamuuf maallaqa biyyattiitiin.
''Fakkeenyaas maallaqa biyyatti erguuf dhaabbileen tajaajila maallaqa erguu kennan doolaara qofaa fudhatu. Doolaara gabaa gurraacha irraa bituun ammo maallaqasaanii %80 dhabu,'' jechuun rakkoo jiru himti.
Lammiilee Itoophiyaa mana namaatiin ala kubaaniyoota keessa hojjataa turanis sababii dinagdeefi Covid-19tiin hojii dhabdoota ta'aniiru jetti.
Gara biyyaa deebii'uu
Xaayituufi Warqiituun waan hunda caalaa biyyatti deebii'u barbadu.
Qonitsilaan Itoophiyaa Beeruutitti argamu kana dura lammiilee biyyattii sanada hinqabneef sanada imalaa qopheessuun, balaliinsa lamaan namoota 658 gara biyyaatti akka deebii'an taasisuu Obbo Akliiluu Taaxar Wubee himaniiru.
Lammiilee hidhaafi dahoo keessa turan, akkasumas akka biyyaa bahaniif itti murtaa'e, sababii dhibeetiin hojjachu kan hindandeenyeefi Libaanos bahuuf iyyatan balaliinsa lamaan biyya galchu himu.
Lammiin Itoophiyaa balaliinsa kana keessa kan turteefi maqaanshee akka hinhimamne gaaffatte tokkos, amma yeroo turmaataa dallaa Yunvarsitii Finfinnee kaampaasii Saayinsiifi Teknooloojii keessaa xumuruun bahuuf eeggataa jiraachu dubbatti. ''Amma nagaa sammuu argadheera,'' jetti.
Biyya Libaanoos keessas lammiileen Itoophiyaa kuma 400 ta'an akka jiraatan tilamaamama. Isaan keessaayis kan harka 70 ta'an hayyama jireenyaa kan hinqabne ta'u ragaan Imbaasichi irraa argame ni mullisa.
Obbo Akliiluu Taaxara akka jedhaniittis wayita ammaa kanatti lammiilee Itoophiyaa hedduun rakkina dame hedduu keessatti akka argaman himu
''Hojjattoonni bara dheeraaf hojjataa turan osoo mindaan isaanii hin kanfalaminiif Imbaasichi tikeeta bitee galcha jechuun sobuudhaan fidanii goodaarratti gatanii deeman'' jedhu Obbo Akliiluun.
Fakkeenyaaf torban darbe qofaa ijoolleen hayyama hojii qaban 133 namoota isaan qacaraniin baafamanii gatamaniiru. Gochi namoota kanaa kan seera hojjataa idil addunyaa cabsu ta'usaatiin alatti, mirga namoomaa kan sarbu waan ta'eef xalayaadhaan Ministeera hojjataa biyyatti beeksiifneerra jedhu.
''Xalayicha irrattis qaccartoonni Liibaanoos gocha isaanii kanarra akka of qusataniifi kanfaltii mindaa hinkanfalamiin irra jiruus atattamaan akka hojjattoota kanneeniif kanfalan gaaffaneerra'' jechuun dubbatu.
Gaaffii Imbaasiin kanaafis deebiin motummaa Libaanosiin kennamee ''irratti hojjanna'' kan jedhu ture, kan jedhan Obbo Akliiluun, Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaafi Ministeerri Hojjataa Libaanosis dhimmicha irratti bilbilaan waliin dubbachuus himaniiru.
''Mootummaan Libaanos namoota hojjachiidtonni isaanii miindaa dhoowwatan irratti tarkaanfii cimaa hinfudhannee. Miidhaa hojjattoota irratti raawwatamee itti beeksiifneerra. Namoota hojjaachiisan waamuun tarkaanfii kan hinfudhannee yoo ta'ee baayyee cimaa ta'a. Nutis dhiibbaa taasiifna. Ministeerri Haajaa Alaaf kanuma akka raawwatuufiidha,'' jedhu.
Ministeera Hojjataa Libaanositti Itti gaafatamaa Eeggataa Daareektara Olaanaa kan ta'an Maarliin Ataalaah BBC'tti akka himaniitti, miidhaa hojjattoota irra gahaa jiruu furuuf Qontsilaa Itoophiyaa waliin hojjataa jirra jedhan.
Hojjattoota lammiilee Itoophiyaa kanneenis guyyoota lamaaf hoteela keessa bulchuufi booda gara dahootti gessuu dubbatu. Haa ta'u malee mindeessaan mindaa hojjattootaa dhorkuun ykn harii'achuun himatamee akka hinjirree Maarliin Ataalaah kan dubbatan yoo ta'u, dhimmicha irratti garuu qorannoon eegalamusaa ibsaniiru.