Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fayyaa: Dubartoonni ulfa ta'an maaliif wantoota adda addaa dharra'u laata?
Waa’ee seenaa dubartoota ulfaa aayiskireemii qofa nyaachuu barbaaddu, lukkuu nyaachuuf jecha kan abbaa warraashee halkan sa’aatii 7’tti gara mana nyaataa ergituu fa’a dhageenyeerra ta’a.
Yookiin immoo dharraan akkanaa nu mudatees ta’uu danda’a.
Yeroo baay’ee dharaan kan dubartii ulfaa mudatu fedhii nyaataa ishee yookiin daa’ima garaashee keessa jiruu guutuuf kan mudatuudha jedhamee yaadama.
Haa ta’uu malee yeroo qorannoo saayinsaawaa dhimmi kanarratti hojjatame yoo ilaaltan haallisaa baay’ee wal xaxaadha. Dharraan yeroo ulfaa dubartii mudatu akka muxannootti aadaa hunda keessatti kan mudatuu miti jedhu qorattoonni.
Dubartoonni biyyoota afaan Ingiliizii hin dubbanne biratti dharraa jedhanii wantoonni isaan mudatu haala adda ta’ee kan dubartoota US fi UK jiran isaa mudaturraa adda. Fakkeenyaaf, dubartoonni Jaappan baay’innaan ruuzaa dharraane jedhu.
Qorannoon gosoonni nyaata dubartoonni ulfaa dharraane jedhan kunneen nyaata ulfaaf faayida qabeessoo ta’uusaaniirratti hojjatamus faayida qabeessummaansaanii hin mirkanoofne.
Qabatamatti dubartoonni yeroo ulfaa nyaata dharra’an haala kaan irraa furdinnisaanii ni dabala. Kunis yeroo ulfaatti kan baramedha jedhamus rakkinna fayyaatiif akka saaxilaman godha.
Piroofeesar Juuliyaa Hoormees Yuunivarsiitii Niiw Yoorkitti ogeettii xiinsammuu yoo taatuu dharraa dubartootaa yeroo ulfaa isaan mudaturratti qorannoo adda addaa hojjatteetti.
Fakkeenyaaf, US’tti dubartoonni %50 ta’an laguunsaanii dhufuuf torbee tokko dura chookoleetii dharra’u jetti piroofeesar Juuliyaan.
Qorattoonni dharraan chookoleetii kun sababa qabiyyee isaa laguuf barbaachisaa ta’e yookiin jijjiirama hormooniirratti dhiibba jiru mul’isuuf akka ta’e qorataniiru.
Sanduqni muraasni chookoleetii aananii qabu, muraasni immoo chookoleetii adii (kan qabiyyee aananii fi chookoleetii gurrachaa bifa daalcha kennuuf) kan hin qabne qophaa’eef.
Ta’us garuu dubartoonni kunneen chookoleetii hin nyaanne.
Chookoleetii nyaachuun hamma hormoonii waliin hidhata tokkollee hin qabu.
Gosoota nyaata muraasa nyaachuurraa of qusatta yoo ta’e nyaachuu dhabuuf of to’achuun baay’ee rakkisaa ta’uu danda’a jetti prof Juuliyaan. Keekii xiqqoo nyaatee fedhii kee guutattee dhiisuurra sanii ol nyaata.
Dabalataan dubartoonni ulfaa sababoota nyaata fayya qabeessoo ta’an nyaatuu yookiin ajaja haakima eeguuf jecha nyaata muraasa irraa of qusatu.
Haalota akkanaa kanneen kan dharraan akka jiraatuu fi ulfaatinni qaamaa akka dabaluuf sababa kan ta’an.
Ulfi yeroo dharraan dubartootaa haala gaarii hin taanee itti ilaalamu miti. “Aadaa kunis yeroo murtaa’ee fi haalli akka ulfa ta’uu dubartoonni waan nyaachuu hin qabne akka nyaataniif haala gaarii akka ta’etti fudhatama,” jetti prof Juuliyaan.
Prof Juuliyaan yoo dharraa nyaata qabdan nyaata san hamma feetan nyaadhaatii jireenya keessan biraatti cee’aa jetti.
Ulfi yeroo dubartoonni waan heddu itti barbaadan waan ta’eef gargaarsa nama dhihootiin alatti yeroo ulfaataa ta’uu mala. Qorannoon baadiyyaa Taanzaaniyaatti hojjatame tokko dubartiin ulfaa takka dharraa foonii, qurxummii, muduraa fi kuduraa baay’ee qabdi turte. Ta’us garuu abbaan warraashee fi maatiinshee fedhiishee guutuuf baay’ee gargaaruun turan.
Halkan sa’aatii 7’tti dharraa lukkuu qabaatanii abbaa warraa sa’aatii sanitti mana nyaataa deemee lukkuusheef bitu qabaatuun carroomuu guddaadha.
Kanaaf dubartoota dharraa nyaataa qabaniif namni dharraasheef gargaarsa godhu yeroo hundaa jiraatuufii qaba.