Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lakkoofsi dubartoota ulfa baasanii dabaluun mul'se qorannoon
Bara darbe qofa biyya Ingilaandiifi Walsi keessatti ulfi 200,000 ol akka baafamee gabaafameera. Kun ammoo lakkoofsa yeroo kamiyyu caalaa baayyee ta'ee galmaa'edha jedhameera.
Waggoota 10 darban keessa lakkoofsi ulfa baasuu dubartoota umuriin isaanii 35 ol ta'e biratti dabalaa kan dhufe yoo ta'u, warra umuriin isaanii 18 ol ta'an biratti xiqqachaa akka deeme gabaasni Damee Kunuunsa Fayyaafi Hawwaasaa ni agarsiisa.
Doktoroonni akka jedhanitti lakkoofsi ulfa baasuu dabalaa dhufuun kun carraa ittiin malawwan ulfa ittisuu argatamu atattamaan akka barbaachisu agarsiisa.
Baajata fayyaa hawwaasaa naannolee hir'isuunis tajaajila kana irraan dhiibbaa geessisaa jira jedhan.
Dubartoota umuriin isaanii deeme biratti dabaluu isaa
Walumaa galatti, ulfa baasuu lakkoofsi isaa 200,608 ta'e dubartoota Ingilaandiifi Walsi keessa jiraataniin bara 2018 keessa qofa gaggeeffameera. Kana jechuun ammoo dubartoota umuriin isaanii 15-44 keessa ta'an 1,000 17.4 kan ta'an akka jechuudha.
Lakkoofsi kun kan bara darbe 1,000 keessaa 17.9 ta;e bara 2007'tti galmaa'e bira qabamee yeroo ilaalamu gadi aanaadha.
Lakkoofsi kan dubartoota umuriin isaanii deemeeru ulfa baasan dabalaa dhufus kan dubartoonni umuriin isaanii dargaggeeyyii ta'an ulfa baasan garuu xiqqateera.
Lakkoofsi dubartoota umuriin isaanii waggaa 16-17 gidduu ta'an ulfa baasan waggaa kudhan dura kan turarraa walakkaadhaan hir'ateera. Kana jechuun dubaroota umurii kana keessa jiran 1,000 ta'an keessaa 10 kan ta'an bara darbe ulfa baasaniiru.
Haata'u malee, lakkoofsi dubartoota ulfa baasanii kan umuriin isaanii 30 ol ta'anii dabalaa dhufeera.
Pirezedaantiin Kollejjii Wallaansa Da'umsaafi Gadameessaa Rooyaal kan ta'an Pirof. Lesleey Reegaan: "Ulfa hin barbaachifneefi dhukkuboota saalqunnamtiidhaan daddarban ofirraa ittisuudhaan fayyaafi da'umsaaf dubartoonni tajaajilawwan mala ulfa ittisuufi fayyaa walhormaataa argachuu qabu.
"Nutis kanaafidha kan deggersa maallaqaa addaan ciccitu akka dhaabbatuufi itti-gaafatamummaan gaariin uumamee tajaajila ga'aa dhabuun dhiibbaan dubartoota irra ga'u akka dhaabbatuuf kan gaafannu."
'Tajaajilawwan Naga Qabeessa'
Dabalataan, dubartoonni biyya biroo lama Ayerlaandiifi Ayerlaandii Kaabaa irraa dhufan 4,600 ol ta'an bara 2018 keessa ulfa baasaniiru.
Akka Pirf. Reegaan jedhanitti, dhimmi kun seera ulfa baasuu naga qabeessa ta'e "akkaan akka barbaachisu' Ayerlaandii Kaabaatti agarsiisa.
Kanaaf jetti qorattuun kun: "Akka mootummaan dhaabbileen biroo waliin ta'uudhaan hojjechuun dubartootaafi ijoolleen shamarranii eessayyu jiraatan tajaajila kunuunsa ulfa baasuu seera qabeessaafi isaaniif malu akka argatan kan gaafachaa jirruuf."