Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koroonaavaayiras: Dhukkubni qilleensaan daddarbuun maal jechuudha?
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) hamma yeroo dhihootti wantoota koronaavaayiras of irraa qaban jedhaman yoo tuttuqan qofaa Covid-19 nama qabuu kan danda'u jedhaa ture.
Kunis yeroo qufaanu yookiin haxxifannutti wantoota ijaan hin argamne sanneeniin Covid-19 daddarbu turetti.
Kanaaf kan dhaabbanni kun tatmsa'inna Covid-19 ittisuuf harka dhiqachuun maloota ittisaa keessaa isa murteessaadha jedheefi.
Yeroo ammaa kanatti ilaalchi koronaavaayirasiin paartikiloota xixiqqoo ijaan hin mul'anne yeroo dubbannu yookiin hargannu qaama keessaa bahaniin daddabaruu danda'a jedhuudha.
Dhukkubni qilleensaan daddarbu maal jechuudha?
Tatamsa'inni qilleensaa yeroo nuti vaayirasii yookiin baakteeriyaa qilleensa keessatti argaman gara keessatti fudhannu mudata.
Wantoonni xixiqqoon ijaan hin mul'anne sunneenis gara bakkeewwan bal'atti tamsa'uu danda'u.
Busaan, qufaanii fi daranyoon sombaa dhukkuboota qilleensaan daddarban keessaa isaan muraasa.
Ragaan WHO akka mul'isutti koronaavaayirasiin bakkeewwan namoonni itti baay'atanitti qilleensa keessa turuu akka danda'u ibsa.
Qilleensa keessatti hammam turuu danda'a?
Qorannoon akka mul'isutti kornaavaayirasiin dhugaa hin taane qilleensatti biifame yoo xiqqaatee sa'aatii sadii qilleensa keessa turuu danda'a jedha.
Qorattoonni garuu yaalii laabiraatoorii keessatti taasifame gaafa qabatamatti hojiirra ooluu garaagarummaa qabaachuu danda'a jedhu.
US kutaa biyyaa Waashingitan keessatti namni tokko namoota waldaa tokko keessatti waliin faarfatan keessaa namoota biroo 45 dhukkubaan qabsiisuu danda'a jedhamee shakkama.
Namoonni dhukkubaan qabaman muraasni immoo namoota walirraa fageenyasaanii eeggataniidha.
Haalli walfakkaataan Chaayinaa keessatti mudatee ture. Chaayinaatti namni tokko mana nyaata tokkotti nyaatu namoota biro sagalitti dhukkubicha dabarsuu danda'a.
Namoota qabaman keessa inni tokko nama dhukkubicha daddabarse irraa meetira jaha fagaatee taa'aa ture.
Amma maal godhuu qaba?
WHO yeroo ammaa kanatti Covid-19 ittisuuf tarkaanfileen fudhatuu qabnu jedhee ibsu keessaa harka bishaan ho'aa fi saamunaadhaan seekondii 20'f dhiqachuu akkasumas walirraa siiquudha.
Qorattoonni muraasni immoo tarkaanfileen kunneen dhukkuboota qilleensaan daddaran ittisuuf gahaa miti jedhu.
WHO ammatti tarkaanfilee fudhataman irratti wanti haaraan dabale jiraachuus baatus raga haaraa irratti garuu hojjataa jiru.
Yoo ragaan kun mirkanaa'ee itti fayyadamni maaskii akkasumas walirraa siiquun manneen dhugaatii, nyaataa fi geejjiba dabalatee haalaan hojiirra oolfamuu danda'a.
WHO qajeelfama isaa akka deebi'ee ilaalu maaltu godhe?
Dhiheenya kanatti qorattoonni 239 biyyoota 32 irraa WHO'f xalayaa barreessaniiru.
Isaanis WHO tatmsa'inna qilleensaa ilaalcha keessa galchuun seera koronaavaayirasiirratti baase irra deebiin akka ilaalu gaafataniiru.
"Ragaa kana akka mirkaneessan barbaanna," jedhan Yuunivarsiitii Koloraadootti faarmaasistii kan ta'anii fi waraaqicha kan malleettasan Jose Jimenez.
"WHO irratti miidhaa geessisuuf miti. Marii saayinsaawaati, eega yeroo dheeraaf waliin mari'anne booddee raga kana fudhachuu didaaru waan ta'eef ummanni dhimmi kana beekuu qaba jenneeti."
Xalayaa kanaaf WHO irraa deebii kan kennan Benedetta Allegranzi ragaan koronaavaayirasiin "bakkeewwan namoonni itti baay'atan, cufaa ta'an, qilleensa gahaa hin arganetti" daddarba jechu hin ibsamne, hin haqamne."
WHO murtee haaraa dabarsuun duratti ragaalee dabalataa akka barbaadu ibseera.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras