Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasi: Bulchiinsi Teeksaas sababa Covid-19'n hammaatef maaskii uffachuu dirqama goote
Ameerikaatti Bulchaan Teeksaas waan tatamsa'iin vaayirasichaa biyyattii keessatti garmalee dabalaa jiruuf jecha alatti maaskii kaawwachuu dirqama taasisaniiru.
Qajeelfamni kunis kaawuntiiwwan namoonni Covid-19 qabaman 20 fi isaan olii keessatti argame keessatti hojiirra kan oolu yoo ta'u, Teeksaas keessatti ammo kaawuntiiwwan 254 argamu.
Teeksaas keessatti guyyaa Roobii qoofaatti namoota 8,000 ta'aniitu Covid-19n qabame. Kunis kan torba lamaan darbanitiin wal bira yoo qabame ilaalamee 2,400 kan dabale jedhameera.
Ameerikaa keessatti ammatti namoota miliyoona 2.7 ta'u vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa'e yoo ta'u, kuma 128 kan ta'an ammoo lubbusaanii dhabaniiru.
Teeksaas bulchiinsoota Ameerikaa kanneen tarkaanfii uggura kaa'amee ture kaasuudhaaf dursa fudhatan keessa turte.
Bulchaan Teeksaas maal jedhan?
Bulchaan Teeksaas Gireej Abiiti maaskii fuulaa kaawwachuun deebiisnee dhaabbilee daldalaa saaquuf nu gargaara jedhaniiru.
Bulchaan kunis ajaja walfakkaataa kanaan dura baasanii turan Ebla 30 akka xumuramu hayyamanii turan.
Garuu amma vaayirasichi deebi'ee bulchiinsicha keessa waan babal'ataa jiruuf gara ajaja isaa kan duraatti deebi'uun manneen dhugaatii hundi akka cufamaniifi restoraantonnis humna xiqqaan akka hojjatan taasisaa jiru.
Kanaan dura garuu bulchaan kun ummanni bulchiinsichaa guutuu maaskii akka uuffatuuf ajajuu didanii ture.
Kana malees namoonni maaskii kaawwachuu didan doolaara 250 kan adabaman ta'uu himeera.
''Waanan ifa taasisuu barbaadu, seera nageenyaa kana cabsuudhaan namni kamiyyuu mana hidhaa hingeeffamu'' jedhaniiru bulchaan.
Itti dabalaniis 'Covid-19 eessayyuu hindeemu. Caalaa itti cimaa deema malee'' jechuun hawaasa akkeekachiisaniiru.
Kutaalee hospitaalotaa kan namoonni baayyee dhukkubbsatan keessatti wallaanaman gara guutuu gahaniiru kan jedhan bulchaan kun, ''Amma yeroo vaayirasichi garmalee itti babalataa jiru irratti waan argamnuuf, dogongora xiqqoolleen taasisuu hinqabaannu,'' jedhan.
Ajaji kennamees kan waanuma namoonni 'ofii yaadanii raawwachu' danda'an kan dabalatuudha. Haa ta'u malee, ijoolleen umuriinsaanii waggaa 10 gadii seera kanaan hindiriqisiifaman.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras