Joorj Filooyid: Poolisoota hojiirraa ari’amanirratti himannaan haaraa dhihaate

Poolisoota afur yeroo ajjeechaan Joorj Filooyid Miniyaapoolis raawwate turaniifi hojiirraa ari’aman irratti himannaan haaraa dhihaate.

Akka ragaan mana murtii agarsiisutti poolisiin jilbasaarra ejjetee ajjeese, Deerek Chaawuvin, irratti himannaan ajjeechaa digirii lammataatti ol guddateera.

Poolisoota sadii duratti hin himatamne irratti ajjeechaa tumsun himatamu.

Duuni Joorj Filooyid Ameerikaa guutuu keessatti mormii farra sanyummaafi ajjeechaa poolisiin lammiilee gurraacha irratti raawwatu balaalleeffatuuf gaafatu akka taasifamu ka'umsa ta'eera.

Mormiin guyyoota saddeet darban gara caalu naga qabeessa turani. Garuu, muraasni hookkaratti jijjiiramanii jennaan yeroo malee socho’uun bakki itti dhorkamees jira.

Abbaan Alangee Minesotaa Keeyit Elisan kuni kan ta’e haqa kennuuf akka ta’e himan.

Senaatarri Minesotaa Ami Kilobuchaar himannaan haaraa haqa kennuuf akka gargaaru tiwiitara irratti barreessaniiru.

Haa ta’u malee boodarra CNN gubbaa yoo dubbatan himannaa Dereek Chaawuvin ajjeechaa digirii jalqabaa akka ta’u qabu maatiin gaafachuufi tura keessa himannaan jijjiiramuu akka danda’u itti himamuu isaanii himan.

Abukaatoon maatii Joorj Filooyid Benjaamin Kiraamp: ‘‘Haqa argachuuf imala akeekudha himannaan kuni. Osoo owwaalchi isaa hin raawwatiin tarkaanfiin akkanaa dhihaatu isaan gammachuu qabna’’ jedhaniiru.

Rogeessi Luba Al Shaarpitan immo dhimmi Filooyid lammiilee gurraacha harka poolisii adii irraa eeguuf seerri haaraa bahuu akka barbaachisu yaada dhiheessaniiru.

Abbaan Alangee Keeyit Elisan garuu qondaala poolisii du’aan himachuun salphaa akka hin taane himaniiru. Kunis, seenaa irraa kan barredha jedhan.

Hanga yoonaa bulchiinsa Minesotaa keessa poolisii tokko qofaatu nama nagaa ajjeesun himatame.

Himannaan kuni hangam adabsiisa?

Akka seera Minesotaatti ajjeechaan digirii jalqabaafi lammataa namni ajjeesuun himatame ajjeesuuf barbaade kana gochuu isaa mirkaneessuun barbaachisa.

Inumaa digiriin jalqabaa yeroo baay’ee namichi suni karoorsee raawwatuu isaa raga dhiheessuu gaafata.

Kan digirii lammataa garuu yakka tasa raawwateen walitti dhihaata.

Digiriin sadaffaa immoo namni ajjeechaan himatame nama du’e ajjeesuuf barbaade raawwachuu isaaf mirkaneessuun hin barbaachisu.

Garuu, akkitti raawwate hamaafi lubbuu namaaf osoo dursa hin kenning raawwachuu isaa raga dhiheessuu gaafata.

Himannaan ajjeechaa digirii lammataa hanga waggaa 40 adabsiisuu danda’a. Kunis, kan digirii sadaffaarraa waggaa 15’n guddata jechaadha.