Ajjeechaa Joorji Filooyid: Mormitootni Poolisii waliin walitti bu'an

Ameerikaa magaalaalee adda addaa keessatti ajjeefamuu lammii Ameerikaa hiddi isaa Afrikaa ta'eef mootummaan haqa akka kennuuf mormii gaggeefamuun , mormitootni poolisii waliin walitti bu'an.

Magaalaalee sochiin hawaasaa sababa weerara Covid-19'n itti ugguurame keessatti namootni dhibbaan lakkaawaman bahanii mormii dhageessisuutti jiru.

Waayit Haawus fuula durattis namootni dhibbaan lakkaawaman bahanii nama poolisoonni to'annoo jala oolchuuf osoo jedhan ajjeeesaniif haqni haa kennamuu jedhaniiru.

Magaalota mormiin keessatti dhagaahamaa jiru keessaa Mineesotaa, Niiwyoorkiifi Kaalifoorniyaan ni argamu.

Poolisiin Miniyaapoliis daqiiqaawwan shanii oliif mormi Joorji Filooyid irra jilbaan dhaabbachuun du'a isaaf sababa ta'e Deeriik Chaawuviin ajjeechaan himatamee to'annoo jala ooleera. Himatni ajjeechaa sadarkaa sadaffaa irratti baname garuu mormitoota hin gammachiifne.

Poolisiin ganna 44 kun erga ajjeeechaa kanaa yeroo duraaf Wiixata mana murtiitti dhiyaata.

Pireezidant Tiraamp taatee kanaan waan badaa jedhaniin. Maatii Joorji Filooyiditti biliblanii akka turan kan beeksisan Tiraamp, maatii isaatiin ''namoota jaboo'' jechuun ibsan.

Wayita mormii maaltu ta'e?

Jimaata galgala magaalaa Waashingitan DC Waayita Haawoos fuula duratti namootni suuraa Filooyid qabatan walitti qabamuu eegalan. Jecha Filooyiid osoo dubbatuu du'e, afuura baafachuu hin dandeenye, jechaas sagalee isaanii dhageessisaa turan.

Jechi Filooyid kun jecha lammiin biyyattii gurraachi bara 2014 Niiwyoorkitti ajjeefamuu isaatiin dura yeroo hedduu irra deddeebiin dubbachaa turedha.

Sababa kanaattis Waayit Haawuus keesssatti sochiin guutummaan guututti ugguurameera. balaballi masaraa mootummaa kun humnoota addaa Ameerikaa 'Secret service' jedhamaniin cufameera

Magaalota Lakkuu Miniyaapoliisiifi Seent Poolitti galgala sa'aa afurii hanga ganama barii sa'aa 12'tti Jimaataafi Sanbata namni akka hin sochoone dhorkaan kaahamuus namni manatti hin deebine. Inumaayyuu manneeniifi konkolaattota ibiddaan qabsiisuun eegale

Magaalota akka Niiw Yoork, Los Aanjalas, Chikaagoo, Denveer, Hiyuusten, Loosvill, Fooneeks, Kolombiyaafi Meemfiis keessatti mormitootni Poolisii waliin walitti bu'aniiru.

Atlaantaatti ammoo gamoowwan diigamaniirru, konkolaattotni Poolisiis ibiddaan gubataniiru. Mormitootni hedduun dhiyeenya waajira CNN'tti walgahan.

Daalaasitti Poolisoonni mormitoota dhagaan isaan dhaanuu eegalanitti aara imimmaanessu dhukaasaaniiru.

Poolisoota biroo sadii ajjeechaa Filooyiid waliin hariiroo qabu jedhaman irratti tarkaanfii jalqaba hojiirraa ari'uu fudhatameen addatti himatani baname hin jiru. Abbaan alangaa kaawuntii Henepiin Maayik Fireemaan, Poolisoota sadan irratti himatni banamuu akka danda'u akeekanii odeeffannoo dabalataa kennuurraa of qusataniiru.

Himatootni lamaan Poolisii jilbaan morma Filooyidirra dhaabeterratti banaman ajjeechaa sadarkaa tokkoffaa miti. Kana jechuun Chaawuviin fedha Filooyidiin ajjeesuu qabaatee hin turree kan jedhudha.

Kun ammoo mormitoota ittuu dheekkamsiiseera.

Maatiin Filooyid maal jedhan?

Maatiin Filooyidiifi abukaatoon isaanii qabamun isaa barafatuus waan gaariidha jedhan.

Himatni irratti baname ajjeechaa sadarkaa tokkoffaa akka ta'uufi poolisoonni sadan hafanillee akka himataman gaafataniiru.

Pireezidantiin duraanii Ameerikaa Baraak Obaaman bara 2020 keessa kun waan baratame ykn normal ta'uu hin qabuu jechuun yaada kennaniiru.

Ibsa isaanii keessatti ''yoo ijoolleen keenya abjuu keenya isa guddaa akka biyyatti qabnu keessatti akka guddatan feene, fooyya'uu qabnaa'' jedhan