Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Galmeen yakkaa lammiilee Ameerikaa adiifi gurraachaa yeroo walbira qabamu
Miniyaapolisitti to’annoo poolisii jala osoo jiru gurrachii Ameerikaa (Lammii hiddaan Afrikaa ) Joorji Filooyid erga du’ee booda magaalota US keessatti hokkorri ka’ee jira.
US keessatti yakkaafi Haqa irratti odeeffannoowwan jiraniifi seeraa kabachiisuu irratti muuxannoo lammiilee Amerikaa gurraachaa ilaallerra.
1. Gurraachoti Ameerikaa kaan caalaa rasaasaan rukutamu
Gabaasni lakkoofsa namoota poolisiin ajjeefamanii akka mul’isutti lammileen Amerikaa gurraachi ummata US biroo caalaa ajjeefamu.
Baay'inni gurraachoti Ameerikaa, US'tti %14 qofa ta’us bara 2019'tti ajjeechaa 1,000 poolisiin raawwate keessaa %23 gurraachota irratti raawwate.
Lakkoofsi kun bara 2017 irraa eegalee walfakkaataadha. Ta'us, lakkoofsi lammilee adii poolisiin miidhamanii garuu hir’isaa deemeera.
2. Qoricha sammuu hadoochu walqabatee kan caalatti hidhamuu gurraachoota Ameerikaadha.
Bara 2018'tti gurraachota Ameerikaa qoricha sammuu hadoochuu fayyadaman 100,000 keessa 750 kan hidhaman yoo ta’uu lammilee adii Ameerikaa 100,000 yakka wal fakkataa raawwatu jedhame keessa garuu 350 qofatu to’annoo jala oola.
Qorannoon biyyaaleessa fayyadama qorichaa sammuu hadoochu irratti duraan ba’e akka mul’isutti lakkoofsi lammiilee adii qoricha kan fayyadaman kan gurraachaan wal fakkaataa ta’us yakka kanaan garuu kan hedduuminaan hidhamu gurraachota.
Fakkeenyaaf qorannoon dhaabbata 'American Civil Liberties Union’ jedhamuun gaggeefame, lakkoofsi fayyadamtootaa wal gita ta’us fayyadamtoonni maruwaanaa gurraachaa harka 3.7 kanneen adii caalaa to’annaa jala oolu.
3. Lammiileen gurraacha Ameerikaa kaan caalaa hidhaa bu’u
Lammiileen gurraachaa Ameerikaa kanneen adii caalaa harka shan hidhaa akka seenan qorannoon dhiyeenya gaggeefame ni agarsiisa.
Bara 2018'tti lammiileen gurraacha Ameerikaa lakkoofsa ummataa US kessaatti gara %13 ta’anis, namoota manneen hidhaa biyyatti keessa turan keessa harki sadii gurraachota.
Lammiileen adii Ameerikaa garuu baayi'na ummata US keessatti %60 ta’anis, manneen hidhaa keessatti garuu %30 qofatu adiidha.
Kana jechuun garraachota Ameerikaa 100,000 keessaa 1,000 hidhaa kan galan yoo ta’u kan lammilee adii ameerikaa 100,000f kan hidha galan garuu 200 qofa ta’u.
Waggooti kurnan darban keessatti UStti lakkoofsi lammiilee gurraachaa Ameerikaa hidhaa seenaan hir’isaa dhufus, ammayyuu namoota hidhaa jiran keessa harki caalaan gurraachota.