Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: 'Haadholiin 'uggura keessatti hojii mana keessaafi kunuunsa daa'immanii hedduusaa hojjatu'
Yeroo ugguraa kanatti abbotii caalaa haadholiin hojii mana keessaafi kunuunsa daa'immanii hojjataa jiru jedha qorannoon haaraa taasifame.
Qorannoon akka ibsutti mana haatii fi abbaan hojii mataasaanii qaban keessatti, dubartoonni hojii mana keessaa baay'innaan hojjataa akkasumas ijoollee waliin yeroo dheeraa dabarsaa jiru.
Inistiitiyuutiin Qorannoo Fiiskaal (IFS) akkasumas Yuunivarsiitiin Kolleejjii Landan (UCL) maatii 3,500 waliin gaaffiifi deebii taasisaniiru.
Argannoosaaniitiin abbotiin sa'aatii sadiif walitti fufiinsaan hojii hojjechuu danda'u, haadholiin garuu osoo adda hin kutiin kan hojjechuu danda'an sa'aatii tokko qofa jedhe.
"Haadholiin jiddu galeessaan hojii mana keessaafi kunuunsa daa'immanii abbotii hojii wal fakkaata qaban caalaa hojjatu," jechuun ogeettii diinagdee IFS kan ta'an Luusiin Kiraaftmaan.
Isaanis bu'aan qorannoo kun maatiiwwan haatiifi abbaan hojii mataasaanii qabaniifi hojiidhaaf manaa bahan irraatti jedhaniiru.
"Maatiin haatiifi abbaan kunuunsa daa'immaniifi hojii mana keessaa qixa hojjatan, maatii asiin dura haatii fi abbaan hojii mataasaanii qaban amma garuu abbaan hojii dhaabe, haati ammas kaffaltii argataa jirtudha," jedhan.
Ogeettiin dubartoota ogummaa adda addaa qaban waliin hojjattu Paawulaa Sheeridaan akka jettutti maamiloonni ishee "hundisaanii" nyaata kan qopheessuu, qo'annaafi wantoota barnootaa ijoolleef barbaachisaan interneetiirraa kan buusan - hojiilee biroo dabalatee ofii akka hojjatan ibsaniiru.
"Galii guddaa kan argatu ana ta'us laaqanaafi irbaata qopheessuuf anatu hojii adda kutee ka'a, sababani isaas inni kana hojjechuu hin yaada hin qabu," jette maamilti ishee tokko.
Aadde Sheeridaan akka jedhanitti dubartoonni itti gaafatamummaa hojii mana keessaafi kunuunsa daa'immanii kan fudhachuun yeroo boqonnaa dahuumsaa bahan san jalqaba.
Abboonni boqonnaa dahumsaa fudhatanii haadha warraa isaaniirraa itti gaafatamummaa qooddatan %2 qofa.
'Dhiiraafi dubartii wal dorgomsiisuu miti'
Abbaafi haadha ta'uun nyaanni akka mana jiru beekuu, nyaata bilcheessuu, waan ijoolleef barbaachisu dhiheessuu fa'a of keessatti qabata.
Akaksumas yoo ijoolleen guddatanis haala barnootasaanii hordofuu fi sagantaa guyyaa dhalootaasaanii kabaju fa'a.
"Inni kun dhiiraafi dubartii dorgomsiisuu miti," jedhan Aadde Sheeridaan. "Abbaan warraa wantoonni kunneen ni raawwatu jedhee hin yaadu sababni isaas hin barbaanne waan ta'eef."
Haadholiin uggura keessattillee wantoota kanneen kan raawwatan isaani jedhan.
Garaagarummaa mindaa guddaa?
Uggura dura haadholiin sa'aatii hojii abbotiin osoo hin jeeqamiin ykn adda hin kutiin hojjatan %60 qofa hojjetu ture.
Yeroo ugguraa kana dubartoonni hojii hedduu hojjechuun "balaansaa garaagarummaan mindaa saalaarratti hundaa'e akka dabalu taasiseera," jette Aliisan Andiriiw IFS irraa.
Wahiilli ishee Sonyaa Kiruutikoovaan garuu uggurri kun abdii haatiifi abbaan hojiilee mana keessa qixa qooddatanii akka hojjatan taasisa jedhu qabdi.
"Abbotiin uggura keessatti kunuunsa daa'immanii isa uggura duraa sa'aatii asiin duraa caalaa si'a lama kunuunsaa jiru," jette.
"Inni kun ilaalcha abbotii, haadholii, ijoolleefi hojjattoota gahee abbotiin kunuunsa daa'immaniifi hojiilee mana keessaa bahuu qabu jiru ni jijjiira."
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras