Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Finfinnee, Lidataatti jiraattonni ganda tokkoo fedhaan adda of baasan
Itoophiyaa keessatti ji'a Caamsaa kana keessa lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii haalaan dabalaa jira.
Guyyaa kaleessa ibsa kan kennan hogganaan Pireesii Waajira MM Obbo Nugusuu Xilaahun, akkaan dabalaa dhufuun namoota Covid-19'n qabamanii uummatas mootummaas sadarkaa yaachisurra gaheera jedhan.
Obbo Nugusuun hawaasa keessa dagannaan akka jiru eeranii xiyyeeffannoon hunduu to'annofi ittisa dhibee kanaarratti ta'uu akka qabu dhaamaniiru.
Weerara dhibee kanaa daran yaaddessaa kan taasisu gabaasaalee Ministeerri Fayyaafi Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa waliin baasan keessatti irra guddaan namoota tibbana qabamuun isaanii qorannoon mirkanaahaa jiruu, kanneen seenaa imalaa hin qabneefi nama vaayirasichaan qabame waliinis tuttuqqaa qabaachuun adda hin baane ta'uu isaati.
Namoota hanga ammaatti qabaman keessaasa harki walakkaa kan ta'u magaalaa Finfinnee keessatti galmaahe.
Magaaluma Finfinnee keessatti ammoo dhibeen kun kutaalee magaala hundatti kan faca'e ta'us, Lidataafi Addis Katamaan akkaan miidhamuunis gabafameera.
Jiraattotni kutaalee magaalaa lamaan kana weerarri kun akka isaan rifaasise BBC'tti himanii turan.
Dhiyeenya kana ammoo maanguddoon ganna 78 lubbuun isaanii sababa dhibee kanaan darbe jirattuu Lidataa aanaa ykn waradaa 3 Qaxanaa 5 akka ta'an beekameera.
Lidataa keessa, 'Qaxanaa amist mandar soosti' lafa jedhamuun beekamu keessa tuttuqqaan nama lubbuun darban waliin ture guddaadha jedhamee waan yaadameef jiraattotni ganda kanaa of eeggannoo jabaa gochaa jiru.
Mandara kana keessa abbootiin warraa jiraatan 74, tamsa'ina vaayirasichaa to'achuuf fedha isaaniin of qoodanii turuuf balbala cuccufataniiru.Jiraatan ganda sanaa fi qindeessaan hojii kanaa, Biiniyaam Ashannaafii, Mootummaan nu dirqamsiisee osoo hin taane fedha keenyaan adda of baafne jedha.
Hawaasichi qorannoo Koronaaf saamuda waan kenneef hanga bu'aan qorannoo beekamutti sochii mandara kanaa dhaabnee'' jechuun BBC'tti himeera.
''Daandii gara mandara sanaa geessuu cufuun torban lamaaf tuttuqqaa namoota waliin qabnu adda kutnaa'' jedha Biiniyaam.
Jiraattotni ganda kanaa adda of baasuu erga eegalanii torbeen tokko kan darbe yoo ta'u fedha irratti kan hundaa'e waan ta'eef manaa gad bahuun guutummaatti hin dhorkamnee jedha.
Ganda sana keessa kanneen hojii guyyuun of jiraachisan waan jiraniif isaaniin manaa akka hin baane dhorkuun nyaataaf dhugaatii gahaa dhiyeessuun akka isaan rakkisees dubbata.
Sababa kanaan namootni jireenya isaanii gaggeessuuf socho'an jiraachuus akeekeera Biiniyaam.
Namni harki caalufi tuttuqqaa hedduun qaba jedhee yaadu manatti ol deebi'ee akka jiru garuu himee jira.
Dhuma torbee darbeetti ibsa kennanii kan turan Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddesee, kutaalee magaalaa Finfiinnee Vaayirasichi akkaan itti tamsa'aa jiru keessatti vaayirasicha to'achuuf uggurri sochii labsamuu akka malu dubbatanii turan.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras