Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Baatiiwwan dhufan keessa Afriikaa Kibbaatti duutii sababii Covid-19 ‘dabaluu mala’
Afriikaa Kibbaatti dhuma waggaa kanaatti yoo xiqqaate namoonni kuma 40 sababa dhibee Covid-19ndu’uu akka danda'an, saayintistoonni akeekkachiisan.
Tilmaamni kun garee oggeessoota fayyaafi qorattoota mootmmaa gorsaniin kan taasifameedha.
Uggurri baatii Bitooteessaa keessa hojiirra olfamee turees gurgurtaa sijaaraafi alkoolii dabalatee tatamsa’ina vaayirasichaa gadi buusuun isaa himameera.
Gareen ogeessotaa kun ibsa tilmaama isaanii kana pirezidaantii Siiril Raamaafosaatiif kan kennan uguurri cimaan kaa’amee jiru baatii Waxabajjii irraa kaasee ni kaafama jechuun isaatiin.
Biyyi Afriikaa Kibbaa baayyina ummata miliyoona 57 qabadu keessaa namoonni 17,200 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, lammiileen 312 ammoo sababiidhuma dhukkuba kanaatiin lubbusaanii dhabaniiru.
Wal madaalchisuufis, Ispeen biyyi ummata miliyoona 47 qabdu keessatti namoonni 278,000 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta’u, 28,000 ammoo du’aniiru.
Haata’u malee, tilmaamni Afriikaa Kibbaa kunis mootummaan haala weerarichaarratti karoora akka baasuuf gargaaruuf kan qophaa’eedha.
Haaluma kanaanis tilmaamichi biyyattii keessatti baatiiwwan dhufaniitti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniifi kan du’aanii haalaan dabala jedheera.
Gabaasni kunis walgahii Minitira Fayyaa Dr Zweelii Mkhizee waliin tureerratti yeroo mootuummaan iftoomina hinqabu jechuun qeeqaniitti kan himame ture.
Haata’u malee, tilmaamni kun odeeffannoon akkuma argameen kan geedaramu ta’u malas jedhameera.
Tilmaamni ogeessota kanaa bifa lamaan taa'e. Tokkoffaa, dhuma baatii Hagayyaarratti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 100,000 ni gaha jedhameera. Lakkoofsi nanoota du’anii ammoo dhuma bara kanaatti kuma 40 akka ta’u tilamaamameera.
Gama biraan ammoo Hagayya keessa lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 120,000 kan gahu yoo ta’u, hanga dhuma bara kanaatti kan du’an 45,000 akka ta’an timaamameera.
Akkasumas, gabaasichi waliigalatti namoonni miliyoona 1.2 ta’an Covid-19n waan qabamaniifuu torbanoota keessa kutaawwan wallaansa addaa dhiphachuu mala jechuun akeekachiisaniiru.
Baatii Bitooteessaa keessa pirezidaanti Raamaafoosaan tarkaanfiiwwan ugguraa muraasa hoiirra olchanii ture.
Hojjattoonni hedduunis manasaanii akka taa’an hojjetan taasifameera. Uggura sigaaraafi dhugaatii alkoolii, sochii imalaa, bishikiliitii oofuufi saree qabatanii bahuunsi dhorkamee ture.
Caamsaa 1 irratti ammoo, uggurichi sadarkaa 5 irraa gara sadarkaa 4 laafifamee jira. Kunis, namoonni sa’aatii 06:00 hanga 09:00’tti sochiilee qaamaa akka taasisaniif hayyameefiira.
Akkasumas, namoonni bakkeewwan namoonni itti baayyataniitti ammalleen maaskii fuulaa akka godhataniifi seera fageenya hawaasummaa eegachuus akka hordofaniif gaafatamaa jiru.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras