Koronaavaayiras: Yeroo ugguruu keessa dubartoonni attamiin dhiira isaan miidhu waliin turu?

Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii akka dhiheenya kana beeksiiseetti sababii tatamsa'ina Covid-19n walqabatee namoonni mana keessa turusaatiin dubartoonni hedduun miidhaa mana keessatiif saaxilamaa jiraachu beeksiseera.

Dhimma kanas ''Weerara gara biraa ifa hintaanee'' jechuun ibseera.

Haaluma walfakkaatuunis motummoonni biyyoota Afriikaa hedduufi roggeeyyoonni mirgoota namoomaatiif morman akka ibsaniitti, hedduun tarkaanfii uggura mana keessa turuutiin walqabatee abbaa warraa, jaalallee ykn miseensoota maatiitiin miidhaan mana keessaa irra gahaa jira.

Namoota miidhaam mana keessaa kun irratti raawwatamaa jiru keessaa heduunsaanii dubartootaafi daa'iaman jedhameera.

Isin osoo haala akasii keessa taatanii maal raawwattu?

Oggessoota damee kanaafi namoota jireenya akkasii keessa darban dubbisuun kan qindeeessine qabana.

''Yoo kan miidhaan yeroo hunda isin irratti raawwatam ta'ee, haalli itti miidhaaf saaxilamtan maal akka fakkaatu hubachu dandeessu,'' jetti dubartii dheeraaf abbaa manaasheetiin miidhaa qaamaafi xinsammuu irra gahaa ture Eestar.

Dubartiin kunis waggoota sadiif walitti aansuun abbaa warraa isheetiin reebamaafi jecha afaan isaatiin miidhamaa turu dubbatti.

Keessattuu 'guyyoonni Sambattanii anaaf baayyee cimaa turan sababii namoonni hundi mana oolaniif' jetti. ''Mana keessa waan ooluuf waan hojjatu baayyee waan hinqabneefu sababa barbaaduun naan loola ykn akkan waa dubbadhu na kakaasa ture,'' jetti wayita jireenya keessa dabarte yaadatu.

'Gaa'ila akka mana hidhaatti yaaduu'

''Isaan boodas dhumnaas jecha sammuu namaa madeessuu ykn reebicha ta'a. Sababii kanaafuu waanan gaa'ila keessa jiru osoo hintaanee kanan mana hidhaa jiru natti fakkaata ture'' jetti.

Kanaafuu jireenya isheen dabarsite irraa ka'uun, guyyaa Sambataafi Dilbataatti haalli akkasii kan mudatu yoo ta'e sababii ugguraatiin ji'ootaaf gara manaatti wayita deebii'amu haalli cimaan raawwachu akka danda'u himti Aaddee Eestar.

Baatiiwwaniif wayita mana oolamuutti hojii dhabuun mukaa'u qofa osoo hintaane dhibbiinni sammuu fi soodaan illeen mudachu danda'a jetti.

Easter amma erga abbaa manaa isheetiin adda baatee waggoota hedduu ta'eera.

Wayita nama akkasiin miidhaa isheerraan gahaa tureen turteetti adda bahuuf murteessuuf baayyee rakkataa turu dubbatti.

'Sababii dhibbina sammuu maal naan jedhuu, hirkattuummaa dinagdeefi sodaa miiraa narra gahaa tureen dhiisee deemuuf baayyee natti ulfaate ture. Kana malees ijoolleen kiyya jiru. Maatiin kees ati gaa'ila keessa yoo turte akka ulfinaatti yaadu waan ta'eef gama sanaanis kan si jajabeessuu hinjiru.''

Durbatoota tibba ugguraa kanatti abbaawwarraa ykn jaallallee miidhaa isaan irraan gahaa jiru biraa bahanii deemuuf rakkinni caalaa cimaadha jetti.

Fakkeenyaaf mantichi alkan keessa kan reebuun ta'ee baatee baqachuuf osoo jettee, seera uggura sa'aatii cibsuun poolisiin qabamti. Akkasumas geejiba argachuu hindandeessuu daa'ima qabattee alkan san baqachuuf.

Biyyoon guddatan edduuni ammoo dhimma akkasitiin sarara ittiin gargaarsa argatan addatti mijeessaniiru. Tibba kana keessaas namoonni tajaajila kana gaafataa jiran baayyee ta'u himamaa jira.

'Mudannoon miidhaa garmalee dabaluu'

Afriika Kibbaatti torban jalqabaa ugguurri sochii kaa'ame qofaa keessatti gabaasa miidhaa mana keessaa 2,320 poolisiin galmaa'eera. Kunis kan yeroo biraa parsantaa 37 caalaa jedheameera.

Zimbaabweettis miidhaan kun dachaa sadiin kan dabale yoo ta'u, Naayijeeriyaattis kan duriirra ol ka'uun galmaa'eera.

Haaluma kanaanis biyyoonni Afriikaa tokko tokkoos tibba kanatti dubartoota gargaaru yaaduun malawwan addda addaa hojjiira olchaa jiru.

Fakkeenyaaf Tuniziyaan dubartootaafi daa'imman tibba kanatti miidhaa irra gahuuf kan tajaajiluu buufata saddeeti qopheessite jirti.

Biyyoota gara biraattis akkasuma bakkeen dahannoo qophaa'uun qaamoolee tola oltummas keessatti hirmaataa jiru.

'Dahaoo baqannaa miidhamtootaaf'

Jiddugalli dahannoo miidhamtoota haala kanaatiif Zimbaabwe keessatti qophaa'e tokkos wayita ammaa kanatti dubartoota 21 fi daa'imman torba simachuun tajaajila kennaa jiraachuu beeksiise.

Daarektarri jidduugala kanaa Biiyatiriis Saavaadiyee akka jedhaniitti dubartoonniifi daa'imman achi jiran tokko tokkos manaa badanii bahuun eeruu poolisiin kan argamaniidha.

Hojjattuun hawaasummaa Keeniyaatti argamtu Diyaanaa Kaamaandee akka jettuutti ammoo, dhaabbanni isheen keessa hoojattu dubartoota rakkina kanaaf saaxilaman 17 simachuun deegarsa taasisaafii jira, magaalaa gudditti Naayiroobii keessatti qofaa.

Naayijeeriyaattis akkasuuma dubartootaafi daa'immaan tibba kana keessa miidhaaf saaxilamaa jiran gargaaruuf tattaafiin taasifamaa jira.

Gaanaatti ammoo dhaabbanni gargaarsaa kanaan booda dubartoota miidhaan irra gahu simachuu na rakkadha jedheera. Sababiinsaas baayyinni namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa dhufuusaafi jiddugalli dahuu kunis guutuusaatti jedhameera.

Eastar jiddugala kana keessatti namoota miidhaan irra gahees tajaajila gorsaa karaa bilbilaatiin kennaa jirti.

Isheenis ''Yoo miidhaan isin irra gahee, qaamolee naannoo keessaniitti kabaja mirga namoommaarra hojjatan argachuuf yaalaa. Akkasumas namoota isin gargaru danda'an kamiiyyuu biratti bilbiluun haala keessatti argmtan itti himaa, gorsaafi deeggarsa argachu dandeessuu'' jechun jajjabeessiti.

Kana malees hawaasni ballaanis wanta ollaa isaaniitti ta'aa jiru hubachuun haala itti gargaaru irratti kan gaheessa bahuu qaba jechuun waamicha dabarsitii oggeettiin xin-sammuu lan taatee Nitaabiseengi Raamotwaalaa Afriikaa Kibbaa irraa.

Akkasumas dubartoonnis namoota naannoo isaaniitti argaman irraa deeggarsa argachuu akka yaalaniif gorsti.

''Bilbia poolisii naannoo keessanii ittiin argachu dandeessan baraa. Ollaan keessanis haala keessa jirtan hubachuun akka isiniif birmatan itti himaa. Lakkoofna fira keessanii dhufee isiin baraaruu danda'uus ollaaf kennaa.''

Dubartoota nama miidhaa isin irraan gahuu harkaa bahuun hindandeenyee ammoo ''haalla keessa jirtan keessa baqachuu kan hindandeenye yoo ta'e, jecha hamaas ta'u hobsaan bira darbaa malee itti hindeebisiinaa. hanga danda'ameen hojii jecha isaanii sana ittiin irraanfachu isin dendeessisu kan biraa hojjachuuf yaadaa hanga yeroo itti baqachu dandeessan gahuutti,'' jetti.