Dr. Kaanaan Ambaalam: 'Namni kun faranjii miti, namuma keenya naan jedhu'

'Namni kun faranjii miti, namuma keenya' naan jedhu, jedhan barsiisaan Yunvarsiitii Wallaggaa xiyyeeffannaa isaa jireenya ummata baadiyaa naannichaa gargaaruu irra taasifate tokko.

Dr. Kaanaan Ambaalam lammii Indiyaa yoo ta'u, waggoota 12 darbaniif Yunvarsiitii Wallaggaatti barsiisummaadhaan Tajaajilaa jirani.

Waggoota shanan darban hojii barsiisummaa idileen hojjetan maddiitti hojii tola ooltummaa hawaasa baadiyyaa naannichatti argamanii rakkoo irraa furu hojjechuunis hawaasa yunvarsiitichaatiin hedduu beekamu.

Laggeen ganna guutanii uummata baadiyyaa rakkisan irratti riqicha ijaaruu fi burqaawwan xixiqqaa akka gabbatan gochuun ammoo xiyyeeffannaa isaaniiti.

Hojii kana kan eegalanis yeroo qorannoodhaaf gara baadiyyaa bahanitti rakkoo dubartii tokkoo arguudhaan akka ta'e himu.

"Ganda Shabaqaa bakka jedhamu tokkotti nuti hojii qorannootiif ragaa funaanuuf baane ture. Dubartiin tokko laga xiqqoo tokko cehuu dadhabdee daqiiqawwan 15 oliif yoo rakkattu argine. Barattoota kiyyaan 'mee dubartii kana ilaalaan' jedheen rakkoo ishii kana furuu akka qabnus itti hime" jedhu.

Yeroo sanatti hojii ragaa qorannoo funaanuuf bahan kana dhiisuun mismaaraa fi waan barbaachisu magaalaa bituun muka hawaasuma naannoo irraa walitti qabnee laga xiqqoo sanarratti riqicha ijaarre jedhu.

Riqichi baasii xiqqoodhaan ijaaran kuni rakkoo hammanaa erga furee maalif hojii kana itti fufee uummata rakkoo salphaa kanarraa hin furu jedheen hojii kana eegales jedhu Dr. Kanan.

Yeroo ammaa kana pirojektoota riqicha ijaaruu kana godinaalee Wallaggaa afran irraa akka qabanis himu.

Barumsi yunvarsiitiitti kennamu hojii qabatamaa rakkoo hawaasaa furuun mul'achuu qaba kan jedhan Dr. Kanan, barattoota isaaniis Abbaltii kan kennan rakkoo furuudhaan ta'uu himu

"Barattoonni kiyya ummata keessa rakkoo kanatu sanatu jira jedhanii akka himan qofa hin jajjabeessu. Waan jechaan baratan dandeettii qabaniin dabaalanii rakkoo uummataa xiqqas ta'u guddaa akka furanii agarsiisanin godha" jedhan.

Ijaarsa Riqichootaa kanaaf meeshaalee akka Simintoo, mismaara, feerroo fi kanneen biraa baasii isaanii fi namoota deeggarsa gaafachuudhaan bitanii ijaaru. Wantoota akka mukaa fi dhakaa ammo hawaaasuma naannoo akka gumaachanis himu.

Waggoota lamaan darban kanatti qofa gandoota baadiyyaa adda addaa keessatti Riqichoota 40 fi burqaawwan 20 akka hawaasaaf tolutti gabbisuus BBC'tti himan.

Hojii tola ooltummaa kana godinoota rakkoon nageenyaa jiru kan akka Qeellem Wallaggaa keessattillee akka hojjetaniifi hanga ammaattis rakkoon tokkollee akka isaan hin muudanne dubbatu.

Hojiin baasii xiqqaadhaan hojjetamu rakkoo uummataa yoo furu arguun hedduu akka isaan gammachiisuu fi dinqisiifannaa guddaa akka itti argatanis himu.

"Hawaasni baadiyyaa jiru hojii kiyya kana dhagahanii bakka rakkoo qabanitti riqicha akka hojjedhuufiif baayinaan nagaafatu. Anis waan uummannii itti najaalate kana tokko tokkoon nan furaaf jedheen hojjechaa jira " jedhu.

Hojii tola ooltummaa amma hojjechaa jiran kanaafis rakkoon dhiheessi akka hin jirre himu.

"Riqichoota kanin hojjedhu qabeenyuma uummata bira jiruuni. Kan namarraa eegamu kaka'umsa qabaachuu qofa. Hanga ammaattis pirojektiin hanqina birriitin hafe hin jiru. Riqichi hanqina qulqullinaatiin jiges hin jiru" jedhan.

Gandoota baadiyyaa keessa yeroo deemee hojii kana hojetus hawaasa biraa jaalala guddaa akka horates hima.

"Yeroon uummata bira deemee isaan wajjin bulee hojii kana hojjedhuuf rakkoon isaanii sirritti naaf gala. Namoonni baayyee najaalatu.akkuma miseensa hawaasaa, akkuma miseensa maatii isaaniitti nasimatu" jedhu.

"Yeroon isaan bira jiraadhu akka lammii alaatti nan ilaalan, anis akka nama biyya biraatti isaan biratti natti dhagahamee hin beekus. Namni baayyeen 'namni kuni Faranjii miti namuma keenya' naan jedhu" jedhan.

Riqichoota 40 kana yeroo hojjetan hundas kophee isaanii baafatanii miila duwwaa hojjechuu fi kunis sababa qaba jedhu.

"Namni baayyeen maaf kophee baafattee hojjetta naan jedhu. Gaafan hojii kana hojjedhu akka nama isaanii olii akka piroofeesaraatti itti hin dhiyaadhu. Yeros isaanis ilaalcha gaarii naaf qabaatu. Miila duwwaa hojjedheefis rakkoon naqunnamee hin beeku" jedhan

Yeroo ammaa kanas hojii riqichootaa kanaan alatti hojiiwwan akka daree barnootaa biyyoo tahan gara simintootti guddisuu, oobdii qonnaan bultootni midhaan irratti dhahan simintoodhaan hojjechuu akka jalqabuuf jiranis himan Dr. Kannan.