Koronaavaayiras: Hattoonni poolisii fakkaatanii nama saamaan himataman

Firaansitti yeroo weerara koronaavayirasiif sochiin ugguramee jirutti hattoonni afur uffata poolisii uffachuun keellarra dhaabbatan irratti himatni baname.

Dubartii tokkoofi dhiiroti sadii keellaarratti poolisii fakkachuun waraqaaa eeyyamaa gaafachaa namoota saamaa turan.

Qarshii hanga doolara 27,00 ta’u saamaniiru jedhamees yaadama.

Lammilee Iraan kan ta’n namootni afran kun qajeelfamni sochii ugguruu Firaans erga hir’isuu eegale mana murtiitti dhiyaataniiru.

Bitootessa 17 irraa eegalee uummati biyyattii hojii, suqiifi dhimmaa maatiif waraqaa beekqamtii kennameef qabachuun akka socho’an eeyyamameeraaf ture.

Akka poolisiin jedhutti namootni kun haguuggaa fuulaa uffatanii waraqaa eeyyamaa kana ilaalla jechuun yeroo korojoo namootaa sakkata’anitti maallaqaafi wantoota biroo hataa turan.

Namootni kun “Fireenchii kan seeraan hin dandeenye” akka turanifi lammilee biyyaa biroo irratti akka xiyyeeffatan hogganaan poolisii Naataan Buyeer dubbateera.

Dabalataanis namoota samaaman torba adda baasuu isaaniifi nama tokko jala qarshii yuuroo 12,000 akka saamame himaniiru.

Weerara koronaavaayirasiin Firaansitti namootni 25,000 ta’an du’aniiru. Garuu lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamaniifi du’anii hir’iataa waan dhufeef mootummaan uggura tokko tokko Caamsaa 11 irraa eegaluun akka kaasu himeera.