Koronaavaayiras: Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa faalamni qilleensaa du'aatii Covid-19ftiif sababa ta'u mala jedhe

Bakka faalamni qilleensaa cimaan jirutti dhibee Covid-19 sadarkaan isaa hamaa ta'eef carraan saaxilamuu jiraachuu mala jedhan qondaalli Dhaabbata Fayyaa Adunyaa (WHO) tokko.

Walitti dhufeenyi faalama qilleensaafi du'aatiin cimaan sababa koronaavaayirasii jiraachuu isaa kan Yunvarsiitiin Harvaard gaggessee dabalatee qorannoowwan lama dhiyeenya taasifaman ni mul'isu.

"Biyyoonni yoo faalama qilleensaa guddaa kan qaban ta'e, karoorri qophii isaan Covid-19 dura dhaabbachuuf qabaatan kana ilaalcha keessa galchuu qaba. Sababiin isaa ammoo faalamni qilleensaa balaa du'aatiin ol-aanaa jiraachuuf saaxila," jechuun BBCtti himan WHOtti daarekatarri damee fayyaa hawaasaafi naannoo Dr. Maariyaa Neyiraa.

"Laatiin Ameerikaa, Afrikaafi Eeshiyaa ilaalaa jirra. Akka weerara kana dura dhaabbachuuf karoorfataniifi qophaa'an gochuudhaaf aanga'oota ardileen kanneenii deggaruudhaaf daataa beezii keenya irraa magaalota baayyee faalaman maappii hojjenneerra."

Ogeessonni fayyaa walitti dhufeenyi faalama qilleensaa cimaafi Covid-19 gidduu jirachuu isaa mirkaneessuuf ammallee yeroon akka hin geenye walii galu.

Haata'u malee, hojjetoonni fayyaa biyyoota faalama qilleensaa cimaa qaban tokko tokko keessatti dhukkubsattoonni dhukkuba faalama qilleensaarraa ka'e duraan qaban dhibeen Covid-19 haalaan itti hammaatee arganiiru.

Du'aatii faalama qilleensaa

Akka tilmaamaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti waggaa waggaadhaan sababa faalama qilleensaarraa kan ka'een namoonni miliyoona torba ta'an ni du'u.

Biyyoonni miidhaman Eeshiyaa Kibbaa, Baha Giddu-galeessaa, Afrikaa Sahaaran Gadiifi Afrikaa Kaabaa keessatti argamu akka gabaasni Baankii Addunyaa bara darbe addunyaarratti bakkawwan faalama qilleensaa agarsiisuun baase agarsiisutti.

Akka qorannoon Yunvarsiitiin Harvaardi saaxilamummaa faalama qilleensaa yeroo dheeraa ilaale agarsiisutti sadarkaan paartikiloonni faalama qilleensaa waggoota weerarri kun itti jalqabe dura xiqqoo dabaluun carraan Covid-19n du'uu naannoo %15tiin dabaluu isaati.

Qorannoon kun US gara caaluufi faalama qilleensaa akka biyyattiitti jiru kan ilaaleefi ragaa lakkoofsa namoota Covid-19n du'an kan wiirtuun Saayinsiifi Injiinaringii Koronaavaayrasii Yunvarsiitiin Joon Hopkiinsi walitti qabu fayyadame.

Namoonni baayyeen kan du'an bakka paartikiloonni xixiqqaa PM2.5 jedhamu itti ol ka'ee jirudha akka rgannoo qorannoo Yunvarsiitii Harvaarditti.

"Bifti waliigalaa sadarkaa namoonni Covid-19n itti du'aniifi bifti ol-ka'insi paartikil PM2.5 jedhamu bakka namoonni itti baayyatanii jiranii walfakkaata," jedha gabaasni Yunvarsiitii Harvaard.

PM2.5 kan jedhamu paartikilii xixiqqaa, rifeensa dhala namaarra 1/13ffaa kann furdattu taatee yeroo gara keessatti arganan somba namaa seentudha.

Paartikiloonni kunneen duraan dhimoota rakkoo fayyaa akka dhibee sirna argansuufi kaanserii sombaa waliin walitti dhufeenya qabaatu jedhamaa tureera.

Qorannoon kun hanga ammaa kan jaalleewwaniin hin ilaalamne ta'ullee Jarman Yunvarsiitii Luudwiid Maaksimiilaanitti dursaan epidimoloojii Pirofesar Annettee Piiters, argannoon amansiisaadha jedhan.

"Gabaasawwan duraan turan waa'ee namoota dhibamanii gara hospitaalaa dhufaniifi sadarkaa sababa dhibee michii sombaa (nimooniyaarraa) kan ka'e du'aatii jiru waliin kan deemudha," jechuun BBCtti himan.

"Qorannoowwan shakkii keenya deggeran keessaa isa jalqabaati. Akkasumallee, yaada hammaachuun dhibee Covid-19 sababa faalama qilleensaan guddaa jiraachuu ta'uu mala jedhu akeeka."

Xaaliyaan Kaabaas xiyyeeffannoo qorannoo walitti dhufeenyi faalama qilleensaafi du'aaatii sababii dhibeen Covid-19 jiraachuu malaa jedhu gidduu kana gaggeeffameeti.

Qorattoonni Yunvarsiitii Se'inaa Xaaliyaaniifi Yunvarsiitii Artus kan Denmaark qorannoo kana gaggeessaniiru.

Akka lakkoofsi Xaaliyaan agarsiisutti du'aatiin dhibee Covid-19 waliin walqabatuun nannolee Lombaardiifi Emiliyaa Romaanyaatti hanga Bitootessa 21tti gabaafame naannoo %12 yoo ta'u kun ammoo guutummaa Xaaliyaan biroo $4.5 ta'e waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamudha.

Qorannnoon Saayinsi Daayirekt irratti maxxanfame akkas jedha: "Faalamni Xaaliyaan Kaabaa du'aatii baayyee naannoo sanatti qaqqabeef sababa dabalataa akka ta'eti ilaalamuu qaba."

Sababoota biroo kan akka baayyina ummataa, umurii, garaa garummaa sirnoota fayyaa, akkasumas garaa garummaa imaammatawwan ittisuu naannoowwan garaa garaa jiranis ilaalcha keessa galuu qabu jedheera.

Faalama qilleensaa biyyoota guddataa jiran keessatti

Dhaabbanni Fayya Addunyaa akka jedhutti ummanni addunyaa %90 ol ta'u bakka faalamni qilleensaa kan qajeelfamaan kennameen ol ta'e keessa jiraatu.

Namoonni kunneen ammoo garri caalan biyyoota iyyeeyyii ta'an keessa jiraatu.

Qeesaar Bugaa'oyisaan hakiima sirna argansuufi Hojjetaa Waldaa Kunuunsa Sirna Argansuu biyya Filiippiinsi keessa jiruuti.

"Daataa jalqaba arganneen, namoota sababa koronaavaayirasiin biyyattii keessatti du'an keessaa hunda jechuun haala danda'amuun, rakkoo fayyaa duran ture, harka caalaan isaanii faalama qilleensaa waliin kan walqabte qabu ture," jedha.

Qorannoowwan dhiyeenya kanaa, Gabaasa Qulqullina Qilleensaa Addunyaa bara 2019 dabalatee, akka agarsiisanitti, Indiyaan magaalota gara caalan faalama qilleensaa hamaa ta'een miidhaman qabdi.

Biyyattiin hanga ammaatti sababa dhibee Covid-19n du'aatii 521 galmeesifteetti.

Indiyaa keessatti, doktoroonni tokko tokko BBCtti akka himanitti walitti dhufeenya rakkoo fayyaa sababa faalama qilleensaafi dhibee Covid-19 hamaa ta'e gidduu jiraatu dhimmanii ilaalaa jiru.

"Tatamsa'ina vaayirasichaa dabalaa dhufuu isaa yeroo ilaallutti, namoonni rakkoo fayyaa sababa faalama qilleensaa duraan ture qaban sirriidhumatti warra hunda caalaa miidhamanidah," jedhan Ispeeshaalistiin Hospitaala Delhii Dr. SK Chabraa.

Pirezedaantiin Faawondeeshinii Fayyaa Hawaasaa Indiyaa Piroofesar Sirnaaz Rediis yaada kanaan waliigaluuu dubbatu.

"Yoo aalamni qilleensaa ulaa qilleensaafi somba miidheera ta'e, namoonni koronaavaayirasii dandamachuu hin dand'an," jedhu.

Haata'u malee, aanga'oonni fayyaa mootummaa Indiyaa garuu walitti dhufeenyi jiraachuuf hanga ammaa ragaan gahaa ta'e hin jiru jedhu.

"Ragaan gahaa ta'es hin jiru, nutis ammoo qorannoo akka kanaa hin gaggeessine," jedhu dubbi himaan Mana Maree Qorannoo Dhimma Fayyaa Indiyaa Dr. Raajnii Srivastaavaa.

Dhibee SARS fi faalama qilleensaa

Bara 2002 keessa dhibeen hamaa sirna argansuu miidhu SARS) jedhamu gosa koronaavaayirasii isa barana addunyaa weerara kanarraa adda ta'een mudatee ture. Biyyoota 26 keessa tatamsa'ee namoota 8,000 irratti argamuun 800 kan ta'an ammoo ajjeesee ture.

Qorannoon bara 2003keessa qorattoota Mana Barumsaa Fayyaa Hawaasaa UCLA tiin taasifame akka agarsiisetti namoota dhibee SARS qaban keessaa warreen bakka faalama qilleensaa cimaa ta'ee dhufan dhukkuba sanaan du'aan isaanii dachaadha.

Erga weerarri koronaavaayirasii jalqabee faalamni qilleensaa fayyaa'ee ture garuu tarkaanfiin biyyoonni addunyaa sochii dhurkuu fudhatan gaafa laafe deebi'ee guddachuu danda'a sodaan jedhu jira.

Namoota Harvaarditti gabaasa qorannoo kana barreessan keessaa tokko kan ta'an Piroofesar Firaanseeskaa Dominiichii akka jedhanitti gabaasni ishee kun aanga'oonni akka miidhaa faalama qilleensaa ilaalcha keessa galchan ni taasisa.

"Qulqullinni qilleensaa akka hammaataa hin deemneef ni dhaaba jennee abdanna, keessumaa yeroo weerara kana keessa aanga'oonni seerawwan faalamaa lalaaffisuudhaaf yaalaau isaanii yeroo dhaga'aa jiru kanatti."