Koronaavaayiras: Namichi sigaaraa 'rakasaaf' Ispeenii gara Faraansaay miilaan imalaa ture to'atame

Namni sigaaraa gatii rakasaan bitachuuf jecha Faransaay irraa miillaan gara Ispeen imalaa ture gaarreen biyyoota lamaan daangessu Piirenees jedhamu yeroo gahu bakka dadhabee kufee heelikooptaraan baraarame.

Akka namoonni rakkoo garreenirratti uumamerraa baraaruun naannoo sanaaf tajaajila kennan himanitti namichi kun, "baayyee dadhabee, hollachaa, hedduu itti qorree," ture yeroo bakka sanaa kaafamutti.

Rakkoo kana keessa turus boodarra garuu seera dhorkaa yeroo koronaavaayirasii mana turuu cabsuusaatiif doolaara 146 adabameera.

Poolisiin naannichaa Tiwiitararratti akkas jechuun maxxanseera: "Ammallee isin yaadachiifna. MANAA HIN BAHINAA!"

Baraartonni kun akka jedhanitti, namni kun Perpignan irraa yoo ta'u - bakki kunis daangaa Ispeen irraa km 25 fagaatee argamti.

Jalqabarratti konkolaataan imalasaa kan jalqabe ta'us, bakka sakatta'iinsaatti akka deebi'u taasifamee ture.

Achi booda kan imalasaa miilaan gama gaaraatti taasisuu kan murteesse jedhameera.

Ta'us garuu namni kun bishaan gaara keessatti argamu keessatti kufuun imalasaa itti fufuu hin dandeenye jedhan hojjattoonni gaaraa nama baraaran.

Namni kun eega argameen booda baraaramee humnoota nageenyaa Perpignan'tti kennameera.

Faransaay keessatti yeroo dhorkaa akka manaa hin baane labsamee jiru kanatti namoonni manaa bahuu kan danda'an yoo sababa gahaa qabaataniifi xalayaa sababasaanii ibsu qabaatan qofaadha.