Teeknoolojiin bilbilaa 5G dhuguma koronaavaayirasii tamsaasaa?

Yaadadhugaa ta'uun isaa hin mirkanoofne (conspiracy theory) teeknoolojiin bilbilaa 5G koronaavaayirasii tamsaasuuf gargaara jedhu saayintiistonni balaaleffatan.

Odeessaaleen 5G'n koronaavaayirasii tamsaasa jedhu tibbana fuulawwan 'Facebook', 'Youtube' fi 'Instagram' hordoftoota heddu qabaniin maxxanfamanii qalbii namoota hedduu hawwatanii jiru.

Biyyoota tokko tokko keessattis sababa kanaan namootni bu'uuraalee misoomaa 5G mancaasuun isaanii gabafameera.

Ta'us garuu saayintistoonni yaanni walitti dhufeenya COVID-19 fi 5G "waan fudhatama hin qabnee" fi gama baayoloojiitiinis mirkana hin taanedha jedhu.

Yaadota hin mirkanoofne

Maxxansaaleen garagaraa kunneen yaadota hin mirkanoofne tatamsa'ina koronaavaayirasiif teeknoolojii neetworkii bilbilaa 5G kan odeeffannoo dabarsuuf dambalii raadiyoo (radio waves) fayyadamu - gaafatamaa taasisan qabu.

Yaadonni kunneen jalqabarratti gama Feesbuukiin dhuma ji'a Amajjii yeroo US keessatti namoonni jalqaba koronaavaayirasiidhaan qabamuun ifa taasifame dubbatamuu eegalan.

Isaanis bakka lamatti qoodamu:

  • Kan duraa 5G'n humna ittisa dhibee qaama keenyaa ykn madiinummaa miidha, kunis carraa namoonni vaayirasichaan qabamuu ni dabala kan jedhudha.
  • Kan lammataa immoo teeknooloojii 5G fayyadamuun matuma isaanuu vaayirasichi ni daddabarsa kan jedhudha.

Yaadonni lamaanuu 'guutumatti fudhatama hin qaban' jedhu hayyuun 'celullar microbiology' yuunivarsiitii Reediing UK Dr Siimon Kilaarki.

"Humni dhibee ittisuu qaama keenyaa ykn madiinummaan wantoota garagaraan gadi bu'uu danda'a" jedhu Dr Siimon.

Hojiidhaan dadhabuun yookiin immoo nyaata madaalamaa nyaachuu dhabuun madiinummaan qaama namaa ol ka'uufi gadi bu'uu danda'a jedhu.

Gadi bu'uufi ol ka'uun kunneen guddaa ta'uu baatus garuu carraa vaayirasichaan qabamuukee dabaluu danda'u jedhu.

Walumaagalatti dambaliiwwan Raadiyoo ykn 'radio waves' ho'a qaamaa waan dabalaniif madiinummaa qaamaa irratti dhiibbaa uumuu malu jedhu.

Haa ta'u malee damabliin raadiyoo 5G baay'ee xiqqaafi humna madiinummaa qaama namaarratti dhiibbaa uumu kan hin qabnedha jedhan.

UK yuunivarsiitii Biristoolitti piroofeesar pediyaatiriiksii ykn fayyaa daa'immanii kan ta'an Adaam Fiin 5G'n vaayirasicha tamsaasuu gonkumaa hin danda'u jedhan.

"Weerarri ammaa vaayirasii namni dhukkubsate tokko gara nama fayyaatti dabarsuun dhufuudha. Vaayirasii fi dambaliin elektiroomaagneetii bilbilaa fi interneetii wantoota gargaraati," jedhan.

Ragaan biraan koronaavaayirasiifi 5G'n hariiroo akka hin qabne mul'isu biyyoota teeknoolojii 5G fayyadamuu hin eegalle keessatti vaayirasichi namarraan miidhaa geesisa jiraachuu isaati.

UK keessatti koronaavaayirasiin bakkeewwan neetworkiin 5G hin jirretti tamsa'aa jira. Biyyoota akka Iraan kan hanga ammaatti teeknooloojichaan fayyadamuu hin jalqabne keessattis akkasuma.

Jalqaba bara kanaa qorannoowwan taasifaman hedduun neetworkiin bilbilaa kaansarii yookiin dhukkubbii biraa fiduu isaaniif ragaan akka hin jirre mul'isanii jiru.