Koronaavaayiras: Istaadiyeemiiwwan, wiirtuleen ispoortii gara iddoo 'adda baasanii tursiisuutti' jijjiiraman

Istaadiyeemonni guutummaa addunyaarraa gara hospitaalota yeroo ariifachiisaatti jijjiiramaa jiru. Weerarri koronaavaayirasii hospitaalota akka malee dhiphisuu isaatiin hojjetoonni fayyaa dhukkubsattoota bakka kaa'an dhabaniiru.

Bakki bal'aa akka isteediyoomii ammoo lakkoofsa dhukkubsattoota koronaavaayirasii dabalaa jiru kanaaf akka falaa gaarii ta'aa jira.

Istaadiyemiin biyya Naayijeeriyaa Oniikan jedhamu magaalaa Leegoos keessatti haareffame tokko giddu-gala wal'aansa koronaavaayirasiitti jijjiirame.

Istaadiyemiin guddaa kun akkuma irra deebiin haaromfameen osoo taphni tokkollee itti hin taphatamiin ture kan kanaaf tajaajiluu jalqabe.

Naayijeriyaa keessatti Leegoos giddu-gala weerara koronaavaayirasiidha. Biyyattiin yeroo ariifachiisaa kana weerara dhibee hamaa kana ittisuuf waan godhu dhabdee wayita jirtutti istaadiyeemii 5,000 qabatu kana gara dhaabbata fayyaatti jijjiirte.

Istaadiyeemiin kun siree 110 qabachuu danda'a. Sireen galeefii akka hospitaalaatti akka tajaajilu kan ijaare ammoo mootummaafi baankii daldalaa waliin ta'uun ture.

Istaadiyeemiin kun gara hospitaalaatti jijjiiramuun ammoo dhiibbaa Hospitaala Yabaa irra jiru xiqqeesseera.

Gaazexeessitoonni tokko tokko ammoo istaadiyeemicha akka hospitaalaatti gargaaramuun sirrii miti jechuun qeeqan.

Walitti-qabaan Koree Ispoortii duraanii kutaa biyyattii Kiweekee Tandooh istaadiyeemicha akka hospitaala yeroo rakkinaatti fayyadamuun sirriidha jedhe.

''Istaadiyeemicha akka hospitaala yeroo ariifachiisaatti fayyadamuun rakkoo hin qabu," jechuun BBC Sport Africa'tti himeera.

"Kun waan guutummaa addunyaa irratti ta'aa jirudha. Istaadiyeemiin Riyaal Maadiriidiifi Istaadiyeemiin Marakaanyaa biyya Ispeen keessatti tajaajila walfakkaatuuf oolaa jiru. Yeroo rakkina akkasii kana keessa, tajaajila ummataaf waan ta'eef waan duuba ilaalan miti."

"Ameerikaa keessatti yeroo obomboleettiin hamaan mudatee ture, istaadiyeemonni Luziyaanaa keessa jiran hundi isaanii jiraattota buqqa'an kan keessa turan ta'ee gargaare."

Gaazexeessaan ispoortii Leegoos jiru Kelechii Nikooroo maaliif istaadiyeemiin sun Laagoos keessatti akka wiirtuu shakkamtoota Covid-19 adda baasuun keessa tursiisaniitti filame gaafatamuu qaba jedha.

Sababiin isaa jedha gaazexeessaan kun, Addabaabaayiin Taafaawu Belewaa kan hektaara 14.5 bal'atuufi ayyaanota gurguddaa mootummaan qopheessuuf akka wiirtuutti tajaajilu dura filatamuu qaba jedha.

''Dhaabbileen hawaasaa akka wiirtuuwwan wal'aansaatti tajaajiluu nan deggara. Jireenyi murteessaadha garuu akka Naajeeriyaatti ilaalcha siyaasaatu jira. Bakkawwan babal'aa istaadiyeemii Onikaanitti dhiyoo ta'an ni qabna," jedhe.

"Dursa sun yaadamuu qaba ture. Isteediyeemichi maaliif kan jalqabaa ta'ee?"

Yaaddoon isaa istaadiyeemiin kun miidhaan irra gaheen booda erguma weerarri dhibee kanaa badeellee deebisanii suphuudhaaf rakkisaa ta'uu malaadha.

"Istaadiyeemonni biroon guutummaa addunyaarraa yeroo weerara dhibee kanaa fayyadaa jiru dhugaadha. Biyya kana keessatti kunuunsi istaadiyeemiif taasifamuu dhabuun abaarsa ispoortii Naajeeriyaan qabdudha," jechuun ibsa.

"Yoo wanti kun hundi darbe miidhaan istaadiyeemiirra gahe marti ni sirrataa laata?"

Kilabiin Biraazil Saantos jedhamu laawonjii istaadiyemii isaa keessatti kilinikiin kan yeroo akka baname beeksisee ture.

Istaadiyeemii Riyaal Maadiriid kutaa konferaansii isaa keessatti ammoo sireen 5,000 hojjetameera. Istaademiin isaa ammoo kuusaafi rabsaa meeshaaleen wallaansaa ta'uun tajaajilaa jira.

Biyya Ingilitti ammoo Tootinhaam Hotispar bakka konkolaataan dhaabbatan istaadiyeemii jalatti hojjetame akka kuusaa nyaataaf gargaaruuf hayyameera.

Haaluma walfakkaatuun kilabiin Barnilees Hospitaalli Iist Laankis jedhamu akka man-kuusaatti akka fayyadamuuf hayyameera.

Ameerikaa keessattsi dirreen US Open keessummeessuun beekamu Biilii Jiin Naashinaal Teenis Senter wiirtuun leenjii isaa akka dhaabbata fayyaatti tajaajiluuf Bulchaa Niiwu Yoork waliin waliigalteerra gahameera.