Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Booris Joonsan ummata isaa akekkachiisuun xalayaa barreessaniif
Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan miidhaan weerarri koronaavaayirasiin qaqqabsiise osoo hin foyyaa'iin dura sadarkaa hamaa ta'erra ga'uu akka danda'u bakka dhibee kanaan qabamanii adda bahanii jiranirraa xalayaa barreessuun ummata akeekkachiisan.
Covid-19n erga qabamanii bakka itti adda of baasanii jiraniirraa kan ergaa kana ummataaf dhaaman ministirri muumichaa, barbaachisaa taanaan dhorkaawwan jajjaboo hojiirra akka oolchuu danda'anillee ibsaniiru.
Lammileen biyyattii yeroo mana isaaniitiin alatti sosocho'anitti qajeelfamawwan hordofuu qabanniifi waraqaalee odeeffannoowaan fayyaa qaban akka isaaniif kennamuuf itti himameera.
Kunis kan taasifamuuf, mootummaan lammileen wanta gochuu qaban ifatti sirriitti qajeelfamni hin kennamneef jedhamuun erga qeeqameen boodadha.
Maatii miliyoona 30 ta'aniif rabsamaa kan jiruufi maallaqni Paawondiin miliyoona 5.8 baasii itti ta'eera kan jedhame xalayaan ministira muummichaa "Jalqabarraa tarkaanfiiwwan sirrii yeroo sirriitti fudhachuuf yaalleerra," kan jedhu irra jira.
"Gama saayinsiifi fayyaa irraa kanaan olitti tarkaanfiin fudhachuun nurra jiraatu akka jiru nuuf akeekanii jennaan hojiirra oolchuudhaaf duubatti hin deebinus," jedhu Ministirri Muummee Booriis Joonsan xalaya aisaanii kanaan.
Ministirri Muummichaa itti dabalauudhaan, "Wantan ifa isiiif taasisuu barbaadu, haalli dhukkuba kanaa osoo deebi'ee hin foyyaaiin dura wantonni hamoo ta'an mudachuu akka danda'an ni beekna," jedhan.
"Haata'u malee, qophiiwan taasisaa kan jirru yoo ta'u, hundi keenya qajeelfama kenname hojiirra oolchuu dandeenyaan lakkoofsi namoota dhukkubichaan du'anii xiqqaa ta'a. Jireenyis yeroo dhiyoo keessatti bakka sirrii isaatti deebiiti."
Ogeessonni akka jedhanitti yoo ta'e, tarkaanfiiwwan yeroo ammaa fudhatamaa jiran akka sochii dhorkuufi walirraa fageenya eeggachuu gorsawwan jedhaman hojiirra oolanii bu'aan isaanii hanga ilaalamutti yeroo torbaan lamaa hanga sadii jirutti lakkkoofsi namoota koronaavaayirasiin du'anii dabaluun isaa kan hin oolledha.
Biriteen keessatti lakkoofsi namoota lubbuun isaanii sababa dhibee Covid-19n darbee 1,019 kan qaaqabe yoo ta'u kaleessa qofaatti namoonni 260 du'aniiru.
Yeroo ammaa kana biyyattii keessatti namoonni 17,089 ta'an ammoo koronaavaayirasiin qabamaniiru.
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'