Itoophiyaa alkan sa'aatii jahaa kaasee imaltoota gara biyyaa galan gara qofaatti turan galchiti

Xiyyaara ka'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaatti namoonni lama haaraan koronaaviiyirasiin qabamuu isaanii ministeeri fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

Namoota haaraa qabamuun isaanii mirkanaa'e kana waliin namoonni Itoophiyaa keessatti qabamuun isaanii mirkanaa'e 11 qaqqabeera.

Akka ibsi ministeera fayyaafi Inistitityuutiin Fayyaa Hawaasaa waliin ta'een baasetti namoota lamaan qabaman keessaa tokko lammii Itoophiyaa umuriin waggaa 28 ta'e yoo ta'u biyyoota COVID-19 miidhamantti imalanii Bitootessa 14, 2020 Beeljiyeemirraa gara Itoophiyaa kan dhufedha.

Namni lammaffaanis lammii Itoophiyaa umuriin isaa waggaa 34 ta'e Bitootessa 19, 2020 Dubaayirraa osoo seenaa jiruu Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetti qoratamuun akka qabu mirkanaa'e.

Namoonni lamaanuu garuu fayyaan isaanii nagaadha.

Itoophiyaa haaluma qaama ittisa koronaavaayirasiitiin wal qabateen alkan harraa irraa kaasee imaltoota gara biyyaa gala hunda guyyoota 14'f lafa qofaa itti turan akka geessitu beeksifte.

Haaluma murtee mootummaan biyyatti Jimaata galgala ifa taasiseetti, imaltoonni gara biyyattii galan kamiyyuu guyyoota 14'f qofaatti fo'amuun akka turan taasifamu.

Haaluma kanaanis namoonni har'a isaa kaasee gara Itoophiyaa galan hundinu hoteelota tajaajila kanaaf qophaa'ee keessatti akka turan Ministirri Fayyaa biyyatti kaleessa beeksiiseera.

Haaluma kanaanis alkan Dilbataatii kaasee imaltoonni hundu hoteela Iskaayi Laayitiifi Giiyoon keessa guyyoota 14'f baasii isaaniin akka tursifaman himame.

Gama biraatiin ammoo dippilomaatoonni imbaasiiwwan biyya saanii Finfinneetti argaman keessatti guyyoota 14'f akka turan taasifamu jedhame.

Imaltoonni balaliinsa itti aanu eegatan ammoo hanga yeron balaliinsa isaanii qaqabuutti hoteela Iskaayi Laayiiti Itoophiyaa keessa tursifamuun wayita yeroon balaliinsa isaanii gahuutti akka imalan taasifamu jedhameera.

Itoophiyaa keessatti hanga ammaatti namoonni sagal vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'u motummaan beksiseera.

Gama biraatiin ammoo Eeritiraan nama koronaan qabamuun mirkanaa'ee kan jalqabaa adda baasuu ishee kaleessa Ministirri Odeeffanno biyyatti ibseera.

Koroonaavaayiras