Dureessi Chaayinaa Jaak Maa deeggarsa 'meeshaa qorannoo koronaavaayirasii Afrikaaf taasisuufi'

Biliyeenarri Chaayinaafi dhaabbata Alibaabaa kaan waliin kan hundeessan Jaak Maa biyyoota Afrikaaf waan afaanitti haguuggataniifi kan koronaavaayirasii akka ofirraa ittisan gargaaru arjooman.

Dureessi kuni biyyoota Afrikaa 54'f mata mataan meeshaa koronaavaayirasii itti qoratan 20,000, waan afaanitti aguuggatan yookiin maaskii 100,000 arjoomuuf akka jedhan himan.

Dabalataanis, qabsoo ittisa dhukkuba kanaa taasifamu gargaaruuf uffata ogeeyyiin fayyaa uffatan 1,000 biyyoota tokko tokkoof akka kennan ibsan.

Maan, nama sooressa Ardii Eeshiyaa yoo ta'an, kana dura deeggarsa meeshaalee fayyaa Ameerikaaf taasisanii turani.

Dabalataanis, maaskii miiliyoona lama Awurooppaaf ergan.

Ibsa dhaabbanni isaanii baasen akka jedhanitti meeshaaleen biyyoota Afrikaaf kennamu jalqaba Itoophiyaatti ergama.

Akkaataa qoodinsa biyyoota kanaaf taasifamuus Ministirri Muummee Itophiyaa Abiy Ahimad ni hordofu jedhameera.

MM Abiy fuula tiwiitara isaanii irratti ergaa barreessaniin waan Jaak Maa barreessan mirkaneessaniiru. Kaka'umsa isaaniis dinqisifataniiru.

Jaak fuula tiwiitara isaanii irratti ergaa barreessanin immoo MM Abiy kan dinqisiifatan yoo ta'u ibsa isaaniin yaaddoo dhiisnee waan dandeenyu haan goonu jedhaniiru.

Dabalataanis, Faawundeeshiniin Jaak Maa fi Faawundeeshiniin Alibaabaa barumsa onlaayinii wal'aansa dhukkuba koronaavaayirasif gargaaru akka kennu ibsan.

Guyyaa kaleessaa haguuggiin fuulaa fi meeshaan qorannoo(test kit) kan Jaak Maan Ameerikaaf gumaachan marsaan duraa Shaangihaayirraa Ameerikaatti fe'amuu beeksisaniiru.

Jaak Maan meeshaa qorannoo 500,000 fi haguuggii fuulaa miiliyoona tokko ergan.

Arjoomni Jaak Maa kan Afrikaa kun walumaagalatti meeshaalee qorannoo miiliyoona 1.1, haguugguu fuulaa miiliyoona jahaa fi huccuu ittisaa ogeeyyii fayyaa 60,000 ta'a.

Booda kana Afrikaa keessatti lakkoofsi dhukkubsattoota koronaavaayirasii dabalus ardii kaan waliin yeroo walbira qabamu ammallee xiqqaadha.

Biyyoonni Afrikaa hedduu sababa dhukkuba koronaavaayirasii weerara jedhame kanaan barnoota cufuu, imala dhorkuufi kanneen labsii yeroo muddamaa labsanillee ni jiru.

Sirni fayyaa ardii Afrikaa cimaa waan hin taanef biyyaaleen deeggarsa faayinaansiifi meeshaalee akka barbaadan amanama.