Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Finfinneetti gatiin aguugguu afaaniifi funyaanii qaala'uu jiraattooni himan
Namni koronaavaayirasiin qabame tokko yeroo jalqabaatiif erga Itoophiyaa keessatti kaleessaan dura ibsamee booda yaaddoo uumameen gabaan aguuggii afaaniifi funyaanii, akkasumas dhangala'oon harka ittiin qulqulleefatan haala hin eegamneen dabaleera.
Magaalaa Finfinnee keessatti aguugduun afaaniifi funyaanii haala dhaga'amee hin beekneen qarshii guddaatiin gurguramaa akka tureefi suuqiiwwaniifi mana kuusaa qorichaa keessatti argachuu akka hin danda'amne jiraattoni BBC'n dubbise ibsan.
Jiraattonni BBC'n dubbise akka jedhanitti dhukkubni kun yaachisaa ta'uu isaarraa kan ka'een wantonni ittisuu danda'a jedhame bitachaa akka jiran dubbatanii aguuggiin afaaniifi funyaanii, akkasumas dhangala'aan qulqullina ittiin eeggatan [saanitaayizar] akka fedhanitti akka hin argamneefi yoo argamellee gatiin isaanii haala baayyee nama rifaasisuun dabaluu isaa ibsu.
Manneen kuusaa qorichaa hedduu Finfinnee keessa jiran aguuggii afaaniifi funyaanii akkasumas saanitaayizarii akka hin qabne beeksisa barreessanii maxxanfatanii argamu.
Bakka farmaasota beeksisa maxxanfatanii hin jirretti yeroo gaafatamanittis deebiin kennan hin qabnuu akka ta'e jiraattonni Sanbata BBC'tti himaniiru.
Miidiyaalee hawaasaa irratti ammoo namoonni hedduun hir'inni agguugduu afaaniifi funyaanii mudachuu barreeffamaafi suura gara garaa maxxansuun ibsachaa jiru.
Aanga'oonnni magaalattiis namootaafi dhaabbileen daldalaa carraa kana fayyadamuudhaan omishaaleen baayyee barbaachisoo ta'an irratti gatii dabaluun gurguran irratti tarkaanfii akka fudhatan beeksisanii; tarkaanfii kana cimsuudhaafis hawaasni eeruu akka kennuuf gaafataniiru.
Aguugdu afaaniifi funyaanii barbaacha
Aguugduun afaaniifi funyaanii kun dhibee kana irraa ni ittisa jedhanii bitachuudhaaf gara faarmsaaii deemanillee argachuu akka hin dandeeye dubbatu.
"Namni hundinuu bitachaa waan jiruuf ijoollee koofis ta'e ofii koof kan ta'u aguugduu afaaniifi funyaanii (maaskii) bitachuudhaaf Sanbata waaree booda bakkan deeme maratti faarmaasiiwwan gaafadhullee argachuu hin dandeenye," jedhu haati ijoollee lamaafi jiraattuun Finfinnee Aadde Mabiraat Aschaalee.
Akka Aadde Mabiraat jedhanitti hollaan isaanii maaskii hanga qarshii 200 tiin namoota irraa akka bitatan dhaga'aniiru. Haata'u malee, baasii hanganaa baasee maatii kootiif bituudhaaf waan natti cimeef dhiiseera jechuun ibsan.
- Biyyoonni Awurooppaa koronaavaayiras ittisuuf dhorkaawwan jajjaboo kaa'aa jiru
- Bu'aan qorannoo Pireezidant Tiraamp ifa godhame
- Namni jalqabaa Koronaavaayirasii qabame Itoophiyaa keessatti argame
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
Barbaachisummaa maaskichaa ilaalchisuun odeeffannoo kan dhaga'an ammoo namoota naannoo isaanii jirurraa akka ta'e kan himan jiraattuun kun ogeessa irraa garuu wanta dhaga'an akka hin qabne ibsu.
"Dhukkubni kun yaachisaa waan ta'eef waanan danda'u yy godhu jechuudhaan ture faarmaasii tokko irraa gara farmaasii biraatti deemuun kanan gaafachaa ture," jedhu Aadde Mabiraat.
Yaada namoonni miidiyaalee hawaasaa irratti kennaa jiranilleen yaaduma jiraattuun kun ibsan waliin walfakkaata. Maaskiin afaaniifi funyaan aguuggachuuf gargaaru gatii qarshii 150 hanga 500'tti gurguramaa jiraachuu ibsu.
Maaskiin alattis dhangala'oowwan harka qulqulleeffachuuf gargaaran gatiin isaanii kan dabale yoo ta'u gatiin saamunaawwan jarmoota ajjeesuu danda'u jedhamaniis baayyee dabaluu isaa jiraattonni BBC'tti himaniiru.
Erga bulchiisni magaalichaa, "namni yeroo jalqabaaf koronaavaayirasiin qabame argame" jedhu ibsa kennee kaasees shaqaxoota gara garaa irrattis daballi gatii hin malle jiraachuu malu to'achuudhaaf garee kana hordofu kophaatti hundeessuun tarkaanfii fudhachaa jiraachuu beeksiseera.
Rippoortarri BBC Adaamaa jiru maaskiin afaaniifi funyaan itti haguuggatan manneen qorichaa magaalattii keessa jiran keessa akka hinjirre taajjabeera.
Hir'inni mul'achaa jira
Koronaavaayirsiin addunyaa weeraruu isaatiin walqabatee maaskiin afaaniifi funyaan aguuggachuuf gargaaran guutummaa addunyaa irratti faayidaarra oolaa jira. Sababa kanaanis, biyyoota hedduu keessattis, hir'inni maaskii kun uumamaa jiraachuu omishtoonni omisha isaanii akka ol-guddisan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) gaafateera.
Akka Dhaabbanni fayyaa Addunyaa kun tilmaametti ji'a ji'aan maaskii miliyoona 89 ni barbaachisa. Sababii koronaavaayirasiitiifi ilaalcha dogoggoraatiin maaskiin kun karaa seeraan hin taanen hojiirra oolaa jira waan ta'eef lakkoofsi barbaachisu kanaa olillee ta'uu danda'a.
WHOn akka jedhetti taanaan, maaskiin baayyinaan waan hojiirra ooleefi namoonnis baayyinaan bitanii waan kaa'aa jiraniif ogeessonni fayyaa guyyaa guyyaan dhiyeessa fayyadaman irratti dhiibbaa uumaa jira.
Kana ilaalchisuun dhaabbatichis, yeroo weerara dhibee kanaatti dhukkubsattoota gargaaruudhaan hojiitti bobba'anii kan jiran ogeessonni fayyaa koronaavaayirasiifi dhibeewwan birootiif saaxilamuu danda'u jechuun yaaddoo qabu ibseera.
Dhuguma maaskiin ni barbaachisaa?
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti, koronaavaayirasii ittisuudhaaf jecha namni hunduu afaaniifi funyaan isaa aguuggachuu hin qabu.
Kan maaskii aguuggachuu qaban warra isaan qufaasisuufi isaan axxifachiisu ta'aniifinamoota dhukkuba kanaan qabamaniiru jedhamanii shakkaman ykn ammoo nama qabametti dhiyaachuun warra kunuunsan qofaadha.
Namoota akkasiitiif maaskii aguuggachuun qofaan ga'aa miti. Haala bu'a qabeessa ta'een dhukkubicha ittisuudhaaf dhaabbataadhaan harka saamunaafi bishaaniin dhiqachuu ykn ammoo dhangala'aa alkoolii qabuun harka isaanii qulqulleeffachuun isaanirra jira.
Dabalataanis namoonni maaskii fayyadamuu qaban akkamitti akka sirriitti fayyadamaniifi akkamiin ammoo fayyadamanii boodallee maqsuu qaban beekuun isaanirra jiraata jechuun gorsa WHOn.
Kana waan ta'eefis, Finfinneefi bakkeewwan gara garaatti yaaddoon dhibee kanaa osoo hin jiraatiinillee maaskii baasii humnaa ol ta'e baasuun bitachuun faayidaa inni ittisuuf qabaatu gadi aanaa ta'uu ministeerri fayyaas gorsa kenneera.
Maaskiiwwan yeroo takkaa qofa itti fayyadamuun gataman sirriitti afaaniifi funyaan kan aguugan ta'uu dhiisuu qofa osoo hin taane yeroo dheeraatiifillee hin tajaajilan.
Namoota axxifataniifi mallattoon qufa'aa kan irratti mul'atuufi warra koronaavaayirasii qabu jedhamuun shakkaman bira ga'uun dirqama warri qaban maaskiin fayyadaman haala salphaa ta'een dafqaan waan daddafee hojjii ala ta'uuf jijjiirachuun isaanirra jira.
Kana waan ta'eef ministeera fayyaa Itoophiyaas ta'e Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akka gorsanitti mallattoowwan eeraman hanga hin mul'annetti namni hundinuu maaskii afaaniifi funyaan aguugu godhachuun hin barbaachisu.
Kana caalaa, yaaddoo dhukkuba kanaa maqsuudhaaf namoota isaan qufaasisu, isaan haxxifachiisu ykn gubaa qaamaa qaban waliin walitti dhiheenya gochuu dhiisuu; harka ammoo bishaaniifi saamunaan dhiqachuudha. Dhaqachuun mijachuu baannaan, keemikaalota jarmoota ajjjeesaniin harka qulqulleefachuun faayidaa qaba.
Dabalataanis, osoo harka hin dhiqatiin afaaniifi funyaan qaqqabuu dhiisuun akkasumas nama waliin harka walfuudhuu dhiisuun akka vaayirasiin kun hin daddabarre gochuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoodha.