Biyyootni Afrikaa tamsa'ina Koronaa ittisuuf maal godhan?

Afrikaa keessatti hanga ammaa biyyoonni 27 Koronaavaayirasiin isaan mudachuu mirkaneessaniiru.

Beniin, Laayibeeriyaa, Somaaliyaa fi Tanzaaniyaan biyyoota haaraa dhiyeenya dhukkubuchi isaaniittis galuu mirkaneessaniidha.

Walumaagalatti Afrikaa keessatti namootni 400 ta'an dhibee Kanaan qabamanii yaala argachaa kan jiran yoo ta'u, kanneen keessaa 7 du'anii, 42 kan ta'an bayyanachuu isaanii Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa beeksiseera.

Namootni Afrikaa keessatti dhibee Kanaan qabaman hedduun isaanii kanneen biyyoota Awarooppaa fi Ameerikaa Kaabaarraa as imalaniidha.

Tamsa'ina dhibee kanaa to'achuuf biyyoonni Afrikaa kun gariin imala biyyoota dhibeen kun itti mul'ateerraa gara isaaniitti godhamu dhorkuu fi daangaa isaaniis cuccufaa jiru.

Bakka namootni baayyatanii itti walgahaniis kanneen akka sochiilee Ispoortii, manneen, barnootaa fi kaan dhorkaa jiru.

Ithoophiyaa- Barnootni sadarkaa tokkoffaa fi lammaaffaa cufuu, walitti qabama hawaasaa fi sochiilee ispoortii waloo dhorkiteetti

Gaanaa- walitti qabama hawaasaa fi imala biyyoota Vaayirasichi itti mul'ate 200 ol ta'an dhorkuu

Tuniziyaa - daangaa biyyattii hunda cufuufi sagada Masjiidatti godhamu dhorkuu

Aljeeriyaa- Imala gara biyyoota Awrooppiittii achiis gara biyyattiitti godhamu dhorkuu

Mozaambiik- walitti qabama namoota 300 olii dhorkuu

Morookoo fi Jibuutii- Balalii idila addunyaa hunda dhorkuu