Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sirbituun Kirooshiyaa faaruu alaabaatti qoosse himatamte
Ayyaana simannaa pireezidaantii haaraa Kirooshiyaa irratti, sirbituun hojiishee dhiyeessite faaruu alaabaatti qooste jedhamuun himannaan irratti banameera.
Himannaan Joosipaa Lisaak irratti baname, ''itti yaaddeetu faaruu alaabaatti qooste,'' jedha.
Waldaan muuziqeessitoota biyyattii,''kuni bilisummaa aartiif waan kabaja hin kennine dha,'' jedhan.
Kirooshiyaatti faaruu alaabaaf kabaja kennuu diduun hidhaa waggaa tokkoon nama adabsiisa.
Sirbituun Joosippaa Lisaak umriishee 50 keessa badhaasawwan baay'ee mo'ateetti.
Baandii Jaazii waliin tahuun sirba, 'biyya keenya bareedduu,'' jedhu sirna simannaa pireezidaantii haaraa Kirooshiyaa irratti sirbite.
Isheen, faaruu alaabaa dur sagalee guddaa fi wal fakkaataa taheen sirbamu weedduu addaa itti kennite.
Himannaan irratti baname akkaataan itti sirbite,''waan hawaasaan fudhatama hin qabneefi seera Kirooshiyaa kan cabse dha,'' jedha.
Boskoo Zupaanooviik,'' akkaataa isheen itti sirbite biyya kan qaanesse gatii taheef dirqama lammummaa koo bahachuufan ishee himadha,'' jedhan.
Waldaa ogeessota muuziqaa fi gareen Kirooshiyaa Rookoordis aadaafi sonni uummata ni geggeeddaram jedhu.
Sirbituun ganna 70 dhimma kanarratti hin dubbadhu jedhan.