Dorgommii raagbii Awustiraaliyaa baranaa irratti faaruun alaabaa biyyattii hin faarfamu

Dorgommii garee raagbii Ol Istaar liigii baranaa irratti faaruun alaabaa Awustiraaliyaa hin faarfamu.

Koomishinii Liigii Raagbii Awustiraaliyaatu maree liigicha waliin erga taasiseen booda murtoo kanarra gahe.

Gareen raagbii kun tapha dorgommii idileen dura taasifamuun garee Maa'oorii waliin istaadiyeemii Siibasiitti gaafa Guraandhala 22 morkatu.

Hogganaan komishinii liigiii garee kanaa Piitar Viilaandis ''waan taphattoonni keenya jedhan dhageenyeerra, jechi faaruu alaabaa keessa jiru isaaniin yookiin maatii isaanii bakka hin bu'u.''

Barana gareen Ol Istaar jedhaman guyyaa hundeeffama isaanii waggaa 10ffaa taphataa duraanii Piriistan Kaampbeel waliin tahuun aadaa saboota ganamaa Awustiraaliyaa waliin kabaju.

Taphattoota raagbii biyyaalessaa Awustiraaliyaa keessaa harki 12 saboota ganamaati ofiin jedhu.

Tapha bara darbe tokko irratti taphatoonni saboota ganamaa kunneen faaruu alaabaa hin faarfannu jedhanii didanii turan.

Faaruun alaabaa Awustiraaliyaa 'Advance Australia Fair' jedhamu bara 1878tti barreefame saboota ganamaa biyyattiif beekamti hin kennine jedhan Viilaandis.

''Taphni Ol Istaars saboota ganamaa kanaafi aadaa isaanii kabajuuf jecha jalqabame. Hogganaan isaanis taphattoonni faaruun kun faarfatamuu hin qabu jechuu isaanitti waliigalaniiru.

Taphataan garee kanaa Jooosh Keer jedhamu kana dura faaruu kana faarfatu, '' yeroo hunda kanan faaruu kanaaf kabaja kennaa ture warreen ana dura biyya kanaaaf du'aniifi wareegamaniif jecha garuu jechoota keessa jiran yoo dhageessu sirrii hin fakkaatani,'' jedheera.