Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humni waraanaa Sudaaniifi mormitoonni irra deebiin waliigalan
Humni waraanaa Sudaan biyya bulchaa jiruufi mormitoonni waliigaltee bu'uura heeraa mootummaa ce'umsaa hundeessuuf karaa saaqu mallatteessan.
Waliigalticha hogganaa warra mormitootaa Ahimad Raabiifi Janaraal Mohaammad Haamdan Daagloo mallatteessaniiru.
Namootni siivilii ja'aafi janaraalotni shan mootummaa ce'umsaa kana waggaa sadiif hogganu.
Erga waraanni biyyattii Pireezidant Omaar al-Bashiriin aangoorraa kaaseen booda, Sudaan jeequmsa keessa darbaa jirti.
Sirni waliigaltee mallatteessuu gaafa Hagayya 17 Ministira Mummeefi qondaalota ijoo beeksisuun ifatti raawwatama.
Mariisistootni Gamtaa Afrikaafi Itoophiyaarraa deeman waliigaltee labsii bu'uura heeraa kana tajjabaniiru.
''Waliigaltee kana mallatteessuun seenaa rakkisaa Sudaan goolabne'' jechuun Jan. Daagoloon rippoortarootatti himan.
Gareen lamaan akkatti aangoo qooddatan baatii Adoolessaa keessa waliigaltee haa mallatteessaniyyuu malee uummatatti ifatti hin ibsaniiru.
Biyyattiitti mormiin kan jalqabe erga pireezidantiin duraanii Bashiir tarkaanfii cimaa diinagdee irratti taasisaniin booda dha.
Mormii yeroo dheeraa booda waraanni biyyattii Bashiiriin aangoorraa kan buuse.
Heerri bu'uuraa kuni maal jedha?
Galmeen heera bu'uuraa kuni waqtii ce'umsaa waggaa sadiii keeessatti haalota mormitootaafi bakka bu'oota waraanaan eegamuu qaban ibsa.
Akkatti gareen bakka bu'oota namoota siviilii ja'aafi janaraalonnii shan aangoo qooddatanis ni addeessa.
Kana booda bakka bu'ootni kunneen Ministira Mummee filachuun mootummaa ce'umsaa dhaabu.
Rooyitars wixineen labsii kanaa humnoota (Rapid Support Forces) jedhaman kan mormitoota karaatti bahan ajjeesuun himataman ajaja waraanaa jalattii akka bulan yoo himu, tajaajilli tikaa kaabineefi bakka bu'oota walaba tahaniin to'atama.
Waraannii Sudaan miseensonni humnoota (Rapid Support Forces) mormitoota ajjeesuun himataman sagal to'annoo jala ooluu erga beeksiseen booda waliigalteen kuni kan taasifame.
Namootni mormiif bahan ajjeefamuun mariin akka boodatti harkifatu taasiseera.
Yeroo waliigalteen kuni raawwate namootni turan kanneen garee lamaaniifu harka rukutuun gammachuu ibsaa turan.
Mariisisaan Itoophiyaa bakka bu'an Mahaamuud Diriir waliigalteen kuni ''shororkeessummaa mootummaan deeggaramu'' ni dhaaba jedhan.
Namooti dhibbaan lakkaa'aman daandiitti bahanii alaabaa mirmirsaa, shubbisaafi faaruu diddaa faarsaa turan.