Kora UK-Afrikaa: UKn Gamtaa Awurooppaa keessaa bahuun Afrikaatiif maal fidee dhufa?

Afrikaa Kibbaatti omishtoonni Wayinii mootummaan isaanii gabaa UK keessa jiru akka ilaaluuf fedhu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Afrikaa Kibbaatti omishtoonni Wayinii mootummaan isaanii gabaa UK keessa jiru akka ilaaluuf fedhu

Biriitish Gamtaa Awurooppaa keessaa bahuudhaaf projektii Brexit jedhu tolfattee hojjechuu erga jalqabdee bubbulteetti. Akka karoora isaaniitti Brexit erga xumuratteen booda UKn hojii daldalaa Afirkaa waliin qabdu daran guddifachuu barbaaddi.

Dhimmuma kana irratti kan fuulleffate Korri biizinasii UK-Afriikaa Landanitti jalqabameera.

Jalqaba Kora kanaa irratti Maatiiwu Deeviis, ardii Afrikaatiif carraa haaraa maaltu jiraachuu mala jechuun gaafatan.

Dhimmi daldalaa walxaxaadha. Waliigalteen daldalaas yeroo baayyee walxaxaadha.

Dhimmi Brexit kun erga jalqabamee waan bubbuleeruuf yeroon waliigalteen biyyattiin Gamtaa Awurooppaa keessaa baatu dabalatee ardiiwwan biroo waliin hariiroo biizinasii haaraa tolfachuuf kennames jalaa dhumaa jira.

UKn erga dhuma baatii Amajjii kana Gamtaa Awurooppaa keessaa baateen booda, waliigaltee daldalaa Gamtaa Awurooppaa waliin tofachuudhaaf yeroon kennameef ji'oota 11 qofaadha.

Boriis Joonsan yeroo ministiria Dhimma Alaa UK yeroo turan bara 2017 Gahaanaa yeroo daawwatan ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Boriis Joonsan yeroo ministiria Dhimma Alaa UK yeroo turan bara 2017 Gahaanaa yeroo daawwatan ture

Ministirri muummee Boriis Joonsaniifi warri Gamtaa Awurooppaa keessaa ba'uu deggeran yeroo hunda faayidaa Gamtichaan ala ta'uun qabu faarsu.

Bu'aawwan Gamtaa Awurooppaa keessaa ba'uun qabu keessaa ofiin of danda'uudhaan akka lammii biyyattiif ta'utti waliigalteefi hariiroo daldalaa tolfachuu danda'uudha.

Waliigaltee akkasii daldalaa garee humna guddaa qaban waliin taasisuun miidhaas, faayidaas ni qaba.

Kanaaf, ilaalcha barbaachisu gochuudhaan galma kaawwattan akka imaammata waloon irratti waliif galamuu danda'utti sirreeffachuu qabu.

Kan Afrikaa garamitti geessaa?

Barreessaan Gargaarsa Idil-addunyaa UK Alook Shaarmaa akkuma eenyuyyu eeguufi abdii qabutti hariiroon UK fi Afrikaan waliin qaban kan baayyee nama gammachiisu ta'a. Kunis gama daldalaafi biizinasiidhaan, akkasumas invastimantiidhaan kallattii barbaadeen deemuu ni danda'a jedhan.

Mootummaan UK ammoo dhimma kana waan xiyyeeffannoo itti kenne fakkaata.

Korri Invastimantii UK-Afrikaa amma itti jiramu kun kanaaf akka ragaatti ilaalamuu danda'a.

Yeroo Biriteen Gamtaa Awurooppaa keessaa baatu jijjiiramoota maaltu dhufa?

Hunda caalaa, dhuma Amajjii irratti wanti jijjiiramu hin jiraatu. UKn hanga dhuma waggaa kanaatti miseensa Yuniyeenii Gumurukaa Gamtaa Awurooppaafi Gabaa Adda Tokkoo taatee turti.

Waliigaltee kana waggaa lamaaf dheeressuudhaaf labsiin jira garuu kun ministira muummee Joonsoniin kan murtaa'u ta'a.

Kana jechuun ammoo hariiroon daldalaa UK fi Afrikaa gidduu jirus hanga 2020tti haala walfakkaatuun itti fufa jechuudha. Sababiin isaa ammoo waliigalteen Afrikaan qabdu kan duraan Gamtaa Awurooppaatiin ture jalatti waan ta'eef.

Bara 2020 booda ammoo maaltu ta'a?

Bara 2020 booda waliigalteewwan daldalaa biyyoota Afrikaa hedduufi UK Gamtaa Awurooppaa keessaa baate waliin taasifamu "waliigaltee itti fufsiisuu" kan jedhuun bifuma kanaan dura tureen ta'uu mala..

Akkaa Sekiritaarii daldalaa Idil-addunyaa Biriteen, Liizii Tiruusitti, waliigalteen duraan jirulleen "Brexit booda gufuu biraa tokko malee waliin biizinasii hojjechuufi daldaluu ni hayyama."

Kana jechuun ammoo UKn Brexit booda waliigalteewwan Gamtaa Awurooppaa jala jiran sana jalatti haalonni UKfi biyyoota Afrikaa gidduu jiran akka itti fufu taasifti.

UKn biyyoota kanaan dura waliigaltee daldalaa Gamtaa Awurooppaa waliin hin qabne waliin akka haaraatti hariiroo daldalaa tolfachuuf deemti. Kana keessaa inni guddaadha jedhamu Ameerikaadha.

Kun salphaa fakkaachuu mala garuu salphaa miti.

Biyyoonni Afrikaa walii galtee gaarii UK waliin tolfachuu danada'uu?

Garee guddicha Gamtaa Awurooppaatiin alatti, UK'n walii galtee uummachuun ija teekinikaan yeroo ilaalamu salphaa ta'uu mala.

Kana jechuun biyyoonni Afrikaan UK waliin daldalan tarii akka fedhii isaaniitti dubbatachuudhaaf dandeettii ni qabaatu.

Dubartii Keeniyaa abaaboo kaasuutti qabattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Keeniyaan omisha abaabo biyya alaatti ergiti

Akkuma jalqaba irratti dubbatametti waliigaltee daldalaa tolfachuun walxaxaa waan ta'eef yeroofi qabeenya kan gaafatudha.

Akkuma dhuma Amajjii kanarratti akka jalqabamu ta'een, Carraaqqiin hariiroo daldalaa tolfachuu UK dursa kennamuuf qaba.

UKn Afrikaarratti ni xiyyeeffattii?

Carraaqqiin guddaan UK'n waliigaltee daldalaa tolfachuuf taasisftu Gamtaa Awurooppaa waliinidha. Sababiin isaas, Gamticha waliin baayyee waan walitti dhiyoo taateefi michuu daldalaa ishee isa huda caalaa guddaa ta'edha.

Gamtaa Awurooppaan alatti ammoo kanneen dursi kennamuuf warreen akka Ameerikaa, Kooriyaa Kibbaafi Awustiraaliyaadha. Kana jechuun ammoo hariiroon daldalaa Afrikaa waliin UKn taasiftu warreen kanaa olii waliin yeroo ilaalamu sadarkaa gadi aanaadha ta'a.

Haata'u malee, dhimmichi dhimma gaaffii dhudhaafi hanga baayyina daldalaa ta'a. Fakkeenyaaf, biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadi jiran keessaa Afrikaan Kibbaa Gamtaa Awurooppaa waliin daldala baayyee gaggeeffatti.

Dhiibbaan Brexit dhimmota dinagdee Afrikaa biroorratti dhiibbaa ni qabaataa?

Dhiibbaan Brexit qabu daldalaan ol ta'uun waan haqaadha.

Kun Brexit booda yoo UKn kufaatii dinagdee keessa galte kan mul'achuu malu ta'a. Dhiibbaan akkasii kun bakkee akka Afrikaa Kibbaa guddoo kan miidhu ta'a.

Akka gabaasni UN agarsiisutti, UKn sadarkaa daldala idil-addunyaa keessatti gabaa alatti erguufi alaa galchuutiin Afrikaa Kibbaatiif sadarkaa saddetteeffaara jirti.

Kun ammoo yeroo dinagdee UK'tti qorru kan Afrikaa Kibbaa ni haxxifata jechuudha.

Lammileen Keeniyaa abaaboo omishan maaltu eeggataa?

Meeshaa daldalaa biyya alaatii galchitu tokko tokkoof UKn Brexit booda bu'uuraalee misoomaa biroollee kan ishee gaafatu ta'a.

Abaaboon Keeniyaadhaaf omisha biyyattiin biyya alaatti ergituufi madda sharafa alaa ittiin argattudha.

Industiriin abaaboo kun namoota 100,000 ta'aniif carraa banuudhaan, akkasumas karaa kallattii ala ta'een ammoo namoota miiliyoona lama ta'aniif muka bultoo kan ta'edha.

Nama omisha abaaboo keessa hojjeta

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nama omisha abaaboo keessa hojjeta

Yeroo ammaa kanatti oomishni abaaboo Keeniyaa bal'inaan kan gabaa Gamtaa Awurooppaa seenu gabaa guddicha Amastardamiinidha.

Sana keessaa ammoo %18 kan ta'u gara UK seena. Garuu kun Brexit booda akkam ta'aa?

Taarifa zeeroo gochuun waliigaltee itti fufisiisuu jala galuu mala ta'a garuu rakkoon bu'uraalee barbaachisanii jiraachuu danda'a.

Manni Maree Omishtoota Abaaboo Keeniyaa akka adda baafatetti abaaboo kallattiin gara UK'tti erguudhaaf akka garaa Naayiroobii-Amastardam gidduutti diriirfamee miti jedheera.

Jecha biroon, dhiibbaan jiraachuu mala jechuudha.

Abbootiin qabeenyaa maal barbaaduu?

Kampaaniiwwan Afrikaa ilalchisee, yeron Brexit boodaa jiru Gamtaa Afrikaas ta'e UK waliin hojii biizinasii isaanii irratti hundaa'a.

"Kampaniiwwan filannoo Gamtaa Awurooppaa gabaa UK keessa jiru irratti hundaa'an jijjiirama Awurooppaa keessatti dhufuu malurratti xiyyeeffachuun hordofuu feesisa.

Akkasumas, waliigaltee qajeelaa gara fuula duraattti tolfachuudhaaf waliin dubbachuu UKfi biyyootaa gidduutti taasifamurratti kan hundaa'u ta'a," jedhan Maatiiwu Isteern ogeessi DNA Dinagdee Piritooriyaa keessa hojjetu.

Abbootiin siyaasaafi gaggeessitoonni biizinasii Afrikaa yeroo Kora Invastimantii UK-Afrikaarratti hirmachuuf jiran kanatti, wantonni ifa hin ta'iin akkuma jiranitti jiru.

Wanti ifa hin ta'iin jiraachuun ammoo diina invastimaniidha. Kora sanarratti harka walfuudhuufi faara ifa ta'een wal ilaaluun jiraannaan, rakkoon guddaan jiraachuu dhabuuf ammallee wabii hin ta'e jedhameera.