Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Iraan: 'Iraan haleellaa misaayelaa kaleessaan booda waan dhaabde fakkaatti' jedhan Donaald Tiraamp
Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp, 'Iraan erga haleellaa misaa'elaa galgalaan booda waan dhaabde fakkaata' jedhan. ''Kunis qaamolee dhimmi kun ilaallatu maraaf waan gaaridha,'' jedhan.
Aabba Tiraamp dabaluun lubbuun Ameerikaas tahee Iraaq tokkollee hin obbaane jedhan. Buufanni waraanaas baayyee hin miidhamne jedhan.
Iraan ajjeefamuu Qaasem Solemaaniin booda waliigaltee nukilara omishuu daangessuu bara 2015 irra ga'amee ture akka diigdu kan beeksifte ture.
Iraan Iraaqiin akeekkachiifte
Haleellaa Roobii gaggeeffame yeroo gabaabaan booda akeekkachiifni Iraanirraa akka Iraaq qaqqabe Ministirri Muummee Iraaq aangoo gadhiisaa jiran Abdeel Abduul Mahahdiin dubbatan.
Ergaan akkeekkachiisaa isan gahe akka jedhutti, Iraan ajjeechaa Qaasem Solemaaniiniifi deebii kennuuf jecha haleellaa jalqabdeettii, ykn jalqabuuf jirti.
Akka Abdeel Abduul Mahahdiin jedhanitti haleellaan Iraan bufataaleen humna waraanaa US irratti qofa kan xiyyeeffatudha. Ta'us garuu bakka adda bahee beekame hin agarsiifne.
Yerooma walfakkaatutti, Ameerikaarraa ergaan bilbilaa misaa'eliin buufata Al Asad kan kutaa Anbaar keessa jiru irra bu'aa jira jedhu Iraaq qaqqabeera.
Humnoonni Iraaq battaluma dubbiin haleellaa kun mootummaa qabqqabeen akka of eeggannoon turan taasifame jedhan.
'Atakaaroon walirraa hin cinnetu eegama'
Akka ogeessi dhimma hariiroo addunyaa Landan Ikonomiks Iskuul Fawaaz Geerjes jdhansii aanga'oonni Iraan kanaan booda ajjeechaa Qaasem Solemaaniif haaloo baaneerra jechuu danda'u.
Akka Piroofesarri kun jedhanitti wanti hunduu beekuu qabu atakaaroon naanichatti osoo walirraa hin citiin itti fufa.
Ministira Dhimma alaa UK...
Ministirri Dhimma Alaa UK Dominikaan Raab biyyi isaanii haleellaa hamaafi of eeggannoo tokko malee buufata humna waraanaa UK, US, fi humnoota gamtaa biroorratti Iraan raawwatte ni balaaleffatti jedhan.
Gabaasawwan lubbuu darbaniifi balistik misaa'elii fayyadamuu ilaachisee "yaadda'uu" dubbatan.
"Iran gocha hamaafi of eeggannoo hin qabne kana akka irra hin deebine cimsinee gaafanna," jedhan.
Gamtaa Awurooppaa
Pirezedaantiin Gamtaa Awurooppaa (EU) Voon Der Leyeen Gamtichi waliigalteen nukilara gabbisuu daangessuu Iraan waliin waliif galamee ture akka hin diigamneef 'of qusachuu tokko male' akka hojjetu beeksisan.
Pirezedaantiin EU kun naannoo sana keessaatti meeshaa waraanaa sana fayyadamuun akka dhaabatuufis waamicha dhiyeessaniiru.
Akka humni waraanaa Iraaq gabaasetti, walumaa galatti hanga ammaa misaa'eloonni 22 haleellaa kanaaf dhukaafamaniiru.
Ministirri Inarjii Yunaayitid Arab Imiratsi (UAE) Suhaa'il al-Mazro'uu, gochi kun biyya michuu ishee taate Ameerikaafi kan hollaa ishee taate Iraan gidduutti muddama uuma jedhan. Kanaaf, "Nuti waraana arguu hin feenu."
Pirezedaantiin Iraan Hasan Ruhaanii ammoo biyyattiif haasaa taasisuuf jiru.
Haleellaa kanaan miidhaan qaqqabe yoo beekamuu baatellee Yoo xiqqaate buufataaleen loltoota Ameerika Iraaq keessatti argaman misaa'eelii kudhanii oliin haleelamuu Humni Ittisa Ameerikaa ibseera.
Miidiyaan Iraan akka himetti haleellan kun ajaja pireezdantii Doonaldi Tiraamp hogganaa waraanaa Iraan Qaasem Solemaanii ajjeesamuu isaaf deebii kennameedha.
Buufataleen Irbil fi Al Asaad keessaa yoo xiqqaate lama haleelamaniiru jedha Pentaagon.
Miidhaan akkamii akka qaqqabe ammatti ifa hin taane.
Eegumsi Warraaqsa Iraan ibsa miidiyaaa biyyatti IRNA irratti kenneen, " Michuuwwan Ameerikaa, kan waraana shororkeessaa isheef buufata kennan hundaaf akeekkachiisaa jirra.
Lola Iraan irratti ka'uuf daangaan ka'uumsa ta'e kamuu xiyyeefannoo waraanaa keenya keessa ni gala," jedha.
Aanga'aan Ameerikaaof hin beeksisne tokko akka midiyaa biyyatti USA Todaytti himeen looltoti Al Asad keessa jiran buufati isaani akka haleelamuuf jedhu dursanii odeefannoon waan ga'eeniif, of dhoksuu danda'aniiru jedha.
Biyyaa Iraaq keessa looltoota kan qaban Biriteenifi Kanaadaan haleella kanaan lammileen isaani miidhaman akka hin jirre beeksisaniiru.
Akkuma kana humni waraanaa Iraaqis haleellaa Iraaniin lammileen Iraaq miidhaman hin jirani jedheera.
Ministeerri haaja alaa Iraan Javaad Zarif haleellan kun waraana barbaadu osoo hin taane offirraaa ittisuudha jechuun Twitter gubbaatti bareessaniiru.
Xiqqoo turuun Pireesidant Tiraampis "hundu naagadha" jedhanii jalqabuun, miidhaan ga'e ammatti hin baramnes jechuun Twitter gubbaatti barreesseera.
Haleellaan kun awwaalchi Solemaani xumurame sa'atii xiqqoo booda gaggeefame.
Kun ta'uun dura Pireezdaant Tiraamp loltoota US Iraaq keessaa baasuun biyyittiif wanta hamaadha jedhee ture.
Ameerikaan Iraaq keessaa looltota 5000 ta'an qabdi.