Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qaasem Solemaanii: Sirna awwaalcha Komaandara Iraan irratti maaltu ta'e?
Daandiin maagaalaa guddoo Iraan Tehiraan lammilee biyyattii gadda Komaadar Qaasem Solemaan Ameerikaan jalaa ajjeefteef bahaniin dhiphattee jirti.
Komaandar Solemaaniin Jimaata darbe ture ajaja Pirezedaant Tiraampiin Iraaqitti kan ajjefaman.
Gadda lammileen Iraan akka galaanaatti bahanii irratti argaman kanarratti Gaggeessaan Ol-aanaa Iraan Ayaatolaa komaanii sirna kadhannaa gaggeessaniiru.
Yeroo sirna kadhannaa gaggeessan kanattis osoo gidduutti imimmaan haqatanii argamaniiru.
Ajjeefamuun Komaandar Qaasem Solemaanii kun hariiroo Iraaniifi Ameerikaa duraanuu walqeequun guutame daran hammeesseera. Biyyoonni lamaan walitti dhaadachuurra darbee akka dhimma dubbii addunyaallee ta'eera.
Iraan ajjeechaa Komaadar Solemaanii waliin walqabatee "haala hamaa ta'een haaloon baha" jechuun dhaadatteetti. Dilbata darbe kanas waliigaltee omisha nukiralaraa daangessuudhaaf bara 2015 waadaa galtee turtellee akka diigus dubbatteetti.
Solemaaniin nama umuriin isaa 62 guute yoo ta'u, oppereeshinii waraanaa Iraan akka Baha Giddu-galeessaa keessatti kan dhiibbaa uumu akka ta'u taasisuu keessatti nama gahee adda durummaa qaban turan.
Gocha isaanii kanaaf Ameerikaan ammoo Solemaaniitiin akka shorokkeessatti ilaalti ture.
Pirezedaant Tiraamp akka jedhanitti Solemaaniin dippilomaatota USfi loltoota ishee Iraaqiifi naannicha keessa bakka gara garaa jiran irratti haleellaa raawwachuuf "shira xaxaa."
Sirna awwaalcha Solemaanii irratti maaltu ta'e?
TVn biyyattii namoonni sirna awwaalcha Komaandar Qaasem Solemaanii irratti dacha'anii akka bahan agarsiisa. Soemaaniin akka goota biyyaatti dhaadeffama.
Gaggeessaa Waliigalaa Biyyattii Komaaniitti aanee nama biyyattii keessatti dhageettii qabu isa lamaffaadha.
Namoonni gaddaaf bahan gariin yeroo boo'an, kaan ammoo suura goota isaanii qabatanii mul'atu. Namoonni gaddaaf bahan kunneen reeffa isaatti naanna'anii "Duuti Ameerikaatiif" jechuun sagalee dhageessisu.
Intalli Komaadarichaa Zeyinab Solemaanii US "Guyyaan gurraachi" hamaan ishee eeggata jechuun akeekkachiifteetti. "Ajjeefamuu abbaa koon booda wanti hunduu akka dhumateeru hin beeku Tiraamp Maraatichi" jette.
Sirna awwaalchaa Wixata erga gaggeeffameen booda, reeffi Janaraalichaa wiirtuu awaalcha Islaamota Shi'aa 'Qom' jedhamutti gaaggeeffamuun Kibxata ammoo qe'ee dhaloota isaa Kermaanitti sirni gaggeessaan raawwatamuuf jira.
Maatii Janaraal Qaasem Solemanii magaalaa Tehraan jiru yeroo daawwatanitti Pirezedaant Ruhaaniin akkas jedhan: "Dhugumatti Ameerikaanonni dogogora hamaa akka raawwatan hin hubanne.
"Harka Ameerikaa dhiigaan laaqame naannicha keessaa ittiin seentu kutuudhaan gumaa dhiiga isaa deebisuun haaloo baana."
Iraan kana booda waligaltee bara 2015 irratti hojii nukileeraa daangessuuf kan waligaltee turte akka diigdees beeksifte.
Ibsa ba'e irratti kana booda hojii nukileeraashee irratti, dandeetti, sadarkaa, meeshalee, qorannoos ta'e foyya'iinsaa isaa akka homaaa hin dangeessine agarsiisa.
Dilbata ammoo miseensonni mana maree Iraaq loltoonni biya biraa biyyashee keessa jiran akka bahan murtee dabarsaniiru. garuu loltoonni Ameerikaa duula IS injifachuuf taasifamaa ture keessatti afeeramanii biyyattii keessa jiru.
Dursaan haraa humna waraanaa Iraan, Quds Forces, jedhamu duraan Komaandar Solemaaniin gaggeefamaa ture US Baha Giddu-galeessaa keessaa baasuudhaaf dhaadateera.
Tiraamp ammoo gama isaaniitiin ajjeefamuu Qaasem Solemaanii waliin qabatee Iraan haaloon baha jettee ni sochooti taanaan waan hamaatu ishee eeggata jechuun dhaadataniiru. "Tarii adabbii kana ni madaala jedhameen olillee ni ta'a," jedhan Tiraamp.